Jibuutii - Beela, gidiraafi lafa awwaalchaa godaantota Itoophiyaa
Akeekkachiisa: Odeessi kuni qabiyyee miira isin gaddisiisu qaba.
Godaantonni Itoophiyaa jiruu fooyyee qabuu hawwanii Sa'udii Arabiyaa dhaquuf manaa bahan Jibuutii keessattii rakkoo jabduutu isaan qunname.
Beela keessa jiran himatu malee waan keessa darban kanarra hamaadha.
''Nama torba waliin manaa bahee nama lama qofa waliin jira. Na biraa dhumaniiti,’’ jedha dargaggoon BBC'n dubbise.
Lammiileen Itoophiyaa kuni maatii isaanii caalaa dallaalaa amananii, biyya hin beekne hawwanii qe'eetii bahan. Hireen isaanii gammoojjii keessa dararamuu ta'e.
Kaan Yamanitti ce'ani rakkatu, kaan Kaaba Jibuutiitti danqamanii jiru. Kaan boqonnaa dhumaa boqotan.
Gareen BBC bakkee awwaalchaa godaantota Itoophiyaa magaalaa Obook jiru dhaqee daawwateera.
Qopheessaa : Ammayyuu Ittaanaa
Viidiyoo kan midhaassite: Aslii Galgaloo






