Baankiin Biyyaalessaa namoota maallaqa seeraan ala daddabarsan irratti 'tarkaanfii cimaa' fudhachuuf

Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dr Iyyoob Takkaalliny

Madda suuraa, National Bank of Ethiopia

Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhaabbilee Hawaalaa, kanneen maallaqa erganii fi fudhatan, maallaqa seeraan ala daddabarsu jedheen, irratti tarkaanfii cimaa fudhachuuf akka jedhu ibse.

Bulchaan baankichaa Dr Iyyoob Takkaalliny jaarmiyaaleen maallaqa daddabarsan gocha shororkeessummaa ykn daldala seeraan alaa keessatti hirmaatan bira ga'uu ibsan.

Namoota haala kanaan maallaqa daddabarsan irratti ''tarkaanfii bal'aa fi qindaa'aa ta'e,'' fudhachuuf akka qophaa'an ibsan.

''Kanneen karaa seera qabeessa ta'een hojjechuu didan ykn seeraan ala deemuu filatan irratti waan harka keenya jiru hunda fayyadamnee tarkaanfii ni fudhanna. Humna qabnu hunda fayyadamnee kana ni dhaabsifna,'' jedhan.

''Kanaafuu namoonni hojii akkanaa keessa jirtan akka of qusattan yaadachiisna,'' jechuun akeekkachiisa dhumaa kennan.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa kun US, Waashingitan DCtti marii taasisan booda ergaa viidiyoodhaan dabarsanii akeekkachiisa kana kennan.

Dr Iyyoob Takkaalliny hooggantootaa baankiiwwanii waliin ta'uun jaarmiyaalee maallaqa daddabarsan kanneen Waashingitan DC fi naannawa isheetti argaman waliin erga mari'atanii booda ergaa kana dabarsan.

Ergaan kun dhaabbileen hawaalaan maallaqa daddabarsaniif ''akeekkachiisa dhumaati'' kan jedhan bulchaan kun, ''of eeggannoo akka taasisan'' cimsanii akeekkachiisan.

''Baankiin Biyyaalessaa, mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii gosa kamiiyyuu fudhachuurraa of hin qusatu. Akkaawuntii cufuu qofaan waan bira darbu hin ta'u,'' jedhan.

Haata'u malee Dr Iyyoob waa'ee tarkaanfii fudhachuuf jedhanii irratti ibsa bal'aa hin kennine.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xumura bara darbeettis Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa dhaabbileen faayinaansii teessoonsaanii US ta'e afur sirna faayinaansii Itoophiyaa fudhatama dhabsiisuuf yaalan jechuun akka qorataman waamicha dhiheessee ture.

Dhaabbilee faayinaansii afur maqaa dhahuun ''amanamummaa sirna faayinaansii Itoophiyaa shakkii keessa akka galu godhaniiru akkasumas gochoota seeraan alaa maallaqaan tumsaniiru,'' jechuun himate.

Himannaa keessatti daddabarsitoonni maallaqaa Yunaayitid Arab Emireetis jiranis hammatamaniiru.

Baankiin Biyyaalessaa ''tarkaanfii bal'aa, qindaawaa fi waltumsuun fudhatamu,'' daddabarsitoota maallaqaa qofarratti akka hin daangessine ibseea.

''Kanneen maallaqa fudhatanis ni hammata. Ergitootaan walqabatee hojii adda baasuu bal'inaan hojjenneerra. Gara tarkaanfii qindaa'aatti seenaa jirra.''

Kanaafuu lammiileen keenya haala kanaan maallaqa ergitan akka of qusattan hubachiisna jedhan qondaalli Itoophiyaa kun.

Dhaabbileen daldalaa, alergitoonni fi kanneen gara biyya keessaa meeshaalee galchan hundi toora kana keessaa akka bahan gorsan.