Itoophiyaan namoota maallaqa seeraan ala daddabarfamu eeran nan badhaasa jette

doolaara dhoksaatti namoota waljijjiiran

Madda suuraa, Getty Images

Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa maallaqa seeraan ala daddabarfamu to’achuuf namoota eeruu kennaniif maallaqa jajjabeessituu akka kaffaluuf beeksise.

Hogganaan Baankii Biyyoolessaa Dr Yinnaagar Dasee guyyaa Jimaataa Finifinneetti akka ibsanitti, mootummaan maallaqa seeran ala daddabarfamu to’achuuf tarkaanfii fudhataa jira.

Mootummaan qaala’iinsa jireenyaa fi gatii tasgabbeessuuf tarkaanfii akka fudhatu beeksiseera.

Kanarraa ka’uun maallaqa baankiin eeyyamee olitti namoota qabatanii argaman nama eeruu kenneef, maallaqa qabameerraa %15, maallaqa biyyoota alaa daddabarfamurraa %15, maallaqa karaa hawaalaa seeraan ala daddabarfamu nama eereef birrii 25,000 Baankiin Biyyoolessaa akka kaffalu bulchaan kun himaniiru.

Kana malees, warqii karaa kontiroobaandii daddabarfamu nama eereef gatii warqiin sun qabu %15 akka kaffaluuf beeksise.

Akkasumallee nootii maallaqa sobaa seeraan ala maxxanfamu nama eereef birrii 20,000 - 200,000 akka kaffalu beeksisera.

Namoota maallaqa seeran ala daddabarfamu eeran jajjabeessuuf qajeelfama qopheessuu fi eenyummaan namoota eeruu kennanii akka eegamu Dr Yinnaagar himaniiru.

Biyya keessaa maallaqa biyyoota alaa bituun namoota ykn dhaabbilee meeshaalee biyya alaatii galchan to’achuuf Doolaara biyya alaatii qaban Baankiin Biyyooleessaatti beeksisuf dirqama akka qaban ibsameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota lamaan darban gatiin sharafa maallaqa biyyoota alaa dabalaa kan adeeme yoo ta’u, gatiin sharafa maallaqaa kan yeroo kamiyyuu caalaa guddaa ta’uu daldaltoonni ibsaniiru.

Baankonni Itoophiyaa Doolaara Ameerikaa tokko naannoo birrii 52tti bitaa kan jiran yoo ta’u, gabaa gurraachatti garuu dachaa kanaatiin sharafamaa akka jiru daldaltoonni himaniiru.

Mootummaan daddabarsa maallaqaa seeraan alaa jedhamu kana to’achuuf namoota maallaqa biyya alaa daddabarsan to’achuuf shakkamtoota ibsaa tureera.

Dr Yinnaagar akka jedhanitti, tarkaanfii mootummaan fudhateen namoonni 391 maallaqa otoo seeraan ala daddabarsanii to’atamanii dhimmisaanii seeraan ilaalamaa akka jiru himan.

Akkasumallee hooggantoota baankii fi hojjattoota isaanii maallaqa seeran ala dabarsuu keessatti qoodan qaban qorachuun tarkaanfii akka irratti fudhatu ibsameera.

Baankii Biyyoolessaa namoonni dhuunfaa birrii 100,000 ol, dhaabbileen ammoo birrii 200,000 ol qabatanii of harka tursiisuu akka hin dandeenye beeksisee ture.

Kaffalatiin eerame kanaa ol yoo ta’e bittaa fi gurgurtaa karaa baankiin akka gargaaraman Baankii Biyyoolessaa ajajeera.