Itoophiyaatti hangi mindaa gibirri galii olaanaan cituu gara birrii kuma 14tti ol siquuf

Nama birrii Itoophiyaa lakkaa'u

Madda suuraa, Getty Images

Hangi mindaa hojjattootaa gibirri olaanan dhibbeentaa 35 gulantaan irraa eegalu birrii 10,900 irraa gara 14,000tti ol akka guddatuuf wixineen seeraa Mana Maree Bakka Bu'ootaf dhiyaate.

Sadarkaan mindaa gibirri olaanan irraa cituu eegalu birrii kuma 14 ol akka hin taane kan godhame galii mootummoota naannolee irratti dhiibbaa akka hin qabaanne jedhamee akka ta'e ibsamee jira.

Itoophiyaatti sadarkaan gibira galii inni olaanan dhibbeentaa 35 ka'uumsa mindaa birrii kuma 11tti dhiyaatu irraa ta'ee kan ragga'e labsii gibira galii ALItti bara 2008 baheen.

Labsiin waggaa sagal dura bahe akka fooyya'uuf wixineen seeraa torbee darbe gaafa Jimaataa Mana Maree Bakka Bu'ootaaf dhiyaatee ture.

Wixinee seeraa kana qopheessun kan barbaachise galiin qonnaafi gibira irraa argamu galii waggaa keessaa gahee gadaanaa akka qabuufi waggoota ittaananitti gara dhibbeentaa 11tti guddisuuf tarsiimoo mootummaan federaalaa qopheesse keessaa tokko ta'uu wixineen kun ni ibsa.

Gibira ammayyaa diinagdee diijitaalaa waliin wal-simu uumuf kan kaayyeffate ta'uu kan ibsu wixinichi, adeemsawwan gibira waliin dhahuuf haala mijataa uuman hambisuuf ni fayyada jedhame.

Akkaataa seera amma hojiirra jiruun, namoonni mindaa ji'aa hanga birrii 600 argatan gibirra irraa bilisa yoo ta'an, mindaa birrii 601-1650 kan argatan gibira dhibbeentaa 10 irraa cita.

Mindaa hojjattootaa irraa mindaan sadarkaa jahaan kan irraa citu yoo ta'u, sadarkaan gibiraa inni jahaffaafi olaan dhibbeentaa 35 yoo ta'u, mindaa birrii 10,900fi isaa ol kan argatan irraa cita.

Akkaataa wixinee labsii amma paarlaamaa Itoophiyaaf dhiyaaten garuu dhibbeentaan gibira kaffalamuu osoo hin jijjiiramin gulantaawwan mindaarratti jijjiiramni hangi tokko akka godhamu ta'eera.

Bifa kanaan mindaan xiqqaan gibira irraa bilisaa birrii 600 ture gara 2,000 akka ul guddatu ta'ee jira.

Gibbirri olaanan dhibbeentaa 35 kan irraa citu ka'uumsi sadarkaa mindaa birrii 10,900 ture gara 14,000tti akka ol siqu ta'eera.

Wixinee labsii dhiiyaate kanarratti akka ibsametti, wixinicha ilaalchisee yaada uummataa walitti qabameen, galiin ji'aa gibira irraa bilisa ta'u heddu akka ol siqu gaafatamus, fudhatama akka hin arganne.

Kun ammoo galii mootummaan argachuu qabu akkaan kan gadi buusu akka sababaatti dhiyaachuni hangi galii gibira irraa bilisaa birrii 2,000 caalaa akka ol hin siqne kan godhameef.

Keessumaa mootummoonni naannolee galii sassaaban irraa keessaa gibirri mindaarraa sassaaban olaanaadha.