Itoophiyaan jijjiirama sharafa alaarratti taasifteen hanga ammaatti maal argatte? Maal dhabde?

Madda suuraa, Getty Images
Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa ALI Adoolessa 22, 2016 sirna bulchiinsa sharafa alaa irratti fooyya'iinsa taasisuun bittaafi gurgurtaan sharafa alaa gabaadhaan akka murtaa'u taasisuunsaa ni yaadatama.
Murteen Baankii Biyyaalessaa kunis diinagdee Itoophiyaarratti abdii fi yaaddoo cimaa uumee ture.
Yaaddoowwan ijoo ka'aa turan keessaa tokko ammoo murteen kun qaala'iinsa gatii gateettii lammiilee biyyattii dadhabse caalmaatti ni miidha kan jedhu ture. Keessattuu ammoo miidhaan kun lammiilee galii gadi aanaa qaban irratti akka cimu kan yaadda'anis heddu turan.
Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaafi Gorsaa Diinagdee Magaalaa kan ta'an Dr. Tashoomaa Tafarraa, murteen Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa hojiirra oolche kun waan buusees waan miidhes qaba jedhu. Kanas akka rmaan gadiitti tarreessan.
'Jireenya harka qalleeyyii miidheera'
Mootummaan Itoophiyaan sirna bittaafi gurgurtaa sharafa alaa waggoota 20 oliif ture dhiisuun sirna gatiin sharafa alaa gabaadhaan murtaa'utti kan ce'e sababoota garagaraa eeruun ture.
Galmi ijoon jijjiirama kanaa guddina diinagdee itti fufiinsa qabufi hirmaachisaa ta'e mirkaneessuu ta'us sababoonni murtee kanaaf ka'umsa ta'anis heddu turan.
Isaan keessaa isaan ijoon sirn sharafa alaa biyyattiin hordofaa turte qaala'insa jireenyaa olaanaa fiduu, babal'achuu gabaa sharafa alaa al idilee (black market) akkasumas daldalli kontorobaandii albuudawwan qaalii kan jedhan ni argamu.
Haata'u malee, fooyya'iinsi sirna sharafa alaa biyyattiirratti taasifame kun bu'aawwan garagaraa fidus lammiilee biyyattii galii gadi aanaa qaban miidhuusaa ogeeyyiin diinagdee himu.
"Rakkoolee diinagdee keessatti fide keessaa inni guddaan jireenya harka qalleeyyii baay'ee miidhee jira. Kana jechuunis wantoonni namoonni fayyadaman kan biyya alaatii galan akka gatiinsaanii mi'aawu taasiseera" jedhu Dr. Tashoomaan.
Kun immoo keessattuu gatii omishaalee nyaataaf hin oollerratti mul'achuusaa himaniiru.
Gama biraatiin murteen kun qusannaa lammiilee biyyattii akka miidhe kan himan ogeessi diinagdee kun, gatiin maallaqni hammi walfakkaataan waggaa tokko dura qabufii amma qabu garaagarummaa guddaa qabaachuu dubbatan.
Dabalataan sirni sharafa alaa haaraan kun liqaan biyya alaa biyyattiirra jiru birriidhaan yemmuu shalagamu akka dabalu taasisuus himan.
"Biyyattiin liqaa biyya alaa irra jiru kaffaluuf birriin ishee barbaachisutu jira; waggaa waggaadhaan bajanni yemmuu labsamu.
Fakkeenyaaf yeroo doolaarri tokko birri 40 turetti (mootummaan) liqaa doolaara biliyoona tokko kaffaluuf birrii biliyoona 40 bajata keessatti qabata. Baranammoo birrii biliyoona 130 bajata keessatti qabachuu qaba" jedhan.
'Bu'aawwan jijjiraman taasifameen argaman jiru'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sirni sharafa alaa ji'oota 11 dura hojiirra ooluu eegale rakkoolee olitti eeraman fidus, faayidaan inni diinagdee biyyattiif argamsiisees ni jiru.
Baankiin Biyyaalesaa Itoophiyaa biyyattiin ALI ji'a Adoolessaa, 2016 sirna sharafa alaa haaraa hojiirra erga oolchitee booda daldalli alaa babal'achuusaa, sharafni alaa karaa seera qabeessa ta'een gara biyyattiitti ergamu dabaluusaa akkasumas kuufamni sharafa alaa inni qabu guddachuusaa hima.
Yunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaafii Gorsaa Diinagdee Magaalaa kan ta'an Dr. Tashoomaa Tafarraas yaada kana kan deeggaran yemmuu ta'u, bu'aawwan argaman keessaa tokko guddachuu al-ergii biyyattii ta'uu himu.
"Daldalli al-ergii biyyattii waggoota hedduuf baay'ee xiqqaa ture, (galiin waggaatti al-ergiirraa argamu) doolaara biliyoona afur darbee hinbeeku.
Erga gatiin sharafa alaa gabaadhaan murtaa'uu eegalee al-ergiin bunaa doolaara biliyoona tokko caalee hinbeeku. Barana garuu ji'oota 9 ykn 10 keessatti doolaara biliyoona lama darbuuf jedha" jedhan.
Dhiyeenya kana gabaasa raawii hojii ji'oota 11 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf kan dhiyeesse Ministeerri Daldalaafii Walitti Hidhamiinsa Naannoo, daldala alaarraa doolaara biliyoona 4.59 argachuuf karoorfamee doolaarri biliyoona 7 ol argamuusaa ibseera.
Kana malees garaagarummaan gatii sharafa alaa baankiiwwan fi gabaa al-idilee (black market) gidduu jiru dhiphachuun bu'aa jijjiirama sirna sharafa alaarratti taasifamee akka ta'e Dr. Tashoomaan himaniiru.
Dabalataan jijjiiramni kun hojiirra ooluunsaa mootummaan dhaabbilee akka Baankii Addunyaafii Dhaabbata Maallaqa Addunyaarraa maallaqa akka argatuuf karra saaquusaas kaasan.
Gatiin oomishaalee ammas dabalaa jira
Eejansiin Istaatistiksii Itoophiyaa reetiin gatiin oomishaalee itti dabalu (inflation) yeroo gara yerootti hir'achaa dhufuusaa himeera.
Akka fakkeenyaattis, qaala'insi gatii waliigalaa (general inflation) ALI ji'a Adoolessaa bara 2016'tti dhibbeentaa 18.6 ture ji'a Caamsaa bara 2017'tti gara dhibbeentaa 14.4'tti gadi bu'uusaa hima.
Haata'u malee, kana jechuun hammi yookiin reetiin gatiin omishaalee itti dabalu hir'ateera jechuu malee gatiin omishaalee isa dura turerraa gadi bu'eera jechuu miti.
"Dhibbeentaa 14 ta'e jechuun harka qalleeyyiifii namoota qarshii murtaa'aa ji'a ji'aan argatan (qacaramtoota) irratti dhiibbaa guddaa fida" jedhu Dr Tashoomaan.
Gama biraatiin reetiin gatiin omishaalee itti dabalaa deemu (inflation) xiqqaachaa deemunsaa bu'aa imaammata maallaqaa mootummaan Itoophiyaa hojiirra oolche ta'uus himu.
Kunis Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Addunyaan leellifamuusaa kaasuun, kana jechuun garuu diinagdeen biyyattii fayya qabeessa jechuu miti kanaafis gara dijiitii tokkootti gadi bu'uu qaba jedhan.
Namoota galii gadaanaa qabaniif...
Qaala'insa jireenyaa sababa jijjiirama sirna sharafa alaa biyyattiin hojiirra oolchiteen dhufeefi miidhaa inni namoota galii agadi aanaa qabanirratti geessisu hir'isuuf hojiileen garagaraa hojjetamuu akka danda'an Dr. Tashoomaan himu.
Kana keessaa inni tokko ammoo namoota mindaadhaan jiraatanii fi galii gadi aanaa qabaniif gibira galii hir'isuun furmaata tokko akka ta'e dubbatu.
Dabalataan, seera kaffaltii gadi aanaa hojjettootaaf kaffalamuu qabu daangessu (minimum wage) hojiirra oolchuun akkasumas namoonni harka qaleeyyiin sagantaawwan seeftineetii garagaraan akka fayyadaman taasisuun furmaatawwan isaan biroo akka ta'anis kaasaniiru.
Gama biraatiin ammoo, "doolaarri argame seektara kam irratti bahii ta'a kan jedhus deebi'amee ilaalamuu qaba. Doolaarri dhufu doolaara biraa oomishuu qaba" jedhan.












