Baankiin Daldala Itoophiyaa gatii bittaa fi gurgurtaa Doolaaraa irratti daballii Birrii 17 taasise

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Itoophiyaa gatiin sharafa alaa haala gabaa irratti hundaa’uun akka murtaa’e erga labsee Baankiin Daldala Itoophiyaa guyyaa jalqabaan gatii bitta afi gurgurtaa Doolaaraa duraan ture irratti Birrii 17 dabale.
Baankiin Daldala Itoophiyaa labsicha hordofee baankota dhuunfaa kaan dursuun sirreeffama gatii taasiseera.
Jimaata darbe Doolaarri Ameerikaa tokko Birrii 57.48 sharafamaa oole. Har’a ammoo gara Birrii 76.23tti ol kaaseera.
Daballiin Dolaara Ameerikaa tokko irratti taasifame Birrii 17.6 tahuu agarsiisa.
Baankiin mootummaa kun bittaa Doolaara Ameerikaa tokko irrattis daballii Birrii 17.24 taasiseera.
Dhuma torbee darbee irra gatii bittaa Doolaara Ameerikaa tokkoo Birrii 57.48 kan ture gara Birrii 74.73 thaeera.
Paawondii Yuunaayitid Kiingidam irratti ammoo daballiin gatii sharia Birrii 20 tahu argameera.
Torban darbe Paawondii Isteerlingii tokko Birrii 72.08 sharafamaa ture. Amma gatiin sharafa isaa gara Birrii 93.71tti guddateera.
Gatii bittaa fi gurgurtaa Yuuroo irrattis dabaliin Birrii 20 tahu mul’ateera.
Baankiin Daldala Itoophiyaa gatii sharafa alaa irratti jijjiirama hagasii kan taasise Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa har’a irraa jalqabee tilmaamni gatii sharafa alaa sirn agabaa oolee irratti hundaa’uun akka tahu murteessuu isaa hordofeeti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baankiin Biyyaalessaa Wiixata har’aa (Adoolessa 29, 2024) ibsa baaseen sirni jijjiirraa sharafa alaa kan duraan ture irraa akka jijjiiramuu fi gatiiin sharafaas baankotaa fi maamiloota gidduutti jijjiirraa taasifamuun akka murtaa’u beeksiseera.
Aangoo sharafa alaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaatti dabarsanii kennuun dirqama kan ture yoo ta’u, amma garuu hafuu ibsa kana keessatti eerameera.
Akkaataa seera fooya’e kanaan alergitoonnii fi baankonni, sharafa alaa argatan ofiisaaniif fayyadamuu waan danda’aniif, haalli kun tajaajila sharafa alaa dameelee dhuunfaaf kennamu ni fooyyessa.
Imaammati diinagdee fooyya’ee ba’e kun hojiirra ooluu erga eegalee booda baankonni gatii bittaa fi gurgurtaa doolaara Ameerikaa irratti birrii 17 dabalaniiru, gatiin gabaa al-idilee irra jirus haaluma walfakkaatuun akka dabalu ni eegama.
Dabalataan gatiin birrii Itoophiyaa gadi bu’uun oomishaalee fi dhiyeessii tajaajilaa irratti dhiibbaa akka uumu ni eegama.
Sagantaan Imaammata Fooyya’iinsa Diinagdee Dilbata kaleessaa (Adoolessa 28, 2024) waajjirri miniteera muummee ibse mootummaan Itoophiyaa gatiin sharafa alaa akkaataa gabaa biyya keessa jiruun akka gaggeeffamu labsuu agarsiisa.
Murteen mootummaa kun dhimma ijoo yeroo dheeraaf Itoophiyaa fi jaarmiyaalee maallaqaa waldhabsiisaa ture irratti jijjiirama kan fiduudha.
Jijjiiramni kunis gatiin sharafa alaa to’annoo mootummaa jala ture haala qabatamaa gabaa keessaa jiruun akka murtaa’u gochuudha.
Imaammata diinagdee fooyya’ee ba’e kana keessatti gatii sharafa alaa fi maallaqi Itoophiyaa ittiin wal jijjiiran akkaataa gabaarra jiruun sirreessuun fedhii fi dhiyeessii sharafa alaa jiru walsimsiisuuf gargaara jedha.
Haala kanaan fedhii fi dhiyeessii sharafa alaa diinagdee biyyattii keessatti danqaa uumee ture soroorsuun akka danda’amu eera sagantaan diinagdee haaraan kun.












