'Lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan waggaa kana $ biliyoona jahaa ol biyyatti erganiiru'

Madda suuraa, Getty Images
ALI bara bajataa 2016 keessa lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan doolaara Ameerikaa biliyoona 6.5 ta'u biyyatti erguu tajaajilli Dayaaspooraa Itoophiyaa beeksise.
Daayireektarri waajirichaa Obbo Balaaynaa Aqinaaw yaada BBCf kennaniin maallaqni kun kan baroota darban muraasaa ''gara doolaara biiliyoona lamaa oliin caala'' jedhan.
''Hanga Waxabajjii 30 ttii remittance dhaan maallaqni gara Itoophiyaa ergame doolaara biiliyoona 6.5 ta'a. Waggoota erga jijjiiramaa turan gidduugalaan maallaqni ergamaa ture naannoo doolaara biiliyoona afuriiti'' jedhan.
Diinagdeen biyyoota Afrikaa hedduu maallaqa lammiileensaanii biyyoota guddatan keessa jiraatan maatiifi firoota isaaniif ergan(remittance) irratti hundaa'a.
Gabaasni Baankii Addunyaa akka agarsiisutti maallaqni gara biyyoota galii xiqqaa fi gidduugaleessaa qabanitti bara 2023 keessa ergame doolaara biiliyoona 669 gaha.
Guddinni maallaqa gara biyyoota Sahaara gadiitti ergamu dhibbentaa 1.9n akka dabalu dhaabbatichi tilmaameera.
Biyyoota addunyaa maallaqa guddaa bifa remitansiin argatan keessaa Indiyaa, Meeksikoo, Chaayinaa, Indoneeshiyaa fi Maasiitu sadarkaa tokkoffaa hanga shanaffaa jiru qabatan. Waggaatti doolaara biiliyoona 125 hanga doolaara biiliyoona 24 argatu.
Maddii remitaansii inni guddaan biyyoota kanaa ammoo Ameerikaadha.
Itoophiyaafis maddii remitansii inni guddaan Ameerikaa ta'uu Obbo Balaaynaan himaniiru.
''Maallaqa biyyatti ergame kana keessaa dhibbeentaa 40 kan ta'u Ameerikaarraa ergame, sadarkaa lammaffaatti ammoo dhibbeentaa 19 kan ta'u biyyoota Awurooppaa keessaa dhufe'' jedhan.

Madda suuraa, Ethiopian Diaspora Service
Biyyoota gidduugaleessa bahaa, biyyoota Afrikaa, Awustiraaliyaa fi Kaanadaa irraas maalliqni guddaan akka ergame dubbatan.
Waggoota darban keessa maallaqni bifa rametansiin gara biyyaa galurratti gabaasni dhiyaatu ifaa miti, lakkofsi diyaasporaa Itoophiyaa biyyoota addunyaa adda addaa keessa jiraatu meeqa akka ta'es qulqullaa'ee hin beekamu.
Ammas gabaasa tajaajilli Dayaaspooraa Itoophiyaa baase haarbeffameera warri jedhan jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Amma dura maallaqni biyyoota alaatii galu addatti bahee hin ibsamu kan jedhan Obbo Balaaynaan, Inveestimeentiifi gargaarsaan kan dhufu walumatti qabamee remitaansii jedhamee dhiyaachaa turuu himan.
Obbo Balaayneen akka jedhanitti waggoota muraasa darban waajirri isaanii lakkoofsa lammiile Itoophiyaa biyyoota addunyaa biroo kessa jiranii qoratee adda baasuuf hojjechaa akka jiru himaniiru.
Adeemsa ragaalee qulqulleessuurra kan jiraatan ta'us lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatanii miiliyoona 5 akka ta'an himan.
''Embasiiwwan keenya addunyaa guutuurra jiru 52 fayyadamnee, biyyoota 172 keessatti qorannoo gaggeessineerra... walumaagalatti lakkoofsi lammiilee keenya biyyoota addunyaa garagaraa jiratan miiliyoona dhan darbaadha.''
Harki caalaan isaaniimmoo Ameerikaa keessa akka jiraatan himan. Kan itti aanu Gidduugaleessa Bahaa ta'uu ibsan.
Gabaasaaleen adda adda sababa rakkoo siyaasaa biyyattii keessa jiruun hirmaannaan dayaaspooraa misoomaa biyyaa keessatti qabu qabbanaa'aa akka ta'e himamus, qabatamaan jiru faallaa kanaati jedhaniiru Obbo Balaaynaan.
Dabalataan dayaaspooraa 273 ta'an kan doolaara biliyoona 17 ta'u qabatanii hojii inveestimeentii adda addaaf dhufaniif haalli mijatee abbootiin qabeenyaa 50 ol ta'an hojiitti galuu himaniiru. Kanaanis kumootaaf carraan hojii uumamuu himan.












