Ejensiin diyaaspooraa Itoophiyaa dhihootti hojii jalqabuuf

Ejansiin diyaaspooraa Itoophiyaa, lammiilee Itoophiyaa biyyoota garaa garaa keessa jiraataniifi kanneen gara biyyaatti deebii'aa jiran irratti xiyyeeffate hojjatu yeroo dhiyootti hojiisaa akka eegalu ibse.
Ejansiin diyaaspooraa dambii Mana Marii Ministirootaa lakk. 432/2011n hundaa'e kun, yeroo ammaa hojiisaa ifatti eegaluuf caaseeffamaafi dhimmoota seeraan walqabatan xumuruuratees jedhameera.
Ibsa Aadde Salaamaawiit Daawiit Daayirektarri Olaantuun Eejensii Diyaaspooraa Itoophiyaa har'a miidiyaaleef kennaniin, ejensichi ammaan boodatti humna namaa guutachuun bal'inaan hojiitti galuuf qophaa'aadha jedhaniiru.
Ejensiin diyaaspooraa Itoophiyaa hojiilee akka odeefannoo mootummaa Itoophiyaa fi diyaaspooraa gidduu jiru cimsuu, beekumsii fi dandeettii isaaniitiin akkasumas teeknoolojii qabaniin akka biyyaaf tumsan hirmaachisuufa'i hojjeta.
Kana malees gaheen ejansiichaa galiin diyaaspooraan gara biyyaatti ergu akka guddatuu fi mirgi diyaaspooraa akka kabajamuuf dahoo seeraa kennus ofkeessaa qaba.
Ejensichi ji'oota lamaan darbaniif haalduree xumurachaa waan jiruufis yeroo gabaabaa keessatti sirni ejensicha ifaan hojii jalqabas jedhaniiru Aadde Selaamaawit.
Eejansiin diyaaspooraa lammiilee Itoophiyaa biyyoota garaa garaa keessa jiraatanii fi kanneen gara biyyaatti deebii'aa jiran irratti xiyyeeffate hojjatu hundeessuuf hojiin eegalamuu dubbi himaan Ministeera haajaa alaa Obbo Mallas Alam baatii sadii dura beeksiisaniiru ture.










