Sharafa alaa Itoophiyaan biyya maallaqnishee doolaara dachaa sadiin caalu

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaarratti maallaqa namni hedduun qabaachuu barbaadu keessaa doolaarri adda dureedha. Doolaarri Ameerikaa maallaqa addunyaarratti baayyinaan ittiin daldalamu haata'uyyuu malee humna qabuun maallaqoota addunyaa kaaniin caala jechuu miti.
Addunyaarratti maallaqoota 180 ittiin daldalamu keessaa humna bituufi gurguuruun kan doolaara caalan jiru.
Tamana sharafa maallaqa biyya alaa Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa guyyuu baasuun doolaarri Ameerikaa birrii 57.30 bitamee, birrii 58.44 akka gurguramu ragaa Baankiin Biyyaalessaa Waxabajjii 26, 2024 baase ni agarsiisa.
Akka gabaasa kanaatti paawundiin Ingiliz, yuuroon Gamtaa Awurooppaa fi farankaan Siwiizarlaand baankiiwwan gatiin itti bitamaniifi gurguraman mana jahaatamaati.
Tarree maallaqa sharafaman kanaa keessatti garuu maallaqni biyya tokko kaanitti dachaa sadi hanga ta'uun caala.
Maallaqni kun diinaara Kuweeti. Baankichi tamana baankilee daldalaa jiraaniif baaseen diinaarri tokko birrii 178.45n bitamee, birrii 182.01n gurgurama.
Diinaarri Kuweet Keeniyaattis sharafnisaa kan doolaaraafi paawundii akkasumas yuuroo ni caala. Dolaarri tokko Keeniyaatti naannoo shilingii 130tti bitamee gurgurama. Diinaarri tokko garuu shilingii 420n bitama.
Barruun Forbis torban lama dura humna maallaqaa biyyootaarratti gabaasa baaseen diinaarri Kuweet tokko $3.26 qixxeedha jedhe.
Barruun kun ragaalee Open Exchange fi kaan fayyadamuun humna maallaqa biyyoota addunyaaf sadarkaa kan baase yeroo ta'u, diinaarri Kuweet sadarkaa tokkoffaa qabateera.
Sadarkaa lammaffaarra kan jiru diinaara Baahireeni. Diinaarri Bahireen tokkichi $2.65n qixxeedha. Kana jechuun $1n diinaara Baahireen 0.3769 qofa bituun danda'ama. Diinaarri Bahireen bara 1965 daldala keessa gale.
Humna maallaqaan sadarkaa sadaffaarra kan argamu ammoo riyaala Omaani. Riyaalli Omaan tokko $ 2.59 baasa.
Sadarkaa arfaffaarra kan jiru diinaara Jordaan hoggaa ta'u shanaffaan paawundii Ingilizidha. Doolaarri Ameerikaa sadarkaa 10ffaarra jira.
Biyyootni humna maallaqaa jabaa qabaachuun sadarkaa tokkoffaa hanga arfaffaa warri jiran biyyoota boba'aa omishuun beekamaniidha.
Kuweet biyya akkamiiti?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyi Arabaa qabeenya boba'aan badhaatee kun fiixee galfirra jirti. Olloonnishee jajjaboodha. Saawdii Arabiyaa, Iraaqiifi Iraaniin daangeffamti.
Kuufama boba'aa qabdurraa kan ka'e addunyaarratti biyyoota dureeyyii jedhaman keessaa adda dureedha.
Lammiileen biyyattii hordoftootaa Musliimaa Sunnii yoo ta'an biyattiin ammoo michuu US dha. Mootiidhaan kan bultu taatsu biyyoota Arabaa kaanirra sirna siyaasaa banaa qabdi.
Kuweet biyya xiqqoo lafa 17,818 sq km irra jirtu yoo taatu uummata miiliyoona 4.4 ta'utu irra jiraata.
Gidduugaleessaan dhiirri umrii 78 dubartiin ammoo ganna 82 jiraatu.
Akka ragaan World Population agarsiisutti uummata biyyattii keessaa miiliyoona lama kan ta'an lammiilee biyya biraa hojiif itti imalaniidha.
Akka ragaa bara 2013 baheetti lammiileen Indiyaa, Masriifi Baangilaadeesh kumoota dhibbaan keessa jiraachuun tokoffaa hanga sadaffaa yoo qabatan, lammiileen Itoophiyaa Kuweet jiraatan 74,000 ol ta'u.
Kuweet bara 1899tti harka humnoota Ingilizii turte. Seenaashee keessatti garuu jijjiiramni bu'uuraa kan dhufe bara 1930oota keessa kuufamni boba'aa guddaan argameedha.
Kuweet bara 1961tti bittaa Ingiliz jalaa baate.
Bara 2003 wayita humni US Iraaqiin weeraree Sadaam Huseeniin aangoorraa buusu humnootni Kuweet kumootaan lakkaa'aman waraana US waliin duulaniiru.












