Itoophiyaan gatiin sharafa alaa akkaataa gabaa jiruun akka murtaa’u labsite

Doolaara Ameerikaa fi birrii

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Itoophiyaa gatiin sharafa alaa akkaataa gabaa biyya keessa jiruun akka gaggeeffamu gochuuf akka ta’e Sagantaan Imaammata Fooyya’iinsa Diinagdee waajjirri miniteera muummee ibse ni agarsiisa.

Murteen mootummaa kun dhimma ijoo yeroo dheeraaf Itoophiyaa fi jaarmiyaalee maallaqaa waldhabsiisaa ture irratti jijjiirama kan fiduudha.

Jijjiiramni kunis gatiin sharafa alaa to’annoo mootummaa jala ture haala qabatamaa gabaa keessaa jiruun akka murtaa’u gochuudha.

Imaammata diinagdee fooyya’ee ba’e kana keessatti gatii sharafa alaa fi maallaqi Itoophiyaa ittiin wal jijjiiran akkaataa gabaarra jiruun sirreessuun fedhii fi dhiyeessii sharafa alaa jiru walsimsiisuuf gargaara jedha.

Haala kanaan fedhii fi dhiyeessii sharafa alaa diinagdee biyyattii keessatti danqaa uumee ture soroorsuun akka danda’amu eera sagantaan diinagdee haaraan kun.

Akkasumas meeshaalee fi tajaajiloonni adda addaa biyyoota alaarraa argaman gatiinsaanii akkaataa gabaarra jiruun walsimuun diinagdeen akka tasgabbaa’u taasisa jedha imaammati kun.

Imaammati diinagdee haaraan kun Itoophiyaan jaarmiyaalee maallaqaa garaagaraa irraa maallaqa akka argattuuf kan karaa saaqu yoo ta’u, bu’uura Kanaan biyyattiin kallattiinis ta’e al-kallattiin doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu ni argatti jedha.

Mootummaan Itoophiyaa ji’oota darban keessa Jaarmiyaa Maallaqaa Addunyaa (IMF) irraa doolaara biiliyoona 10 argachuuf marii gaggeessaa turte.

Imaammati kunii fi fooyya’iinsi diinagdee fi maallaqaa mootummaan ji’oota darban gaggeessaa tures akkaataa maallaqi kun itti argamuuf haala mijeessuurratti kan xiyyeeffateedha jedhameera.

Gatiin sharafa alaa akkaataa fedhii fi dhiyeessii gabaarra jiruun akka murtaa’u gochuun, adeemsa diinagdee olaantummaa mootummaan oofamaa ture gara humnoota dhuunfaa gabaa keessa jiraniitti geeddaruu danda’a.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota darban keessaa mootummaan gatii sharafa alaa irratti to’annoo gaggeessuuf guddoo yaale, garuu gatiin sharafa alaa daldala idilee fi ta’e al-idilee keessatti garaagarummaa guddaa agarsiiseera.

Gatiin sharafa alaa gabaa al-idileerra jiruu kan karaa idilee dacha oliin caaleera.

Sababa Kanaan gatiin doolaara tokkoo baankiitti hanga birrii 60 ga’eera. Gabaa al-idileerratti ammoo doolaarri Ameerikaa tokko birrii 110 ol ta’ee tureera.

Akkaataa tarkaanfii mootummaa Kanaan gatiin sharafa alaa fedhii fi dhiyeessii gabaarra jiruun kan murtaa’u waan ta’eef gatii gabaa al-idileerra jiruun walitti dhiyaachuu yookiin caaluus danda’a soda jedhu fideera.

Sababa Kanaan jijjiirama sharafa alaarratti mudatuu fi sababa fooyya’iinsa imaammatoota diinagdee kaaniin kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’an deeggaruuf tarkaanfiiwwan fudhataman jiraachuun ibsameera.

Hojiiwwan gabaa tasagebbeessuun kutaalee hawaasaa miidhaman dandamachiisuuf hojjetaman keessaa muraasni imaammata haaraa Kana keessatti eeramaniiru.

Isaanis deeggarsa mootummaan sagantaalee Seeftiineet (Safety Net Programs)’f taasisu, hojjettoota mootummaa mindaa xiqqaa argataniif mindaa dabaluu fi fooyyessuu akkasumas daballii gatii boba’aa irratti mudachuu malu tasgabbeessuuf mootummaan hanga tokko tumsuu danda’a kan jedhuudha.

Imaammatoonni mootummaan baasu karooraawwan misoomaa yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa keessatti raawwataman ilaalcha keessa galchuun hojiirra kan oolan yoo ta’u, faayidaa biyyaa fi uummataa mirkaneessuun isaa kan hordofamu ta’uunis ibsameera.

Tarkaanfiin mootummaan ibse kun boordiin hoji raawwachiisaa Jaarmiyaa Maallaqaa Addunyaa (IMF) gaaffii liqaa maallaqaa Itoophiyaarraa dhiyaaterratti murteessuuf Wiixata har’aa (Adoolessa 29, 2024) walga’uuf beellama qabatee yeroo jirutti.

Itoophiyaan waggoota ja’a darban waraanaan, hongeedhaan, akkasumas rakkoolee sadarkaa addunyaatti mudataniin diinagdeenshee dhiibbaa guddaa jala galeera.

Dhiibbaa diinagdee kana dandamachuufis Jaarmiyaa Maallaqaa Addunyaa irraa doolaara biiliyoona 10 liqii gaafattee eeggataa jirti.