Imaammanni maallaqaa Baankii Biyyaalessaa haaraan maalidha?

Baankii biyyaaleessa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Baankin Biyyaalesssaa Itoophiyaa imaammata maallaqaa haaraa ifa gochuu ibsa gaafa Kibaxataa, ALI Adoolessa 2, 2016'tti baaseen ifa godheera.

Imaammata kana ogeeyyiin diinagdee fi faayinaansii ija gaarin yoo ilaalan kanneen gaaffii irratti kaasanis jiru.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Maammoo Miratuu imaammata maallaqaa haaraa ifa godhan kana ilaalchisee BBCn ogeeyyii diinagdeefi faayinaasii dubbiseera.

Dr. Abdulmannaan Mohaammadiifi ogeessi diinagdee biroo maqaansaanii akka hin ibsamne gaafatan lamaanuu UK'tti argamu.

Ogeessi diinagdee maqaansaanii akka hin eeramne gaafachuun BBCtti dubbatan akka jedhanitti diinagdeen biyya tokkoo imaammata bu'uuraa lamaan akka gaggeeffamu kaasu: imaammata maallaqaa (monetary policy) fi imaammata bajataa (fiscal policy)dha.

Imaammanni maallaqaa maali?

Imaammanni maallaqaa diinagdeewwan ammayyaa erga gurmaa'anii booda sochii gabaa to'achuun qabeenya diinagdee keessatti uumamu kuusuf maallaqa hojiirra oolu akka ta'e ibsu ogeessi diinagdee kun.

Mee fakkeenya tokko haa fudhannu. Tajaajila qaama isin hojjachiisuf kennitaniin maallaqa isnii kaffalamu fayyadamtanii daldalaa irraa waan manaaf isin barbaachisu bitattu haa jennu. Maallaqa gahaa yoo argattan ammoo qusachuuyyuu dandeessu.

Isin humna ykn qabeenya sammuu fayyadamtanii qaama isin hojjachiisurraa maallaqa argatta, daldalaan ammoo omisha [qabeenya] fayyadamee isinirraa maallaqa argata.

Kanaaf haalonni sochii maallaqaa wajjin wal-qabataniifi maallaqa argachuu irratti xiyyeeffatan imaammanni ittiin gaggeeffaman imaammata maallaqaati jechuudha.

imaammata maallaqaa jechuun sochiiwwan maallaqaa xiyyeeffannoon isaanii maallaqa argachuu irratti xiyyeeffate wajjin halloota wal-qabataniidha.

Imaammanni kun faca'iinsafi sochii maallaqaa, bulchiinsafi maallaqichi diinagdee keessatti fayidaa inni kennuu qabu bulcha.

Ogeessi diinagdee kun akka jedhanitti, imaammanni maallaqaa kun "walumaa galatti imaammata bajataa waliin walitti hidhama."

Imaammata bajataa jechuun imaammata haala galiifi baasii mootummaa to'atu jechuu danda'a.

Obbo Maammoo Miratuu

Madda suuraa, NBE

Imaammanii maallaqaa Itoophiyaa maal fakkaata?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baankin biyyaalessaa immammata haaraa kana osoo hin dhiyeessin dura imaammanni maallaqaa Itoophiyaa maal fakkaata jennee ogeessa diinagdee kan ta'an Dr. Abdulmannaan gaafanneera.

Akka isaan jedhanitti imaammanni maallaqaa baankin biyyaalessaa itti fayyadamaa ture "sababa ol-ka'iinsa gatiitin hangi maallaqaa diinagdee keessa jiru guddina diinagdeetii oli."

Kana jechuun maal jechuudha?

Fakkeenyaf hangi maallaqaa diinagdee keessa jiru harka kudhaniin guddatee, guddinni diinagdee ammoo harka shaniin yoo guddate daballii gatii akka mudatu taasisa jedhu Dr. Abdulmannaan. Kun ammoo rakkoo imaammara maallaqaa duraanii akka ta'e kaasu.

Kanaan dura baankin biyyaalessa guddina maallaqaa [mallaqa callaafi kuufama herreega baankii keessa jiru] guddina diinagdee waliin wal-simsiisuf yaalaa akka ture.

Haa ta'u garuu baankin biyyaalessaa hanga maallaqaa diinagdee keessa jiru to'achuu akka hin dandeenye ibsu Dr. Abdulmannaan.

Kana yoo ibsan, "Mootummaan Itoophiyaa maallaqabaankii biyyaalessaarraa gaafa liqeeffatu maallaqa callaatu uumama. Liqeeffatee gaafa kaffaltii raawwatu maallaqni hawaasa keessa gala" jedhu.

Ogeessi diinagdee maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan ammoo, imaammanni maallaqaa duraanii daballii gatii to'achuu akka kaayyoo ijoo kan godhate akka ta'u himu.

Imaammanni haaran amma bahe maalidha?

Baankii biyyaalessaa akka ibsetti imaammata haaraa kanaan baankichi ijjannoosaa agarsiisu, haala maallaqaafi liqii murteessuf tamana imaammata to'annoo dhalaa akka fayyadama.

Kuni maal jechuudha?

Hangi dhalaa liqaarratti dhiibbaa akka qabu beekamaadha. Hangi dhalaa olaanaa yoo ta'e, liqeeffataan liqaa fudhachuud duubatti harkifata. Kanaaf baankin biyyaalessaa fedhiin maallaqaa diinagdee keessa jira jedhee yoo yaade, daballii gatii tasgabbeessuf diinagdee liqii akka dabalu gochuu danda'a.

Kuni ammoo fedhii baankiwwan liqii kennuuf qabaniifi kan warra liqeeffatanii akka xiqqaatu gochuu danda'a.

"Liqeeffataan yoo hin jiraanne diinagdee keessatti fedhiin gadi bu'uu danda'a; investomentiin baay'ee qorra. Hangi dhalaa yoo guddate, namoonni waa bituurra maallaqasaanii kaa'uu filatu. Kuni diinagdeem akka qorru godha, daballiin gatiis akka tasgabbaa'u godha," Dr. Abulmannaan.

Dabaluunis, "Baankin biyyaalessaa maallaqni baankiwwan harka jira jedhee yoo yaade, maallaqicha ofiisaatii liqeeffataa ta'ee baankiwwan harkaa sassaaba. Maallaqa harka baankilee jiru sassaabun gabaa keessaa baasa" jechuun ibsu.

Gama biraan ammaa baankin biyyaalessaa sochiin maallaqaa gabaarra jiru xiqqaatera diinagdeenis qorreera jedhee yoo yaade, hanga dhalaa gadi buusa.

Imaammanni maallaqaa haaraan daballii gatiif maal fidee dhufa?

Daballii gatii ilaalchisee kutannoon siyaasaa murteessaa akka ta'e kan kaasan Dr. Abdulmannaan, "Mootummaan aangorra jiru daballii gatii ittisuuf kutannoo kan qabu ta'uusaa agarsiisuu qaba" jedhu.

Dabalataanis baankii giddu galeessaa bilisaafi amanamaa, akkusams sirna faayinaansii fooyyee ta'e jiraachuu akka qabu kaasu.

Imaammanni baankiin biyyaalessaa haaraa dhiyeesse "abdii kan namatti horuudha" kan jedhan DR. Abdulmannaan baankichis ta'ee mootummaan lamaansaanituu kutannoo qabaachuu akka barbaadan agarsiistun labsii baankii biyyaalessaa dhiyeenya paarlaamaf dhiyaate ta'uu himu.

Labsiin hanga maallaqaa mootummaan liqeeffachuu danda'u torbaniin dura parlaamaf dhiyaate, mootummaan federaalaa galii biyya keessaa irraa dhibbeentaa 15 caala baankii biyyaalessaarraa liqeeffachuu akka hin dandeenye kan daangessuudha.

Imaammanni haaran kun "daballii gatii itti fufiinsan ittisuuf kan gargaaru jedheen amana" jedhu Dr. Abdulmannaan.

Ogeessi diinagdee biraas imaammanni maallaqaa haaran kun barbaachisaa ta'uu kaasun, "kuni diinagdee ammayyaa kamiyyuu keessatti fayidaarra kan ooludha" jechuun imaammata mallaqaa haaraa Baankin Biyyaalessaa Itoophiyaa qopheesse kana akka deeggaran himu.