Mootummaan Baankii Biyyaalessaarraa hangi liqeeffachuu danda’u labsiin daangeffamuufidha

Madda suuraa, NATIONAL BANK OF ETHIOPIA
Mootummaan federaalaa waggoota 16 darbaniif hangi isaa osoo hin daangeffamin Baankii Biyyaalessaarraa liqeeffataa ture kana booda labsiin dangeessuf jedha.
Wixineen labsii mootummaan qopheesse kun mootummaan galii biyya keessaa irraa dhibbeentaa 15 ol liqeeffachuu akka hin dandeenye kan daangessu yoo ta’u, wixinichi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti ergamee jira.
Wixineen Labsii Baankii Biyyaalessaa mana mareef ergame kun mootummaan maalla Baankii Biyaalessaarraa liqeeffate waggaa tokko keessatti kan hin deebisne yoo ta’e, liqaa biraa akka hin arganne daangessa.
Labsiin bara 2000 bahee ture, mootummaan federaalaa Baankii Biyyaalessaarraa daangeffama malee liqaa fudhachuu akka danda’u hayyama ture. Wixineen haaran kun yoo ragga’e, hangi liqaa mootummaan fudhachuu danda’u kan daangeffame ta’a jechuudha.
Mootummaa federaalaafi Baankii Biyyaalessaa gidduutti sirni liqaa maallaqaa sirnaan tumamuu dhabuun “rakkoo akka ta’etti” kaasa wixineen labsii kun.
Mootummaan federaalaa hanqina bajataa isa mudatu guuttachuuf daangaa malee liqaa akka fudhatu godhamuun hanga maallaqaa gabaa keessa jiru akka dabalu gochuun waggoota hedduuf Itoophiyaa keessatti walitti fufiinsan gatiin akka dabaluuf sababa akka ta’e ogeeyyin diinagdeefi faayinaansii falmaa turan.
Ogeessa diinagdee kan ta’an Dr. Abdulmannaan Mohaammad, “mootummaan hanguma hanqinni bajataa isa mudate liqaa hanga barbaade fudhata,” jechuun kuni ammoo daballii gatii olaanaa ta’eef sababa akka ta’e kaasu.
Akka isaan jedhanitti waggoota 16 darbaniif walitti fufiinsan gatiin akka dabaluuf sababa ijoo kan ta’e mootummaan maallaqa hanga barbaade Baankii Biyyaalessaarraa akka liqeeffatu hayyamuufi maalliqichi diinagdee keessa galuudha.
Mootummaan Itoophiyaa waggoota darbaniif waggaa waggaan birii biliyeena dhibbaan lakkaa’amu Baankii Biyyaalessaarraa liqeeffataa ture barfatus wixinee labsii haaraa kanaan daangeffama kaa’uusaa akka deeggaran deeggaran himu ogeessi diinagdee kun.
Labsii kana duraa keessatti mootummaan maallaqa hangamii akka liiqeeffatuufi yeroo hangamii keessatti deebisuu akka qabu hin kaa’amne ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan federaalaa bara bajataa 2015 ALItti Baankii Biyyaalessaarraa liqii birria Biliyeena 130 fudhateera. Akka wixineen labsii haaraa kanaatti garuu mootummaan bara darbe silaa liqeeffachuu kan danda’u birria biliyeena 63.4 qofaadha.
Akkaataa wixinee haaraa kanaatti liqiin mootummaa federaalaf kenname ji’a 12 keessatti kaffalamuu qaba; yeroo biraattis akka darbu hin hayyamamu.
Dabalataanis mootummaan federaalaa bara ittaanu liqii argachuu kan danda’u “liqaa fudhate yeroo yeroo kennameef keessatti guutummaan yoo kaffaleedha” jedha wixinichi.
Mootummaan liqii irra jiru osoo hin kaffalin an biraa dabalataan akka hin arganne dhorkamuuun sirrii ta’uu kan deegggaran ogeessi diinagdee Dr. Abdulmannaan, inumaayyii seerri kana caala cimuu akka qabu kaasu.
“Fakkeenyaf, [mootummaan] Baankii Biyyaalessaa keessaa kuufama maallaqaa qaba. [Liqii] hin kaffalu yoo ta’e, hatattamaan kuufama qaburraa akka hir’ifamu kan dirqisiisu keeyyanni osoo jiraatee gaaridha,” jedhu.












