Yaaddoo gibirri dachaa Itoophiyaatti hojiirra oolaa jiru ummatatti uume

Gibira

Jalqaba torban kanaa guyyaa Kibxata darbe Amajjii 14, 2025 irratti miseensoonni mana maree bakka bu'oota ummataa Itoophiyaa seera gibira qabeenyaa haaraa irratti erga marii taasiseenii booda mormii afur fi namoota sagalee hin kenniine 10niin ragaasiseera.

Minseensoonni mana marichaa tokko tokko gibira qabeenyaa qofa osoo hin taane gibira garaa garaa mootummaan kaa'aa jiru irratti yaada qeeqaa kaasan.

Mootummaan Faderaalaa ALI bara 2017tti ''galii gibiraa caalaa (Turnover Tax) walitti qabu akka danda'u yaaduun karoora baayyee diriirfame'' qabachuusaa karoora bara bajataa mana marichaatiif dhiyeesse irratti ifa taasisee ture.

Ministirri Mummee Abiy Ahimad baatii lamaan dura ibsa mana marichaatiif taasisaniin, mootummaan bara bajataa 2017tti birrii tiriliyoona 1.5 gibira irraa walitti qabuudhaaf karoorfachuu beeksiiseera.

Seerawwan gibiraa motummaan hojiirra oolchuudhaaf karoorfate keessaa fooyya'insii taaksiin dabalataa (VAT), Excise Tax, gibira Magariisaa (gibira dadabarsa konkolaataa waggaa) fi gibira qabeenya kanneen argamaniidha.

Aanga'oonni mootummaa irra deddeebiin gibrri dinagdeerraa walitti qabamu qabu akka walitti hin qabamnee fi bu'uura gibiraa bal'isuun barbaachisaa ta'u dubbatu.

Oggeessi bulchiinsa maallaqaa UK'tti argaman Dr Abdulmannaan Mahaammad garuu baasiin mootummaa baayyaachuun ''fedhii maallaqaa olaanaa hordofsiiseera'' jedhu.

Dr Abdulmannaan mootummaan waggoota 20n darbaniif madda galii gochuun kan itti fayyadame ''liqaa biyya alaa fi maalla maxxansuu (baankii biyyaleessa iraa liqeeffachu) akka ture kaasu. Kun mataansaa caasaan mootummaa akka bal'atu taasisuusaa kaasu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ogeesichi, ''baasiin mootummaa dabalaa dhufuun akkasumas liqaan kana dura madda galii mummee turee fi maallaqa maxxansuu hir'achuu hordofee maddi galii biraa barbaachiseera'' jechuun BBCtti dubbatan.

Mootummaan gamasaatiin galiifi baasii akka wal hin madaallee kana sirreessuuf ''tokkoffaa baasii hir'isuu ykn galii dabaluu qabaata'' kan jedhan Dr Abdulmannaan, ''baasii hir'asuudhaaf ammoo fedhii hin agarsiifne'' jechuun ibsu.

''Kanaafuu galii dabaluu qabaata. Galii dabaluudhaaf ammoo jira kan jedhu hawaasa gibira kanfalchiisuuf mala barbaachuu qabaata'' jedhan Dr Abdulmannaan.

Itti dabalunis, ''kanaan kan ka'e dhaabbileen maallaqa addunyaa mootummaan gibira akka madda galiitti akka fayyadamuuf dhiibbaa olaanaa irraan gahaniiru'' jedhu.

Mootummaan kanaan dura baasii haguuguudhaaf maddiwwan galii itti fayydamaa ture cufamaa dhufuunsaanii kan kaasan oggeessi dinagdee kun, ''gibira akka mala baasii mootummaa ittiin haguugamuutti fayyadamuu yoo qabaate, hawaasni gibira olaanaa ta'e kanfalchiisuu danda'u qabaata'' jechuun kaasu.

Gosawwan gibiraa motummaan ALI bara 2017tti hojiirra ni oolfamu jedhame keessaa tokko kan ta'e gibirri qabeenyaa ''dhiibaa dachaa uumeera'' mormii jedhu mudateera.

Bakka bu'aan Paartii ABIN Dr Dasaalanyi Caannee, ''amma kallattii dhiibbaa gibiraa waliigalaa amma jiruun yoo ilaalame,hawaasarraa fi dandeettii gibiraafi taaksii mootummaan walitti qabu irra gaheetiin, gibira garab biraa beeksiisuun hin barbaachisu''jechuun yaada kennan.

''Haala taaksii amma jiruutiin mootummaan sadakaa itti baasiiwwan itti haguugurra gaheera'' kan jedhan Dr Dasaalanyi, ''maallaqni kun walitti qabamaa kan jiruu kutaaleen hawaasaa gatii baasuudhaani'' jechuun dubbatan.

Miseensi paarlaamaa kun itti dabaluudhaan, ''saggoo daldaltoota gadaanaa fi hojjattoota mootumaarratti ba'aa dabaluudhaan kan amma yoonaa geenyee. Ana haqa qabeessuummaan gibira qabeenyaa kanaa natti hin mul'atu'' jechuun morman.

Miseensi paarlaamaa biraa Obbo Baarxamaa Fiqaaduu gamasaanitiin, ''gibirri walitti qabamu qabaata garuu attamiin walitti qabamu qaba? Lammiileen dhiibbaa gibira dachaa keessa galaniitii gibirri walitti qabamu kan qabaatu?'' jechuun gaafii kaasan.

Bakka bu'aan Paartii IZEMA Obbo Baarxamaan, ''waliigalatti kan kanfaltoota gibiraatiif dhiibbaa dachaa fiduudha. Labsiin kun raggaasifamu hin qabaatu'' jechuun morman.

Bakka bu'aan Paartii ABIN kan biraa Dr Ababaawu Dassaalanyis haaluma walfakkaatuun, ''hawaasa iyyeessa dhiibbaa dachaatiif saaxila'' jechun yaaddoosaanii dhageessisan.

Miseensoonni paarlaamaa kunneen akkasi jedhanilleen garuu mana marichaatti af-yaa'iin mana marichaa Dr Tasfaayee Beeljigee, ''Itoophiyaa oomisha biyyaaleessaa waliigalaatiin gibirri walitti qabdu kanneen Sahaaraan gadiitti argaman keessaa kan xiqqaa jedhamuudha'' jedhan.

''Dameewwan gibirri itti kanfalamne baayyeedha'' kan jedhan af-yaa'ichi, ''Qabeenyaa diinagdee maddisiisu irraa haala ta'u qabuun gibirri walitti qabamaa hin jiru. Kanaafuu gibira sirnaan walitti qabuudhaaf bu'uurri gibiraa bal'achu qabaata'' jechuun ibsaniiru.

Dr Tasfaayeen itti dabaluudhaan, ''Saaharaan gadiitti ammi waliigala gibiraafi oomisha biyyaaleessaa %16. Kan keenya ammoo ganaa %7 irra jira'' jedhan.

Dr Abdulmannaan Mahaammad gibirri aanga'oonni Itoophiyaa taasisanii fi waliigalli hanga oomisha biyyatti kan biyyoota biraa waliin wal biratti ilaaluun ''rakkiisaadha'' jedhu.

Yaadasaanii kanas, ''caasaa diinagdeetu murteessa. Oomishni Itoophiyaa amma tajaajilli bal'ataa dhufe malee, baayyeessaa kan qabatu qonnaadha.Qonni ammoo kan qote bulaan qotee fayyidaaf oolchuudha. Qonaan bulaa qonnarratti hirmaateerraa gibira guddaa argachuun hin danda'amu,'' jedhan.

Reeshoon gibiraa fi oomisha biyyaaleessaa waliigalaa kan hir'ateef, ''sababii caasaa diinagdeetiin'' kan jedhan Dr Abdulmannaan, diinagdeen hammayyaa ta'e oomishu sababii hin jirreefuu diinagdeen al-idilee baayyee bal'aa waan ta'eef, taaksiidhaaf mijataa akka hin taane kaasu.

Oggeessi kun dabaluudhaanis, bu'uurri taaksii kan xiqqate ''lammiileen waan gibira hin kanfalleef osoo hin taane, hojimaata badaa abbaan taayitaa gibira mootummaa mataansaa fi hojjattoonni naannoo sana jiraniin'' ta'u ibsu.

''Mootummaan baasiisaa hir'isuudhaaf hayyamummaan omaatu irraa hin mul'anne. Kanaafuu, baasii danda'achuuf qaawwa jira jedhu barbaaduun gibira kaa'unsaa hin oolu'' kan jedhan Dr Abdulmannaan, ''waggaa shanii fi kudhaniin booda yeroon baayyee cimaa jiraachu akka danda'u natti dhagahama'' jechuun yaaddoo qaban ibsan.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.