Bara 2016 sirna dinagdee Itoophiyaa bu'uurarraa jijjiire

Ministira Muummee Abiy Ahmed

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Muummee Abiy Ahmed gara aangootti erga dhufanii booda murteewwan dinagdee jijjiirama ‘Ayidooloojiin dabaalame’ dabarsaniiru.

Yeroo dheeraatiif tajaajila telekoomii qofaa dhuunfatee kan ture dhaabbanni mootummaa Itiyoo-Telekoom dorgmaan itti dhufeera. Gahee isaa harka dhibba keessaa 40 ta’e abbootii qabeenyaattti gurguruudhaaf si’a lama caalbaasiin baheera.

Mootummaan warshaalee sukkaaraa saddet qabatee qabaatti ba’us hanga ammaa kan bitu hin argamne.

Murteewwan ministira muummichaafi mootummaa isaanii kunneen dinagdee biyyattii keessatti abbootiin qabeenyaa dhuunfaa akka baayyatan fedhii qabaachuusaaniif agarsiiftuudha.

MM Abiy waggoota darban jijjiiramawwan dinagdee ilaalchisee itti fufinsa murteewwan hojiirra oolchaa turanitti jedhameefi jijjiirama bu’uurarraa ta’edha jedhaman bara kana raawwataniiru.

Jijjiiramawwan dinagdee kanneen hojiitti jijjiiruuf seerotaafi labsiiwwan gargaaran mana-maree bakka bu’oota ummataatti dhiyaatanii raggaasifamaniiru.

Jijjiiramawwan dinagdee taasifaman kunneen mormiifi dinqisiifannaan isaan mudateera. A L I bara 2016 keessa dinagdee Itoophiyaa keessatti taateewwan gurguddoon maal turan? Bu’aa akkamii hordofsiisu?

Murteewwan kanneen keessaa kan yeroo dhiyoo ta’e “Sagantaa Fooyya’insa Maakiroo Ikonoomii” jechuun imaammata waamanidha. Hojiirra oolmaa jijjiirama imaammataa kanaaf tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa jijjiirama sharafa alaa gabaan murteessuufi imaammata maallaqaa shallaga dhalee irratti hundaa’edha.

Jijjiiraa sharafa alaa gabaarratti hundaa’e

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ji’a Adoolessaa darbe keessa gara hojiitti hiikuutti kan galame, “Sagantaan Fooyya’insa Maakiroo Ikonoomii” jijjiirraan sharafa alaa gabaa jiruun akka murtaa’u taasiseera.

Jijjiirama imaammataa kana bulee A L I gaafa Adoolessa 22, 2016 Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa sirna bulchiinsa sharafa alaa biyyattii fooyyeessuu beeksiseera. Wantota jijjiiramni fooyya’insa imaammataa

Kun beeksise keessaa ‘ tamanni’ sharafa alaa kan gabaa jirurratti hundaa’e akka ta’u gochuun isa tokkodha.

Murteen Itoophiyaan jaarmiyaalee maallaqaa idil-addunyaa waliin yeroo dheeraatiif osoo waliin akka turtu taasise kun ‘tamana’ sharafa alaa mootummaan to’atamaa ture ‘tamana’ gabaarra jiruun akka murtaa’u taasiseera.

Jijjiiramni bulchiinsa sharafa alaa guyyaa ifa ta’etti gatiin Birriin Itoophiyaa Dolaara Ameerikaa waliin qabu dhibbentaa 30n hir’ateera.

Torban tokko keessatti ammoo waa bituuf humni ykn dandeettiin Birrii dhebbentaa 57.93n laafeera.

Muutummaan murteen kun “’tamana sharafa alaa gabaarratti hundaa’e mirkaneessuun garaagarummaa dhiyeessiifi fedhii sharafa alaa jiru sirreessuuf gargaara jedhee ture.

Fooyya’insa kana hordofee duraan ‘tamana sharafaa alaa murteessaa kan ture Baankiin Biyyaalessaa dhuma Adoolessa darberraa kaasee gahee isaa kana “gabaa tasgabbeessuurratti xiyyeeffachuu” ta’eera.

Dabalataan kanaan dura sharafa alaa Baankii Biyyaalessaatiif dabarsuun dirqama kan ture amma hafeera.

Mootummaan akkaataan bulchiinsa sharafa alaa haaraa kun daldala alaa jajjabeessa, kuufama sharafa alaa cimsa jedhus ogeeyyoonni tokko tokko garuu murtoo kana yeroo qeeqaa turaniiru.

Qorannoon Ogeessonni Waldaa Ikonoomiksii Itoophiyaa qoratan fooyya’insi akkaata abulchiinsa sharafa alaa kun qaala’insa gatii akka hordofsiisu eeraniiru.

Qorannoo ogeessonni dinagdee saadii waloon taasisan akka mootummaan yaade yeroo gabaabaa keessatti daldalli alaa akka hin daballe akeekaniiru.

Ogeessi dinagdee Obbo Kibur Gannaa, “[murteen kun] humna bituu Birrii dadhabsiisaa, humna bituu Dolaaraa ol guddisaa yoo deeme dhaabbilee miidha. Sababiin isaas galtee isaan barbaachisu kan biyya alaatii galchan sharafa alaatiin waan fidaniif biyya keessa galee erga omishamee booda gatiin ittiin warra shammataniif ittiin dhiyaatu dabaluun isaa hin oolu. Kun ammoo haala jireenyaa caalaa gaaga’a kan jedhu sodaan qaba,” jechuun BBCtti dubbatanii ture.

Fireem-woorkii Imaammata Maallaqaa Haaraa

Haaluma walfakkaatuun ji’a Adoolessaa jalqabarra ture Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa ‘tamana’ dhala irratti hundaa’u fireem-woorkii imaammata maallaqaa haaraa ifa gochuu kan beeksise.

Fireemwoorkiin imaammataa kun Fooyya’insa Maakiroo Ikonoomii Ministirri Muummee Abiy Ahmad beeksisan keessaa qama tokkodha.

Baankiin Biyyaalessaa ibsa fireemwoorkii imaammata maallaqaa beeksisuuf kenneen, wagga darberraa kaasee “haalli gatii gadi aanaafi tasgabbaa’aa ta’e jiraachuu mirkaneeffachuudhaaf kan dandeessisu fireemwoorkii imaammata maallaqaa qopheessuuf hojjechaa” turuu eereera.

Tarkaanfiiwwan kanneen keessaa kan duraa imaammata maallaqaa Baankii Biyyaalessaa gara imaammata maallaqaa ‘tamana’ dhaleerratti ceesisuudha.

Akka fereemwoorkii imaammata haaraatti Baankichi ejjennoo imaammataa agarsiisuufi haala maallaqaafi liqaa murteessuudhaaf ‘tamana imaammata hanga dhala baankii akka fayyadamu ibsameera.

Akkaataadhuma dinagdee jiru ilaaluun hanga dahala baankiirratti fooyya’insa taasisuu akka danda’u Baankiin Biyyaalessaa ibsa isaatiin eeree ture.

‘Tamana hanga dhala Baankii Biyyaalessaa kana baankonni walii waliisaanii yeroo dorgomanitti akka agarsiiftuutti itti gargaaramu.

‘Tamanni’ dhala baankii baakii tokkorraa baankiitti jiru kan baankii giddu-galeessaa dhibbentaa 15niin hanga dhala baankii imaammata ilaallatuun kan wal simu yoo hin taane, “Baankiin Biyyaalessaa haala jiru sirreessuudhaaf baankota waliin gabaa caalbaasii gargaarama,” jechuun eereera ibsichi.

Baankiin Biyyaalessaa caalbaasiiwwan imaammata maallaqaa waliin wal qabatan torban lama, lamaan akka baasus ibsa isaa kanaan agarsiiseera.

Akka ibsa isaatti, caalbaasiiwwan kunneen kan taasifaman, “Baankiin Biyyaalessaa haala yeroo jirurraa ka’uudhaan sirna baankii keessa bu’aa jiru sassaabuudhaaf ykn maallaqa dabalataa akka gadhiisuu danda’u gochuufidha”.

Dolaara Ameerikaafi Birrii Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Daldalli qinxaaboo abbootii qabeenyaa biyya alaatiif banaa ta’uu

Boordiin Investimantii Ministirri Muummee hogganan abbootiin qabeenyaa daldalawwan gara alaatti erguu, galchuu, jumlaafi qinxaaboorratti qajeelfamni hayyamu baase A L I baruma dhumaa jiru 2016 kana keessa ture.

Sekteroonni kunneen waggoota baayyeef abbootii qabeenyaa biyya alaatiif dhorkamanii turan. Haata’u malee, seketeroota kanneen warra alaa dhufanii hirmaatanitti cufuun “kaayyoo barbaadame hanga barbaachisu milkeesseera jechuun hin danda’amu,” jechuun beeksiseera mootummaan.

Komishiniin Invastimantii Itoophiyaafi Ministeerri Daldalaafi Walitti-hidhaminsi Qaxanaa yeroo sanatti ibsa baasaniin, “Sekteroota dahuun taasifameef keessati waliin geessisuu tajaajila bal’aa, rakkoo qulqullinaafi gahumsaa mudateera,” jedhee ture.

Qajeelfamni Ministirri Muummee Abiy Ahmad mallattoo isaaniitiin raggaasisanis haaluma wal fakkaatuun, “bu’aawwan muraasni hanga ammaatti galmaa’an jiraatanis, kaayyoon imaammatichaa [garuu] hanga eegame” milkaa’uu dhabuu ibsa.

Kana sababa godhachuunis abbootii qabeenyaa biyya alaa fedhaafi humna qabaniif sektericha banuun akka barbaachise ibseera.

Ogeessi maqaan isaanii akka dha’amu hin barbaadneefi dinagdee Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofu tokko, “banamuun isaa ofii isaatiin rakkoo jedhame hambisuudhaaf furmaata mirkanaa’e miti,” jedhu.

Ogeessi kun itti dabaluun, “gabaa Itoophiyaatti mul’atu [abbaa qabeenyaa] biyya alaatiif banaa gochuun furmaata waan hundumaati ilaalchi jedhu baayyee rakkoodha,” jechuun dubbatu.

“Idaarraa gara Miindaa”?

Itoophiyaan A L I bara 2016 tarree biyyoota idaa isaanii kaffalachuu hin dandeenye keessatti ramadamtee turte.

Ji’oota torba booda ammoo dolara biliyoona 13.5, “bifa deeggarsaan” fi filannoowwan birootiin argatteetti.

Mootummaan Itoophiyaa waggoota kudhan dura boondii dolaara Biliyoona tokko gurgurte dhala irraa eegamu dolaara miliyoona 33 bara kana Mudde keessa kaffaluun isheerra ture.

Idaan gurgurtaa boondii waggaan dhalli %6.625 itti kaffalamu A L I wagga dhufu Mudde 2017 kaffalamuun irra jiraata.

Yeroon liqaa guutummaatti hanga kaffalamu waggoota kudhan keessatti ammoo mootummaan Itoophiyaa dhala wagga warra liqeesseef kaffala.

Mudde darbe keessa ture Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaan kaffaltaa dhalee kana kaffaluu akka hin dandeenye kann beeksistee turte.

Itoophiyaan dhala kaffaluun isheerra ture kan hin kaffalleef “liqeessitoota hunda wal qixa keessummeessuuf” yaada jedhuun malee hanqina sharafa alaa qabaattee akka hin taane ibsee ture.

Ministirri Maallqaa ibsa yeroo Zanatti baaseen, “[liqeessitootaa hunda] bifa haqa qabuun ilaaluu dadhabuun idaa siquu gochuurratti liqeessitoota biyya alaa biro waliin marii taasisu balaarra buusa,” jechuun eereera.

Itoophiyaan haara-galfii liqaa argachuuf karaa fireemwoorkii waloo biyyoota garee 20tiin akka yeroon siquuf gochuuf marii gochuu kan jalqabde bubbulteetti.

Sadaasa darbe Chaayinaafi Faransaayiin kann hooganamu karaa Paaris Kilab liqaan akka achi butamuuf (siquuf) waliigalteerra geesseetti.

Akka waliigaltee kanaatti Itoophiyaan idaafi dhala warra isheef liqeessaniif kaffaluun irraa eegama ture wagga lamaaf hin kaffaltu.

Kaffaltaan idaa kana achi butuun kan biyyattiin kaffaluun irraa eegamu idaa dolaara Ameerikaa Biliyoona 1.5 yeroodhaaf kan hambisudha.

Idaa kana achi butuu ykn siqsuutti dabalee dolaara Biliyoona 13.5 dhaabbileen maallaqaa idil-addunyaafi biyyoota michoota ta’anirraa “deeggersaa” fi karaa filannoo birootiin argamuu Baankiin Biyyaalessaa beeksiseera.

Maallaqni kun adeemsa ‘tamana’ gabaa sharafa alaa haala gabaa jirurratti hundaa’e gochuufi hojiirra oolmaa fooyya’insa dinagdee biroo Adoolessa darbe jalqabdeef kan ooludha.