Abdiifi yaaddoo gatii birrii cabsuun qabu ija ogeeyyii diinagdeen

Itoophiyaan qoricha, boba'aa, xaa'oofi kaan danuu alaa galchuuf sharafa maallaqaa barbaaddi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan qoricha, boba'aa, xaa'oofi kaan danuu alaa galchuuf sharafa maallaqaa barbaaddi
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Mootummaan Itoophiyaa jaarraa walakkaa keessatti yeroo jalqabaaf sharafni maallaqa alaa fedhii gabaarratti akka hundaa'u murtesseera.

Murteen jabaa kuni gabaa addunyaarratti gatii birrii Itoophiyaa 30%’n gad cabse.

Aangawoonni murteen kuni biyya waraanni miidhetti invastaroonni akka dhufan hawwata, hanqina sharafa alaas fura jedhanii abdatu.

Xiinxaltoonni diinagdee dhimma kana itti dhiheenyaan hordofan maal jedhu? Murtee kanaan eenyutu buufata? Eenyutu miidhama?

Mootummaan maaliif amma murteesse? Biyyi qophiidhaa? Birriin kanaa gadi cabuu malaa? Warra baankiidhaa birrii qabaniif maal jechuudha kan jedhuufi kaanis gaafanneerra.

Biyya Beeljiyeem kan jiraatan Dr Qalbeessaa Magarsaa qorataafi gorsaa olaanaa dinagdeeti. Misooma idil-addunyaarratti biyyoota gorsu.

Dr Ayyala Galaanis, qorataa olaanaa dinagdee keessumaa dinagdee Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofanidha.

Hayyuuleen lamaan imaammata diinagdee haaraa mootummaan Itoophiyaa ifa godhe kana gara caalu ija gargariin ilaalu.

Abdii maal qaba?

Murtee yeroo ammaa lammiilee Itoophiyaa biratti ijoo dubbii ta’e jiru kuni waan gaarii fidee dhufu qaba jedhu Dr Qalbeessaan, shakkii ofiis qabaatan.

''Galmi biyyoota kamuu sharafa maallaqaa bilisa ta’eerra gahuudha jedhu,’’ jechuun ibsu. Murteen kunis ‘’dinagdee dammaqsuu danda’a,’’ amantaa jedhu qabu.

''Rakkoon ijoo Itoophiyaa rakkoo kaappitaalaa waan ta’ef riformiin kunimmoo wanti tokko furuu danda’u rakkoo kaappitaalaati.’’

Murteen kuni humni birrii keessumaa gabaa seeraan ala waliin qabu akka sirratuu godha, rakkoo dhaabbileen dhuunfaa sharafa alaa argachuuf qabanis ni fura jedhan.

Keessumaa dureeyyiifi invastaroota alaa dhufanii dalaguu fedhaniif rakkoon biraas isaan qunnama ture ni fura jechuun ibsan.

‘’Osoo amma Itoophiyaa dhufanii hojii hojjetan, qabeenya horatan gara biyya isaaniitti fudhachuu hin danda’an jechuudha. Oomishi birrii Itophiyaan waan ta’ef.’’

Kana dura namni biyya keessa jiru ‘’waan tokko alaa bitachuuf, qarshii qusatu maallaqa alaan ol kaa’uf’’ waan hin danda’amneef kuni sirratuun abdii horaatti amanu.

‘’Kuni gabaa guddaa fida. Lammiin Itoophiyaa haala salphaa ta’en gabaa addunyaarraa waa bituu fedhu bitachuuf carraa argata jechuudha. Yeroo jalqabaaf karaa salphaa ta’en.’’

Rakkoo sharafa maallaqaa jiru salphisuuniifi invastarootaaf haala mijeessuun ala ‘’haala olaanaa ta’en Invastimantii alaa [FDI] ni jajjabeessa jedhamee eegama.’’

'Bu'aa buusu hin qabu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Ayyala Galaanimmoo kanaan wal hin galan. Warri mootummaa ‘‘yeroo fudhatanii itti yaadaniiruu?‘‘ jechuun gaafatu.

Kana duras mootummaan gatii birrii gad cabsuu isaa eerun bu’aa buuse hin qabu jedhu. Osoo oomishi hin jiraatin gatii birrii gadi buusuun bu’aa buusu hin qabu jedhu.

‘’Birriidhuma gatiisaa busheessan malee oomishni biyya alaatti gurguranii sharafa biyya alaa hamma barbaadame fidu gabaarra hin jiru. Wanti qophaa’e hin jiru,’’ jechuun yaaddoo ibsu.

‘’Ganzaba gadi buuseera. Inni kuni akka hojjetummoo oomisha dabaluun narra jira. Eegan gati gadi buusee wanti gurguramu suni oomishamu qaba mitii?

‘’Gatiima duwwaa yoo gadi buuste waanuma xinnoo harkaa qabdu sana gurgurtee harka duwwaatti hafta. Yoo oomisha dabalte danuun gurgurameeti biyyaafis sharafa alaa fidee,’’ kaanis kan gargaartu jedhu.

Kanaan ala waan yaadame sana hin fidu jechuun ibsu. ‘’Amma rakkinni jiru, bara darbes kan ture ammas kan na hoorsu waanti haaraan hin dhufu, wanti itti qophaa’ame hin jiru.’’

Yaaddoo isaanii kana cimsuuf immoo bajatuma waggaa ALI Bara 2017’f qabame keessaa ‘’bajatni gadi bu’aa kan ramadame qotisa [qonnaadha],’’ jechuun kaasu.

‘‘Kan qotisaan bulu 85%, kan qotisaaf ramadame 3%,‘’ kan jedhan Dr Ayyalaan, Itoophiyaan gabaa alaatti kan itti beekamtu bunaafi salixii ta’u eeruun qophiin gahaa jiraachuu garuu shakku.

MM Abiy Ahimad paarlaamaatti Itoophiyaan qamadiifi ruuzii sadarkaa gabaa alaatti erguu dandeessisu akka oomishaa jirtu himanii turan.

‘’Waan Itoophiyaan biyya alaatti ergitu kan dhufu hundumtuu qotisarraayi. Egaa faallaa jira jechaadha. Karaa tokkoon gatiin gad cabee akka waan al ergiin qophiin jiruutti taasifama.

‘’Karaa biraammoo bajatni ramadameefi oomishni qotisaa akka dabalu wanti godhamaa jiru hin jiru,’’ jedhan Dr Ayyalaan.

Amma maaliif?

Bara bulchiinsa ADWUI eegalee dhaabbileen maallaqaa mootummaan Itoophiyaa gatii birrii akka gad cabsu gorsaa turan.

Kunis, gatiin birrii gatii isa sirrii hin mul’isu jechuuniifi gatii cabsuun guddina dinagdee biyyattiif gumaata yaada jedhuuni.

Haa ta’u malee, sodaa qaala’insa jireenyaaf jecha mootummaan Itoophiyaa suuta suuta gatii birrii cabsuu yoo ta’e malee sharafa birrii fedhii gabaan akka ta’u hin murteessiin tureera.

Amma akkamiin murteesse? Dr Ayyalaan ‘’Mootummaan dhiibbaa keessa seenee murteesse’’ amantaa jedhu qabu.

Dr Qalbeessaan immoo mootummaan dhiibbaa jalas ta’u waan bitaa mirga jiru ilaalee waan wayyoo jedhu murteesse jedhu.

Mootummaan dhiibbaa dheeraa booda kan murtee kanarra gahe ‘’rakkinoota waan hubateefi,’’ jedhu.

‘’Fakkeenyaaf birriin laafuun bittuu magaalaa keessa jiru ni miidha. Wantoota alaa galchinu ni qaalessa,’’ jechuun ibsu.

Oomisha alaa galuuf baasiin bahu galii biyyattiin alatti ergun argattu akkan caaluu isaa ‘’sodaa’’ uumullee dubbatu.

Qaala'iinsi gatiifi jireenyaa jiruu lammiilee Itoophiyaa hedduu qoree osoo jiruuti gatiin birrii akka cabu kan taasifame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qaala'iinsi gatiifi jireenyaa jiruu lammiilee Itoophiyaa hedduu qoree osoo jiruuti gatiin birrii akka cabu kan taasifame

‘’Ammumayyuu akkamiin riformiin kuni hojiirra oole yoo ilaallu mootummaan hanqina sharafa olaanaan muddama waan seenefi.

‘‘Mariin waa’ee idaa biyyatiirratti mootummaan liqeessitoota waliin taasise jijjiirama mul’isuu dhabu isaati,’’ jechuun sababa riformiin kuni hojiirra oole ibsu.

Akkaatuma kanaan mootummaan murtee kanaan yeroo gabaabaa keessatti ‘’aara galfii’’ akka argatu dubbatu.

Akka fakkenyaattis, Baankiin Biyyaalessaa dolaara biiliyoona 13.5 dhaabbilee maallaqaafi michootarraa argamuu ibsuu isaa eeru.

Biyyi qophii turtee?

Dr Qalbeessaan murteen mootummaa tura keessa faayidaa akka qabu amananis, ‘’yeroo gabaabaa keessatti rakkoon mudatuun isaa hin hafu’’ jechuun ibsu.

‘’Kanaaf gaaffiin ijoo nuyi qophiidhaayi isa jedhudha. Dhugaa dubbachuuf guutummaa guututti qophiidha jechuun hin danda’amu.‘‘

Dr Ayyalaan gama isaaniin Itoophiyaan durumaa qophii hin turre jedhu.

‘’Durumas itti qophooftee hin beektu. Baay’inaan turistiin dhufee dolaarii gad naqe hin jiru,’’ jechuun gatii cabsuun dura qophiin, oomishi akka barbaachisu ibsu.

‘’Oomishti yoo jiraate biyya alaatti ergamee gatii xiqqaatti gurgurame danuun akka gurguramuufi galiin biyya alaati baay’inaan akka galu gargaara.’’

Gatii cabsuun invastimantii fidaa isa jedhuuf rakkoo nageenyaa biyya jiru eeruun Dr Ayyalan shakkii qabu.

‘’Wanti nageenyaa namoota biyya alaa itti dhufu dhiisiti isuma biyya jiruttuu baay’ee horsaa [rakkisaa] jira. Kunillee itti hin qophaa’amne.''

Invastimantii keessatti inni ijoo nageenyi jiraachuudha. Yeroo ammaa Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti fincilaafi hookkarri rakkoo nageenyaa hammesseera.

Oomishni hamma hin jiraannetti gatii birrii cabsuun waan jijjiiru hin qabu amantaa jedhu qabu.

‘’Oomishti hamma jirutti gatiin birrii cabuu qaba, hamma oomishti hin jirretti gatiin birrii cabuu hin qabu. Kanuma.’’

Murteen kuni eenyu hubuu mala?

Sababa murtee kanaan hawaasi keessumaa galii gad-aanaa qabu akka hubamu amanama. Kunis, sababa qaala’insi dabalu maluufi jedhu ogeeyyiin.

Kana dura gatiin birrii gad cabee waan wal fakkaataa mudateera.

‘’Keessumaa addatti bittoota magaalaa keessa jiraatan, akkasumas miindaa xiqqoo qaban yeroo gabaabaa keessatti hubuu danda’a,‘‘ jedhu Dr Qalbeessaan.

Murtee mootummaa hordofee gatii birrii Itoophiyaa dolaara biratti 30%’n cabeera yookiin xiqqaateera.

‘’Kuni gatii shaqaxoota alaa seenan ni mi’eessa. Kuni kallattiin kanneen bitanii fayyadaman miidha. Boba’aanis akkaatuma kanaan ni qaala’a. Gatiin boba’aammoo gatii kaanis ni xuxxuqa.‘‘

Dr Ayyalaan gama isaaniin ‘’Inni guddichi sodaachisaan tokko waan biyya alaatti ergamu gatii gadii buusu duwwaa osoo hin taane gatii gadi cabsuun waan biyya alaatii bittu gatii dabala,'' jedhan.

Balaa kuni qabu kan hubate mootummaan tumsa boba’aaf dhaabe eegalu dabalatee, hojjettoota sivil sarvisii galii gad-aanaa qaban hirphuuf akka yaade ibseera.

Maal dabaluu danda'a?

Lammiileen Itoophiyaa keessumaa sababa daldalaan biyya alaatti deddeebi’an herreega sharafa alaa baankii biyya alaa keessaa qabu.

Akkaataa murtee Baankii Biyyaalessaan garuu lammiileen ‘’qabeenya lammiilee sharafa alaan biyya alaatti kuufame,’’ biyyatti deebisuu akka dandeessisu amanu Dr Qalbeessaan.

‘’Kuni faayidaa guddaadha,’’ jedhu. Kunimmoo, hamma qarshii lammiileen biyyatti ergan [remittance] akka dabalu ni taasisa jechuun xinxaltoonni himu.

Oomishoota Itoophiyaan alatti erguun galii guddaa itti argattu keessaa ijoon buna dheedhiidha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Oomishoota Itoophiyaan alatti erguun galii guddaa itti argattu keessaa ijoon buna dheedhiidha

Keessumaa Itoophiyaatti rakkoo guddaa biyyattii ta’e kan ture dhimma gabaa seeraan alaati.

Hammi isaa sirriitti beekamuu baatus seektarri kuni ‘’walakkaa GDP biyyattii gadi kan hin taanedha,’’ jechuun ibsu Dr Qalbeessan.

Riiformii dinagdee haaraa kanaan garuu gabaan seeraan alaa ‘’erga takkaas ta’u baatu bakka dhabaa deema’’ amantaa jedhu qabu.

Birriin kanaa gadi cabuu danda'aa?

Xinxaltoonni eeyyee deebii jedhu qabu. Hayyuun Beeljiyeem jiraataaniifi BBC’n dubbise kuni ‘’Akka tilmaama koottu nama gammachiisu dhabus kana caalaa dabaluu danda’a.

‘‘Akka muuxannoo biyyoota kaanitti, guyyoota yookiin torbanoota muraasa jalqabaa erga birriin laafe booda hamma tokko bayyanatuun isaa hin hafu,’’ jedhan.

Akkaataa murtee haaraan fedhii yookiin gabaarratti waan hundaa’ef hammi bituu birrii ‘’ol qofa miti oliifi gadi inuma jedha,’’ akka ogeeyyiin ibsanitti.

‘’Gatiin birrii gabaa seeraan ala waliin yeroo ilaalamu walakkaan waan gabaabbatef inni hanga sirratutti kufuun isaa hin hafu,‘‘ jedhan Dr Qalbeessaan.

Gatiin birrii akka laafu yookiin cimu wantoonni godhan dhimmoota ‘’diinagdee qofa miti’’ kan jedhan hayyuun kuni, rakkoon nageenyaafi kaanis qooda akka qabu amanu.

Namoonni baankiitti qarshii kuufatan akkam ta'u?

Biyya keessa namoonni qarshii qusatan birriidhumaan qusatu. Namoota kanaaf murteen mootumaa kuni miidhaa qaba jedhu ogeeyyiin.

Sababa kanaaf namoonni baankiidhaa maallaqa gaafa Dilbataa qaban Wiixataa eegalee gatiin isaa ‘’30% gad cabe jechuudha guyyaa tokkotti.

‘’Gama kaaniin daldaltoonni sharafa alaa manas ta’e baankii alaa keessaa qabaniif immoo birriin qaban takkaatti 30% akka guddatetti lakkaa’i,’’ jedhan Dr Qalbeessaan.

Guyyaa Wiixataa ‘’30% kanneen birrii Itoophiyaa qabanirraa citeera, sharafa alaammoo seeraanis ta’e seeraan alaa kan qabanif immoo 30% caalaatti dureessa ta’ani.‘‘

Furmaata

Dr Ayyalaan murteen riiformiin dinagdee haaraa mootummaan ifa godhe keessumaa kan sharafa maallaqaa ''waan nama sodaachisuudha'' jechuun furmaanni akka taasifamu gorsu.

Ergammoo takkaa murtaa'e waan mootummaan osoo dursa kenneef jedhan akeeku.

‘’Osoo hin turin osoo hin bulin waan qabanin waan danda’anin,’’ mootummaan bajata barana qabame qonna jabeessutti akka fuulleffatu dubbatu.

‘‘Bajatii amma baasan kanallee keessa deebi’anii ilaaluu,’’ qabu jechuun ‘’osoo hin turiin oomishni akka dabaluurratti xiyyeeffatanii,’’ gaarii akka ta’u himu.

Gama kaaniin, yeroo akkanaa daldaltoonni carraa kanatti fayyadaman waan jiranif daldaltoota gidduu dorgommii baay’isuun hubaatii dhaqqabuu malu akka xiqqeessu eeru.