Marii ijoo Itoophiyaan qondaalota IMF waliin taasisaa jirturraa maal eegna?

Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad deeggarsa maallaqaa ittiin dinagdee waraanaafi walitti bu'insaan hubame fooyyessan barbaadu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad deeggarsa maallaqaa ittiin dinagdee waraanaafi walitti bu'insaan hubame fooyyessan barbaadu

Qondaalonni Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) torban dura Finfinnee seenan ammallee aangawoota Itoophiyaa waliin marii itti fufaniiru.

''Mariin ammallee itti fufeera,'' jechuun qondaalli IMF BBC'tti himaniiru. Ta'us, waan dabalataa dubbachuu hin feene. Mootummaan Itoophiyaas homaa hin dubbanne.

Mariin kuni baay'ee eegamaa ture. Haal dureen kaa'ame mootummaa Itoophiyaa muddama keessa kaa'eera jedhu xinxaltoonni.

Mariin kuni maaliif akkaan barbaachisaa ta’e? Akkamiin xumuramuu danda’a? Eenyu maal barbaada? Itti bahi marii kanaa maaliif eegama? Qabxiileen ijoo kunneeni.

Maaliif ijoo ta'e?

IMF waggaatti si’a lama dhimma dinagdee mari’achuuf biyyoota daawwata. Gabaasa dinagdees ni baasa.

''Inni ammaa kan adda godhu haala dinagdeen Itoophiyaa irra jiruufi dhimmi irratti mari'atanis ni jira,'' jedhu ogeessi diinagdee Abdulmannaan Mohaammad (PhD).

Mariin kuni baatii Onkololeessa keessa qondaaltonni IMF aangawoota Itoophiyaa waliin marii taasisaniifi akkaataa dinagdee Itoophiyaa gargaaruu irratti mariin ''fooyyee'' qabu taa'ame booda taasifamaa jira.

Itoophiyaan rakkoo dinagdee ishee furuuf liqaa dolaara biiliyoona 3.5 akka barbaaddu gabaafameera. Liqaan irra jirummoo dolaara biiliyoona 28 ta’u xinxaltoonni himu.

Kana dura marii Chaayinaa waliin taasifameen Itoophiyaan liqaa ishee achi siiqxee akka kanfaltu waliigalameera.

Kanaanis, maallaqa amma idaaf kanfalamuu qabu dolaara biiliyoona 1.5 qusachuu ishee Bulchaan Baankii Biyyaalessaa miseensota Paarlaamaaf himaniiru.

Biyyoota Lixaa maallaqa Itoophiyaaf liqeessan waliin waliigaluuf immoo mariin IMF waliin taasifamu Itoophiyaaf akkaan barbaachisaadha.

Baatii Mudde keessa gareen liqeessitoota biyyoota badhaadhan jechuunis Paaris Kilab jedhaman haal duree tokko ka’anii turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bitootessa 31, 2024’tti Itoophiyaan IMF irraa liqaa yoo hin arganne yookiin mari’attee yoo waliigaluu baatte, maallaqa duraan liqeeffatte hanga 2025 turtee akka kanfaltu hingoonu jedhaniiru.

‘’Marii kana xumurree waligaltee wayiirra yoo hin geenye biyyoonni Paaris Kilab waligaltee duraan tureen [idaa] kanfaluu qabdu jedhu,’’ jedhu xinxalaan dubbifne.

Kana jechuun Itoophiyaan liqaa ishee achi siiqxee kanfaluuf waliigalteen IMF waliin taasistu akkaan ishee barbaachisa jechuudha.

Biyyoonni kuni liqaa Itoophiyaarraa qaban yeroo itti kanfalamu yoo achi butan Itoophiyaaf ‘’aara galfiidha,’’ jedhu xiinxalaa dinagdee BBC’n dubbise.

Dirqama waliigaluu qabdu jechuun isaaniimmoo Itoophiyaaf muddamadha jedhu Abdulmannaan (PhD).

‘‘Kunimmoo mootummaa Itoophiyaaf mata bowwuudha. Tokkoffaa idaa kanfaluuf maddi maallaqaa si barbaachisa. Lammaffaa idaa alaa kanfaluuf sharafni alaa si barbaachisa.

‘’Sababa kanaaf bajata biyya keessaarratti dhiibbaa qaba, sharafa alaa keenyarrattis dhiibbaa qaba jechuudha.‘‘

Gama kaaniin, Itoophiyaan baatii Mudde keessa kanfaltii dhala yuuroo boondii irra jiru kanfaluu dhabuun biyya Afrikaa sadaffaa liqaa kanfaluu dhabde taateetti.

Mootummaan garuu kanfaluu hin dadhabne maamiloota alaa liqaa kennaniif ''wal qixa ilaaluuf malee,'' jedhee ture.

Itoophiyaafi IMF; Eenyu maal barbaada?

Waraana waggaa lama turerraa kan bayyanataa jirtu Itoophiyaan diinagdee ishee dammaqsuuf maallaqaa liqeeffachuu barbaaddi.

IMF akka beeksisetti, Itoophiyaan hanqina nyaataa, deggarsa namoomaa, ijaarsa waraana boodaa, qaala’iinsa jireenyaa olaanaa, fi ajandaa dinagdee qopheessite tumsuuf maallaqa feeti.

IMF Itoophiyaaf maallaqa liqeessuu dura haalduree biyyattiin akka guutuu qabdu irraa eegu ni jira.

‘’IMF haalduree guutuu qabnu nurraa eegu jira, nuyimmoo IMF irraa maallaqa barbaanna. Wanti lamaan keenya gidduu jiru kana.’’

IMF mootummaan Itoophiyaa maal barbaada gaaffii jedhuf hamma maallaqa gaafatamuurratti hundaa’a jedhu Abdulmannaan (PhD).

Waggoota afur dura IMF Itoophiyaaf yeroo dolaara biiliyoona 2.9 liqaa kennuuf jedhee turetti haal-dureewwan danuu lafa kaa’ee ture.

‘’Dhaabbilee misoomaa mootummaa riformii gochuu, sirna maallaqaa riformii tolchuu, sharafa maallaqa alaa sirreessuu, bajata balaansii [madaallii] tolchuu,’’ kanneen jedhan turan jedhu.

Hanqinni sharafa alaa gatii meeshaalee bu'uuraa lammiilee akkaan guddiseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hanqinni sharafa alaa gatii meeshaalee bu'uuraa lammiilee akkaan guddiseera

Haata’u malee, mariin adeemsi liqaa suni sababa waraana Kaaba Itoophiyaan gufate, osoo hin milkaa’in hafe.

Dhimmoonni kana dura ka’an ammas deebi’anii ka’uun isaanii hin hafu jedhu xiinxalaan kuni.

Gama kaaniin, IMF yaaddoo ibsatus qaba. Itoophiyaa keessa haalli jiru, keessumaa sarbami mirga namoomaafi rakkoon nageenyaa furmaata dhabe isa yaaddessa.

Dubbii-himtuun IMF Juulii Kozaak rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessa jiruun kan ‘’nama jeequufi yaaddessaadha,’’ jechuun torban muraasa dura ibsaniiru.

Rakkooleen nageenyaa naannolee lamaan karaa nagaa furamuu qabu jechuun yaaddoo Ameerikaan ibsattes akka hubatan ibsan.

Abdulmannaan (PhD) ‘’Biyyattii keessa tasgabbii dhabuun jiru ilaalcha keessa galchumoo hin galchan kan jedhu tarii akka kana duraa guddatee mul’atuu dhabuu mala.

‘’Ta’us amma[s] kaasuun isaanii hin hafu,’’ jechuun marii adeemaa jiruurratti ka'u akka malu yaada isaanii ibsu.

Dhimma 'mataa dhukkubbii' ta'e

Waggoota dheeraa dura eegalee IMF dabalatee dhaabbileen faayinaansii addunyaa biroon Itoophiyaan humna birrii akka laaffistu [devaluation] gorsu.

Marii qondaaltonni IMF aangawoota Itoophiyaa waliin taasisan irrattis hamma sharafa birriifi sharafa alaa baankiifi gabaa seeraan ala gidduu jiru akka sirreessitu gaafatuu malu.

Marii kanarratti dhimmoota baay’eerratti waliigaluu waan rakkatan miti jedhu xiinxalaan.

Haa ta’u malee, dhimmoota marii kanarratti ka’an keessaa dhimmi falmisiisaafi waliigaluurratti rakkoo ta’u danda’u dhimma sharafa maallaqa alaati jedhu.

‘‘Amma mataa dhukkubbii jabaa kan ta’e sharafa maallaqa alaa dhimma sirreessuudha. Mootummaan Itoophiyaa sirreessuufis sirreessuu dhabuufis rakkateera.‘‘

Sababni isaas garaagarteen sharafa alaa seeraan kan baankileen sharafaniifi kan gabaa seeraan alaatti sharafamu gidduu jiru ‘’baay’ee bal’aa‘‘ waan ta'eefi.

Fakkeenyaaf dolaara yoo kaafne yeroo ammaa kanatti baankileen dolaara tokko naannoo birrii 56’n sharafu, gabaa gurraachatti garuu 100 olidha. Kuni dachaaf deema.

‘‘Kana nan sirreessa yoo jedhe rakkoo dinagdee hordofsiisu mootummaa Itoophiyaa kan isa sodaachise natti fakkaata. Qaamolee lamaan gidduu danqaa guddaa kan ta’e isa kanadha.

‘Isaaniis dhimmi kuni furmaata argachuu qaba jedhu. Mootummaan Itoophiyaas akkuma bitaa isa galeetti jira.‘‘

Rakkoon hanqina sharafa alaa Itoophiyaa mudate akkasheen liqii ofirraa kaffaluu hin dandeenye taasiseera

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Rakkoon hanqina sharafa alaa Itoophiyaa mudate akkasheen liqii ofirraa kaffaluu hin dandeenye taasiseera

Dhimma kanarratti mootummaafi IMF sababa garagaraa dhiheessu.

Gaaffiin ijoo dhaabbilee maallaqaa idil-addunyaa sharafi maallaqaa alaa Itoophiyaa ‘‘sharafi isaa sirrii mitii,‘‘ kan jedhudha.

‘’Gatii sharafa alaa amma jiru gabaarraa kan xiqqaate waan ta’ef akka sirreessitan,’’ jechuun gorsu.

Kunimmoo al ergii isin jalaa miidhaa jira, invastimantiin alaafi sharafni alaa akka gara biyyaa hin dhufnees taasisa jedhu.

Mootummaan Itoophiyaa immoo yaaddoo ofii qaba.

‘‘Osoon sirreesse wanta baay‘ee na duraa diiga jedhee sodaata. Qaala’iinsi gatii takkaatti ol bahuu danda’a. Rakkoo baay’eef saaxiluu danda’a,’’ jedhu Abdulmannaan (PhD).

Maallaqni maalirra oola?

Qaamoleen lamaan dhimmoota baay’eerratti waliigalanii dhimma humna birrii laaffisuurratti waliigaluu dhabuu mala jedhu xiinxalaan.

Mootummaan ‘‘yeroo naaf kennaa jedha,‘‘ jedhanii tilmaamu. Yeroo itti kennanii gidduutti karaatti sharafa alaa itti guddisan yoo itti dalage gaariidha jechuun ibsu.

‘‘Mootummaan Itoophiyaa qarshii fudhate damee productive [dinagdee kan guddisu] hin taanerra yoo oolche idaa ofitti dabala.

‘‘Kanaaf waan maallaqicha irratti oolchinu murteessaadha. Akkuma barre pirojektii fancy [gatii qaalii] irratti yoo dhangalaasne lafa duraatti deebina,’’ jechuun gorsu.

Mariin kuni osoo milkaa’e maal arguu dandeenya? Ogeessi dinagdee kuni shakkii irraa qabu.

‘‘Hamma maallaqa barbaadnuun [yeroo walbira qabamu qarshiin gaafatame] baay’ee miti [xiqqoodha]. Yeroo muraasaaf fedhii sharafa alaa guutuu mala.

‘’Maallaqichi baay’ee waan hin taanef lafa dur turretti deebi’uun keenya hin hafu,’’ jedhu.

Dabalataan, Dhaabbatni Maallaqa Addunyaa maallaqa gaafatame erga takkaa kennuu dhabus danda’a jedhu.

Osoo liqaan dolaara biiliyoona 20 ykn 30 argame gabaa takkaatti tasgabbeessuu akka danda’u amanu.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga bara 2018 gara aangootti dhufanii dinagdee gara caalu gabaa alaaf cufaa ta’e banuutti jiru.

Telekoomiin ala baankii, damee shaqaxa jumlaafi lammiileen alaa qabeenya akka horatanif eeyyamuuf akka jiranis ibsaniiru.

Hanqina sharafa alaan yeroo dheeraaf kan rakkataa jirtu Itoophiyaan lammiileen ishee qaala'iinsa gatii olaanaa ta’een hubamaniiru.

Dinagdeen biyyattis waraanaafi walitti bu’insaan miidhamuun isaa ni yaadatama.