Itoophiyaan lammiileen alaa qabeenya akka horatan eeyyamuufi

Madda suuraa, Abiy Ahmed/ Twitter
Mootummaan Itoophiyaa lammiileen biyya alaa qabeenya akka horatan eeyyamuuf seera qopheessaa akka jiru beeksise.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad marii namoota biznasii keessatti bobba'an waliin taasisaniifi guyyaa Sambataa miidiyaalee mootummaarratti darbeerratti kuni kan dhagahame.
''Seera namoonni alaa qabeenya akka horatan eeyyamu ni baasna,'' jechuun dubbatan.
MM Abiy lammiileen alaa ijaarsa manneen jireenyaa [real state] keessa akka hirmaatan gochuun dinagdee biyyattii dorgomtoota alaaf banuufi invastaroota hawwachuuf kaayyeffatan.
Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa lammiileen alaa qabeenya dhaabbataa jechuunis mana jireenyaas ta’e daldalaa qabaachuu hin danda’an, akka gabaasa Rooyitarsiitti.
Akka bulchaan Itoophiyaa jedhanitti, mootummaan kana jijjiiruuf seera haaraa qopheessee xumuraa jira.
Haa ta’u malee, yoom gara mana maree bakka bu’oota ummataatti ergamu Ministirri Muummee Abiy wanti jedhan hin jiru.
Dabaluunis, mootummaan damee daldala jumlaafi qinxaaboo lammiilee Itoophiyaa qofaaf daangeffame dhaabbilee idil-addunyaas akka seenan gochuuf yaada qaba.
Kanaafis, seera jiru fooyyessuuf mootummaan akka karoorsellee ibsaniiru.
''Cufamee [dinagdee] ture, amma garuu xiqqoo ni banna. Kanaaf akka isiniis akka qophii taatan barbaanna,'' jechuun himani.
Seera qabeenya horuu dhorke
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Seerri Maatii Itoophiyaa Bara Mootii H/Sillaasee bahe lammiin alaa Itoophiyaa keessatti qabeenya dhaabbataa akka horatu hin eeyyamu.
Haa ta’u malee, ALI Bara 2012 Labsiin Invastimantii bahe seera kana jijjiiree lammiileen alaa qabeenya horachuu hamma tokko eeyyama.
Labsiin kuni lammiileen alaa invastimantii guddaa qaban qabeenya dhaabbataa horachuu eeyyamuus lafa abbummaan qabachuu ni dhorka.
Labsii kana hordofee dambiin bahe immoo lammiin biyya alaa yoo xiqqaate dolaara miiliyoona 10 hojiirra oolche mana jireenyaa akka bituu danda’u ibsa.
Ta’us, seerri kuni akka jijjiiramu kan ibsan MM Abiy seerichi bahuf sadarkaa xumuraarra gahuu dubbatan.
Seerri baha jedhan seera turerraa maaliin akka adda ta’u odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Bara 2018 aangootti kan dhufan Ministirri Muummee Abiy Ahimad dinagdee biyyattii haalaan to’atame dorgomtoota alaaf suuta banaa jiru.
Kana dura gar-tokkeen damee telekoomii dhaabbilee alaaf eeyyamameera. Kanaanis, dhaabbati Keeniyaa Safaarikoom biyya seenuun isaa ni yaadatama.
Damee baankiifis waggoota shanan dhufan eeyyamni shan kennamuu akka malu kana dura gabaafameera.
Bulchaan Itoophiyaa dameewwan adda addaa invastimantii alaaf banaa gochuun kaappitaalli alaa gara biyya akka seenu yaadaniiru.
Biyya ummata miiliyoona 100 ol kan qabdu Itoophiyaan dinagdee biyyattii dhaabbilee alaaf banaa gochuun dinagdee guddisuu barbaaddi.
Itoophiyaan yeroo ammaa idaa dolaara biiliyoona 28 kanfaluu qabdu irra jira, akka gabaasa AFP'tti.
Dinagdeen biyyattii waraanaafi walitti bu’insaan miidhamees ture.
Hanqinni sharafa alaafi qaala’iinsi gatii olaanaa ta’ees mootummaafi ummata biyyattii hubeera.












