MM Abiy abbootiin qabeenyaa hidhattoota maallaqaan deeggaru jechuun himatan

MM Abiy abbootii qabeenyaa hidhattoota gargaaru jedhan akka dhaaban gaafataniiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy abbootii qabeenyaa hidhattoota gargaaru jedhan akka dhaaban gaafataniiru

Ministirri Muummee Abiy abbootiin qabeenyaa Itoophiyaa hidhattoota bakkeewwan biyyattii garagaraatti argaman maallaqaan deeggaraa jiru jechuun himatan.

MM Abiy 'kaffaltoota gibiraa amanamoo' waliin marii torban dura gaafa Jimaataa taasisanirratti kana dubbatan.

Mariin kun Sambata darbe miidiyaalee mootummaarratti kan darbe yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa hidhattoota qarshiin tumsuu akka dhaabaniif gaafataniiru.

Hidhattooti deeggarsa abbootii qabeenyaarraa argataniin maallaqaafi qarshii olaanaa argataa jiru jechuunis dubbataniiru.

‘’Namoonni bakkee garagaraatti qabsaa’an hanga manneen kudhanii maqaa abbaa isaaniifi obboleessa isaaniin qabu.

‘’Gammoojjii keessatti qabsaa’aa kan jedhaman baay’een abbootii qabeenyaadha. Yoo achi ta’anii daldaluu danda’an gara nagaa maaliif dhufu?

‘’Yoo nagaan jiraate daldalli hin jiru jechuudha,’’ jechuun dubbatan.

Himannaa abbootii qabeenyaarratti dhiheessan yoo ibsaniis dhihoo waan mudate jedhan akka fakkeenyaatti kaasan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Dhihoomallee dolaarri miiliyoonni shan dhufee baankii tokkotti qabanneerra. Birrii guddaadha kan socho’u,’’ jedhaniiru.

Marii ALI Bitootessa 13, 2016 taasifameefi sa’aatii 1fi daqiiqaa 20 dheeratu kanarratti abbootiin qabeenyaa hidhattoota gargaaraa jiru jechuun qeeqaniiru.

‘’Abbootiin qabeenyaa beekuun guddachuu waan itti fakkaatuf asis achis mul’atu. Nuun asitti kabajamoo jedhu achitti isiniin goota jedhu.

‘’Namoonni gowwoomfamaa biyya jeequ, dargaggoonnis ni dhumu,’’ jechuun dubbataniiru.

Gama kaaniin waa’ee abbootii qabeenyaa biyyaa bahaa jiranis dubbataniiru.

‘’Ragaan tokko namoonni wayii badanii adeemu. Abaluun maaliif bade? Waamaa gara biyyaatti haa deebi’u yoo jedhan deebi’u hin barbaadu.

‘’Daddabarsi maallaqaa dalage beekama jedhee waan yaaduf hin barbaadu,’’ jechuun dubbatan.

Dabaluunis, ‘’wanti isiniif mirkaneessu ammaan booda mootummaa Itoophiyaa shiftummaa ykn fincilaan kuffisuu miti sochoosuun hin danda’amu,’’ jedhan.

Bulchaan Itoophiyaa hidhattoota kana maqaan hin dhoofne. Haa ta'u malee, keessumaa Naannoo Oromiyaatti namoonni ugguramanii qarshii guddaa gaafatamu.

Dhihoomallee hojjettoonni warshaa sukkaaraa Wanjii shan erga butamanii torban lama booda ajjeefamanii argamaniiru.

Uggura gara caalu Naannoo Oromiyaa keessatti raawwatuuf hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan 'Shanee' jedhutu himatama. Isaan garuu ni waakkatu.

Gama kaaniin, Naannoo Amaaraa keessumaa Gondaritti kana dura namoota butanii qarshii gaafatuun tureera.

Manneen Piyaassaa diigamaa jiran

Tibbana manneen jireenyaafi daldalaa magaalaa Finfinnee keessumaa Piyaassaafi naannawicha keessatti argaman diigamaa jiru.

Dhimma kana miidiyaa hawaasummaa gubbaatti kaan deeggaranii kaan mormanii yaada isaanii ibsaniiru.

Ministirri Muummee Abiy marii abbootii qabeenyaarratti taasisaniin dhimma kana kaasaniiru.

‘’Finfinnee keessa rakkoon guddaafi hiyyummaan wiirtuurra [gidduu magaalaa] jira. Markaatoo, Piyaassaa, Meksikoo… [bakkeewwan] jedhaman.

‘’Rakkoon guddaan achi jira,’’ kan jedhan MM Abiy ‘’rakkoo ijoo ija jabaannee yoo diigne waggoota shan keessatti magaalaan maal akka ta’u ni ilaaltu,’’ jedhaniiru.

Dabaluunis, ''adeemsa kana keessatti sadarkaa nama dhuunfaan dhaabbileen dallaan keenya xuqame jedhan jiraachuu danda’u,'' jedhan.

Namoota dhuunfaa qofa osoo hin taane aangawoonni mootummaafi dhaabbileenis komii akka qaban ibsaniiru.

Kunis ta’u mootummaan isaanii manneen jigsuu akka itti fufu himan.

‘’Iyyi baay’eedha. Ciniinnannee yoo jigsine malee biyyi hin ijaaramu. Waggaa keessa jijjiirama Finfinnee ni ilaalla,’’ jedhan.

Abbootiin qabeenyaa ‘’hamii keessaa bahanii’’ obsaan akka eeganis dhaaman.