Hojjettoonni Warshaa Sukkaaraa Wanjii shan ugguramanii turan 'ajjeefaman'

Hojjettoonni Warshaa Sukkaaraa Wanjii shan torban lamaaf hidhattootaan ugguramanii turan ajjeefamanii argamuu qondaalli warshichaa tokko BBC’tti himan.
Hogganaan maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan tokko reeffi hojjettoota dhaabbatichaa guyyaa har’aa argamuu himan.
Reeffi isaanii lafa qonnaa warshicharraa xiqqoo fagaatee argamuu dubbatan.
Waa’ee namoota butamanii ajjeefamuun ibsame kanaa BBC’n aangawoota mootummaafi maatii namoota ajjeefamanirraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaalutti jira.
Kanneen ajjeefaman keessaa sadan isaanii achuma naannawa Wanjii yoo ta’an owwaalchi isaaniis guyyaa har’aa raawwatamuu ibsameera.
Lamman hafan keessaa tokko Adaamaatii kan dhaqe yoo ta’u har’a owwaalchi akka raawwatu ibsame.
kan biraammoo Daseedhaa dhufuufi reeffi gara maatiitti ergamuu gabaafame.
Hojjettoota shan ajjeefaman keessaa afran isaanii waggoota dheeraaf oppireetara tiraaktaraa ta’uun kan tajaajilaniifi umriin isaanii guddaa ta’uu hogganaan kuni himaniiru.
Inni tokko garuu dargaggeessaafi hojjetaa elektirikii (formaan) dha. Dhihoo qacaramuufi waggaa tokkoof warshicha tajaajile.
Akka hogganaa kanaatti, hojettoonni kuni torban lama dura hojii dabaree halkaniirra turan. Ganama isaammoo bakkee warshichaa Godina Arsii Bahaatii hidhattootaan butaman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hogganaan kuni hidhattooti kun maallaqa gaafachuu isaanii yookiin dhimmoonni biraa gaafatan yoo jiraate gaafatamanii akka hin beekne himan.
Haa ta’u malee, hidhattooti warshicha homaa akka hin gaafanne ibsanii yeroodhuma butaman qaama mootummaatti beeksisuu ibsaniiru.
Poolisiinis namoota butaman kana gadhiisisuuf hordofaa akka ture ibsan. Ta’us, guyyaa har’aa ganama sa’aatii lamatti reeffi isaanii argamuu dubbatan.
Ajjeechaan yoom akka raawwate baramuu baatus tarii kaleessa galgala ajjeefamuu akka hin oolle himan.
Hojjettoonni biroo hojjeettoonni butaman ajjeefamuu isaanii dhagahanii gara bakkichaa yoo deeman reeffa argachuu dubbatan.
"Warshaa Sukkaaraa Wanjiitti nama butuun kana dura qunnamee hin beeku," jedhu hoogganaan warshichaa BBC’n dubbise kuni.
Warshaan Sukkaaraa Wanjii magaalaa Adaamaatti dhiyoofi, Finfinneerraa 100km qofa fagaatee argama.
ALI Bara 1946 dhaabbata Nezeerlaandis fi mootummaa Itoophiyaan kan hundeeffame warshaan kun, Itoophiyaa keessa warshaa sukkaaraa isa jalqabaati.
Yeroo mootummaan Dargii aangootti bahe abbummaan warshichaa guutummaan guututti harka mootummaa Itoophiyaa seene.
Warshaan Sukkaaraa Wanjii warshaalee sukkaaraa shan ofin akka of bulchan taasifaman keessaa tokkodha.
Bakkeewwan Naannoo Oromiyaa adda addaatti namoota butanii qarshii gaafachuun darbees ajjeefamanii argamuun hawaasa keessatti dhimmoota yaaddoo uuman keessaa tokko ta'eera.












