Baankiwwan biyya alaa Itoophiyaa galuun faayidaa moo miidhaa qaba?

Madda suuraa, Getty Images
Dameen baankii Itoophiyaa baankilee biyya alaatiif haarayaa miti. Baankoo di Roomaa fi Baankii Abisiiniyaa kaasuun ni danda’ama.
Haatahu malee barkurnee hedduuf gabaan Itoophiyaa dameewwan akka baankiifi telekoomii invastaroota biyya alaafi dhuunfaaf cufaa turan.
Ministirri Muummee duraanii biyyattii Mallas Zenaawii 2012'tti Foramii Diinagdee Addunyaarratti, Itoophiyaan human damee baankiifi telekoomii banaa itti gootu hinqabdu jedhanii turan.
“Hordofuu dhiisaatii, meeshaalee nuti hubachuullee hin dandeenye fayyadamu. Akkamiin isaan to’achuu dandeenya? Amma humna hinqabnu,’’ jedhanii dubbatan.
Ejjennoo Mallas kana kanneen deeggaran akkuma jiran, kanneen gabayaa addunyaarraa gargar baanee jiraachuu hin dandeenyu jedhanis jiru.
MM Abiy Ahimad bara 2018 gara aangootti oggaa dhufan, dhaabbileen mootummaa gara guutummaatti yookaan gariin gurgurtaaf akka dhiyaatan akeekanii turan.
Mootummaan kana kan murteesse; invastimantii biyya alaa biyyatti galchuun, diinagdee qonnarratti hirkate ammayyoomsuuf akka tahe hima.
Akkasumas dhiyeessii sharafa biyya alaa fiduun, kalaqa hojiifi dorgommii idil-addunyaa cimsuun, guddina diinagdee fiduuf akka gargaaru ibsa.
Dameen telekoomii invastaroota biyya alaatii banamuu hordofee ammammoo indastriin baankii dhaabbilee biyya alaaf banaa akka taasifamu murtaa’eera.
Ji’ootaan dura MM Abiy dubbii Paarlaamaa biyyattiif taasisaniin: “Baankoliin teknoloojiin deeggaramuun, guddina addunyaa wajjin kan deemuufi baankiiwwan biyyoota biraa wajjiin dorgomuuf qophii isaan dandeessisu taasisuu qabu,’’ jechuun haasawa taasisan.
Baankileen biyya alaa gara biyyaatti galuun isaanii, baankiiwwan biyya keessaaf yaaddoodha moo, waan dansaati?
Maal fidanii dhufu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baankoonni Afrikaa hedduun gabaa Itoophiyaa seenuuf fedhii agarsiisaa akka jiran, bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa Yinager Dassee (PhD) ji’ootaan dura dubbatani turan.
Marsariitiin FurtherAfrica ragaa 2020tti baaseen, 2015 irraa jalaqabee, baankonni biyyoota alaa sagal Itoophiyaatti waajira qabu.
Dura taa’aan Fairfax African Fund kan tahan Zamadeenah Nigaatuu “labsiin kun tarkaanfii guddaadha,’’ jedhu.
“Fakkeenyaaf ani biyyoota guddachaa jiran jedhamaniitti hedduu hojjedheera. Arjantiinaa, Biraazil, biyyoonni Eeshiyaa kan akka Chaayinaafi Indiyaan akkatti banan ilaaluu dandeenya.’’
Ogeessi diinagdee kun oomisha biyyaa waliigalaan (GDP) biyyoota Sahaaraan gadi jiran keessaa, Naayijeeriyaafi Afrikaa Kibbaatti aantee kan jirtu Itoophiyaatti, dameen kun banamuun “Itoophiyaan bizinasiif banaa tahuushee agarsiisa,” jedhu.
Baankileen biyya alaa ennaa dhufan muuxannoo idiladdunyaa fidanii dhufu – muuxannoo bulchiinsaafi teknoloojii akkasumas sharafa biyya alaa fidanii dhufu…’’
Aabba Zamadeenah tajaajila maamiltootaas akka faayidaa tokkotti kaasu.
“Fakeenyaaf biyya ani jiraadhu Ameerikaatti, baankoliin maamiltoota isaanii haalaan kunuunsu. Biyya keenya tajaajilamaan baankicha kadhatee tajaajila argata. [Wantichi] faallaadha. Kan liqeessanis namoota muraasaaf.’’
Ogeessi gorsaa fi oditii Obboo Xilaahun Girmaa gamasaaniin, baankileen biyya alaa galuun isaanii faayidaan isaa inni tokko, invastaroota biyya alaa biyyatti harkisuu isaaniiti jedhu.
“Dameen kun baankiwwan biyya alaaf banamuun isaa teknolojiin haaraa akka babal’atu taasisa,… invastaroota baankileen biyya keessaa maallaqa gahaa tahe naa kennu jedhanii hin amanne gara biyya keessaa affeera.
Fakkeenyaaf Itoophiyaa keessa Citibank yookiin Standard Chartered yoo seenan, invastaroonni biyya alaa ennaa qorannoo gaggeessan akka faayidaa tokkotti ilaalu,’’ jedhu ogeessi kun.
Haatahu malee Obboo Xilaahun biyyattiin indastrii baankii kan bante dhiibbaa dhaabbilee idil-addunyaa irraa itti dhufeen tahuu kaasu.
Akkamiin jennaan: “Ulaagaan Dhaabbata Daldalaa Addunyaa – WTO inni tokko, biyyoonni daldalaa fi tajaajila irratti danqaa tahuu hinqaban kan jedhudha. Kanaaf dhiibbaan gara caalu Dhaabbata Maallaqaa Addunyaafi Dhaabbata Daldalaa Addunyaa irraa kan dhufedha,’’ jechuun yaadasaanii himu.
Dabaluun: “Baankonni biyya keessaa kan duriirraa haala fooyya’aa taheen sadarkaa kaappitaalaa fi teknooloojii fooyya’aarra jiraatanis, ammas karaan dheeraa isaan hafa,’’ jedhu.
Kanaaf baankileen Itoophiyaa keessaa akkamiin morkachuu danda’u?

Walitti dabalamuu
Mootummaan baankiiwwan biyya keessaa imaammata haaraa kana hordofee dorgomaa tahanii itti fufuu barbaadu taanaan, walitti dabalamuu yookaan baquu qabu jedha.
Aabba Zamadeenah yaadni kun tolaadha jedhu.
''Itoophiyaa keessatti baankiin dhuunfaan guddichi Awaash Baank, Afrikaa keessallee sadarkaa 83ffaa irra taa'e,'' jechuun baankoliin walitti baquu qabu jedhu.
''Indastrii baankii keessatti humni gatii guddaa qaba. Baankota 18 qabna, dhiyeenyatti ammoo sadii ykn afur dabalamuu dandayu. 10 kan tahan ammoo heeyyama eeggachaa jiru.
Kun tasumaa waan barbaachisu miti. Akka tilmaama kootti, waggaa fi walakkaan booda, baankiiwwan humna gurguddaa qaban shan ni jiraatu.''
Baankonni ennaa walitti baqan dandeettiin liqeessuu isaanii ol guddata, teknoolojiinis in dagaaga. Kana malees, baankonni biyya alaa yoo dhufan dandamachuu danda'u jedhu.
Ogeessi diinagdee Xilaahun ammoo Naayijeeriyaa akka fakkeenyaatti kaasuun, ''jalqaba fedhiin akka walitti baqan taasifamuu danda'a, tahuu baannaan ammoo inni humna qabu isa hinqabne of jala galfachuu danda'a,'' tilmaama jedhu qabu.
Baankonni biyya alaa ennaa galan, kan biyya keessaa baduu danda'uu jechuun kan gaafanne Aabba Xilaahun: ''Baankonni Itoophiyaa ni badu tilmaama jedhu hinqabu. Garuu maamiltoonni isaanii korporeetii jalaa fudhatamu,'' jedhu.
''Wanti dogoggoruu hinqabne, baankonni biyya alaa kun baadiyyaa keessa seenanii hojii 'retailing banking' ni hojjetu jedhamee hin yaadamu.''
Aabba Zamadeenah baankonni biyya alaa baankota Itoophiyaa keessa jiran irraa qooda bitatanii wajjin otoo hojjetanii carraa guddachuu qabu yaada jedhu qabu.
Baankoti biyya keessaa hin badani jechuun falmii kan dhiyeessan Xilaahuun, baankoti biyya alaa xiyyeeffannoo isaanii magaalaa guddoo fi magaalawwan gurguddoo biroo keessatti waan godhataniif baankoti biyya keessaa hawaasa isa kaan tajaajiluu danda'u jedhu.
''Imaammataan yoo dirqisiisne malee hojii isaanii kan dalagan waajira mummee tokko irraa taha, isa kaan immoo teeknolojiidhaan walitti hidhachisu. Akka baankota biyya keessaa gandaa, gandatti damee banatu jedhamee hin yaadamu.’’
Gorsaan kuni yaada ‘maamila korporeetii’ jedhu irra deddeebiin kaasu. ‘Maamila Korporeetii’ jechuun maali?
''Indastirii baankii keessatti waan 20/80 jedhamutu jira.
Dhibbeentaan 20 kanneen baankiif sharafa alaa guddaa fidaniidha. Baankoti biyya alaa maamilota kunneen butuuf akka dhufan shakkii tokkollee hin qabu. Kaayyoon isaanii, '‘maamila korporeetiiti malee gadi bu’anii liqii kennu jedhanii yaaduun dogoggora.’’
Xilaahuun, ''kanaafan dorgommiif akka itti toluuf walitti makamanii tokko tahuu qabu kanan jedhu, Baankiin Biyyaalessaas baankii soddoma, afurtama to'achuun irraa hin eegamu,'' jedhu.
Ogeessi kun kaappitaalli baankiiwwanii birrii biiliyoona shan akka tahe himanii tahus hammeentaan kaappitaala kanaa dhiyootti akka guddatu tilmaamu.
''Baankoti ulaagaa kana guutan hin jiran, hin jiran taanaan immoo filannoon isaanii walitti baquu dha,’’ jedhu.

'Mataa bowwoof, qorsa garaa ciniinnaa'
Hayyuun dhimmoota diinagdee irratti qeeqaa fi barreeffama garagaraa dhiyeessuun beekamanii fi Kuwait Institute for Scientific Research (KISR)tti qorataa kan tahan Ayyala Galaan (PhD), kanneen labsii kana cimsanii morman keessaati.
‘‘Nama mataan bowwaafatuuf, qoricha garaa ciniinnaa kennuudha,’’ kan jedhan ogeessi diinagdee kun, damee kana dhaabbilee biyya alaaf banaa gochuun rakkina qabatamaa biyyattii keessa jirurratti kan hundaa’e miti jedhu.
Dameen baankii fi faayinaansii Itoophiyaa keessaa rakkoo gurguddaa lama qaba jedhu.
Ka jalqabaa structural imbalance kan jedhamu akka tahe kaasuun kunis, baankileen mootummaa garmalee gurguddaa ennaa tahan, baankilee dhuunfaa ‘xixiqqaa’ tahan wajjin morkata jedhu.
‘‘Warra akka malee gurguddaatu warra xixiqqaa faanaa morkee, waan hundumaan faayidaa kan argatan baankota mootummaati.’’
Walcaalmaa akkaan guddaa tahe kana furuuf: harkuma mootummaa jalatti hafee baankiiwwan garagaraatti addaan hiramuu qabu, yookaan ammoo privatise tahee harka dhuunfaatti galuu qaba jechuun waan furmaata jedhan lafa kaahu.
‘‘Bunyaa keessatti ulfaatina walfakkaataa namoota hinqabne waltajjiirra baastee wal hin tumsiiftu.’’
Akka ogeessa diinagdee kanaatti rakkoon inni lammataa dameen baankii Itoophiyaa harkaa qabu, dhimma seera bulchiinsaa (regulation) tahuu kaasu.
Kanaafis akka fakkeenyaatti kan kaasan hammeentaa dhala liqii baankotaati.
‘‘Biyya lafaa keessatti, namni hanga dhala liqii %15 ykn %18n liqeeffatee, daldala itti hojjetee bu’aa argatee, sanaan biyyi guddatu jiraachuu hin danda’u,’’ jechuun rakkoon kun kan madde qaamoleen bulchiinsa mootummaa keessa jiranii fi kanneen baankii qaban waliigaluun dhimma murteessan tahuu kaasu.
‘‘Akkuma biyyoota kaanitti hanga dhala liqii %7 fi %6tti gadi buusuu qabu.’’
Kanaan baankooliin bu’aan isaanii hir’achuu malus, lammiileen miiliyoonota tahaniifi amma dura liqeeffachuu hin dandeenye, carraa liqeeffachuu argata jedhu.
Kanaafuu murtoon mootummaan damee kana baankiiwwan biyya alaaf banaa taasisuuf fudhate ‘tasumaa’ rakkoo kana furuurratti kan hundaa’e miti jedhu.
Baankoliin biyya alaa gara biyyaa galuun biyyattii ni fayyadu sababoota jedhamee himamu keessaa tokko sharafa biyya alaa biyyattiif argamsiisuu isaaniiti.
Qorataan diinagdee Ayyala Galaan (PhD) garuu kana cimsanii mormu. Kana ennaa ibsanis dubbiin kun – jechama ''rakkoo yeroo dheeraaf, furmaata ammee itti kennuuttin ilaala,’’ jedhu.
“Kaampaaniin gara biyyaa galu yeroo dura dhufu tokkicha, miiliyoona ykn biiliyoona amma tahe fidee dhufuu ni danda’a. Garuu, erga dhufee hojii eegalee kaasee ji’a ji’aan dolaara biyya alaatti erga.’’
“Dolaarri kan biyyatti dhufu mi’a alatti gurgurree deebi’ee dhufa malee, baankonni kun dolaara biyya alaatii fidanii wanti dhangalaasaniif hinjiru.’’
Faayidaan biraa baankonni fidu jedhamu teeknolojii haaraa biyya keessa galchuun beeksisu kan jedhamu ennaa tahu hayyuun diinagdee kun garuu kun “false economics’’ dha jechuun mormu.
“Teknoolojiin baankileen fidan ‘saayinsii rokeettii’ miti. Teeknolojiin harka baankii miti kan jiru, sammuu namaa keessa jira.
Wanni teknoolojii kun karaa warshaa konkolaataa itti suphan, warshaa xaa’oo, fi kaanis biyya alaatii galchina yoo jedhan nan fudhadha.’’

Madda suuraa, Getty Images
To'annoo
Baankoti biyya alaa gara biyyaa keessaa gaafa galan to'annoon akkamiitu irratti taasifamuu qaba? Gaaffiin jedhu qabxii falmii biraati.
''Waggooti 27 darbanitti Itoophiyaa keessatti baankiin tokkollee hin 'kufne' jechuun kan ibsan Zamadeeneh Baankiin Biyyaalessaa hamma yoonaa gama kanaan hojii gaarii hojjeteera,'' jedhu.
''Haatahu malee amma baankoti biyya alaa dhufaa waan jiraniif Baankiin Biyyaalessaa humna to’annoosaa guddisuu qaba. Sababiinsaa baankoti biyya keessaa to’achuufi baankota addunyaa wal-xaxoo tahan hordofuun baayyee wal-adda.’’
Xilaahuun ‘maamila korporeetii’ irratti xiyyeeffachuun baankota hojjetaniif adeemsi to’annoo haaraa dhiyootti bahu akka malu ni tilmaamu.
''Namoonni baayyeen mana bituuf, konkolaataa bituuf yaa liqii eessa jirtaa jechaa jiru,’’ kan jedhan oditarri kun, Finfinnee keessa hojjettoonni mootummaafi miti mootummaa, ''qarshii ji’a ji’aan kiraa manaaf kaffalan baankiif kaffaluu danda’u,’’ jechuun hubachiisu.
Baankiin Biyyaalessaa, baankoti biyya alaa gara biyyaatti yeroo galan, ''hammi liqaa fayyaalessa tahe seera jiru ni sirreessa,’’ jedhanii amanu.
Haa tahu malee jedhu, ''amma galuun akkuma eeyyamameef akkamiin immoo bahu kan jedhu itti yaadamuu qaba,’’ jedhu.
''Qajeelfamoota Baankiin Biyyaalessaa baasu hordofuun nurra jiraata. Waggaa waggaan qarshii hangamii baasuu danda’u waan jedhu beekamuu qaba. Lammiileen Itoophiyaas haalli itti qooda bitatan jiraachuu qabas,’’ jedhu.












