Hanqina sharafa alaa kan qabdu Itoophiyaan tajaajila baankii dhaabbilee biyya alaaf banaa gochuufi

Gamoo Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, NBE/FB

Itoophiyaan tajaajila baankii waggoota dheeradhaaf abbootii qabeenyaa biyya alaatif osoo hin eeyyamamin ture banaa gochuufi. Kaabineen mootummaa wixinee labsii tajaajila kana banaa gichuuf dhiyaates raggaasisee jira.

Manni Maree Ministeerotaa kora idilee 13ffaa Fulbaana 3, 2022 taa'en tajaajilli baankii investaroota biyya alaatif banaa akka ta'uuf wixinee dambii dhiyaate raggaasisuun hojiirra akka oolu murteessera.

Wixineen labsii kun baankii biyyoolessaatin kan dhiyaate yoo ta'u baankilee biyya alaa gara Itoophiyaa dhufuun akka hojjataniif kan eeyyamuudha.

Mootummaan Itoophiyaa murtee kana kan dabarse biyyattiin Kaaba Itoophiyaatti waraanatti wayita deebiteefi hanqinni sharafa alaa guddaan biyyattii wayita mudatee jirutti.

Itoophiyaa keessatti tajaajilli faayinaansii bara baay'edhaaf to'atamee kan ture baankilee fi dhaabbilee faayinaansii mootuummaa fi kan dhuunfatiini.

Manni maree ministeerotaa dambii faayinaansii baankin biyyoolessaa dhiyeesse kana raggaasisuun baankileen gurguddoon addunyaa damee faayinaansii irratti akka bobba'aniif eeyyamee jira.

Manni Maree Ministeerotaa murtee kana irra gahuu isaa ibsa baasen damee tajaajila baankii investaroota biyya akaatif banaa gochuun tajaajilicha beekumsaa fi tekinolojiidhaan deeggaruu, akkasumas diinagdee biyyattii gabaa addunyaa wajjin caalmatti akka walitti dhufu gochuuf kan kaayyeffate ta'uu isaa ibseera.

Dabalataanis murteen kun dhiyeessii sharafa alaa argamsiisuf, hojii uumu fi dorgommii cimsuun giddina diinagdeetif barbaachisaadha jedha ibsi mana maree ministeerota kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraatin Minsiteerri Faayinsaansii Fulbaana 2, 2022 waamicha dhiyeessen lammiilee biyya alaa jiratan sharafa gara biyyaatti ergan karaa seera qabeessan akka erganiif jechuun akkaawuntii diyaasporaa banuu isaa beeksiseera.

Waamicha kanaan piroojektiiwwan akka hin dhaabanneefi gargaarsa namoomaf deeggarsi akka biyyattii barbaachisu ibsee jira ministeerichi.

Ministeerichi dhalattootni Itoophiyaa biyya isaanii jaalatan hunduu ''maallaqa biyya alaa gara biyyaatti yeroo ergitan karaa seera qabeessa qofa ergaa'' jechuun ''biyya keessan akka gargaartan waamicha isinii goona'' jedha.

Tajaajilawwan biyya keessaa mootummaa fi abbootii qabeenyaa dhuunfaa qofaan qabamanii turan investaroota biyya alaatif banaa gochuuf fedhii akka qabu mootummaan ibsaa turus amma damee baankii abbootii qabeenyaa biyya alaaf banaa gochuu beeksisee jira.

Ministeerri Muummee Abiy Ahmad gara aangoo erga dhufanii booda addumatti dhaabbileen mootummaadhan qabamanii jiran gabaa addunyaatif banaa akka ta'an fedhiin jiraachun himamus hojiirra oolchuu irratti harkufateera jedhama.

Waggoota dhibbaa oliif mootummaa harka kan ture Itiyoo Telekoomin bara darbe gabaaf dhiyaatee amma dhaabbanni Safaricom Itiyoophiyaatti tajaajila telekoomii kennuu eegalee jira.