Diinagdee Itoophiyaa: Itoophiyaan karoora Itiyoo-telekoom harka 40 gurguruu yeroo biraatti dabarsite

Ethiotelecom

Madda suuraa, Ethiotelecom

Mootummaan Itoophiyaa karoora dhaabbata telekoomii biyyattii harka afurtama abbootii qabeenyaa dhuunfaatti gurguruuf qabatee ture yeroo biraatti dabarsuu isaa beeksise.

Ibsi Ministeerri Maallaqaa Jimaata baase "sababa jijjiirama saffisaa maakiroo-ikoonoomii addunyaa fi Itoophiyaa keessatti mul'ataa jiruun, mootummaan Itoophiyaa adeemsa dhaabbaticha gariin abbootii qabeenyaa dhunfaaf dabarsuu yeroo biraatti dabarsuu filateera" jedha.

Haata'u malee qaamolee dhaabbilee kana bituuf fedhii agarsiisanifi kaanis hirmaachisuun adeemsa dhaabbaticha gariin abbootii qabeenyaa dhuunfaaf dabarsu goolabuuf mootummaan kutannoo akka qabus hima.

Adeemsi dhaabbaticha gariin abbootii qabeenyaa dhuunfaaf dabarsuu yeroo hagamiif akka dheerate wanti ibsame hin jiru.

Itiyoo–telekoom sababa waraana kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiruun baatii 6 darbanitti birrii biiliyoona 3.67 dhabuu Bitootessa darbe beeksisee ture.

Kanaanis karoorri galii dhaabbatichi qabatee ture guutummaan akka hin milkoofneefi ji’oota jaha keessatti galii argama jedhamee karoorfame keessaa 86.4 qofti milkaa’uu, gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaa 2014 irratti ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa Fulbaana 2021 qaamoleen dhaabbaticha dhibbeentaa 40 bituuf fedhii qaban piroppoozaalii fedhii qabaachuu isaanii agarsiisu akka galfatan gaafatee ture.

Mootummaan Itiyo-telekoom gariin abbootii qabeenyaa dhuunfaaf dabarsuuf karoorfachuun kun, hojii biyyattiin dhaabbilee maallaqaa addunyaa gara garaan deeggaramuun fooyya'insa diinadgee taasisuuf qabatte keessaa tokko akka ta'es ibsamaa ture.

Biyyattiin waggoota sadiif gahee telekoomii gurguruudhaaf adeemsarra kan turte yoo ta'u, kan mootummaan ofiin dhuunfatee qabatee ture Itiyoo-telekom gaheen harki 40 abbootii qabeenyaa biyya alaatiif, harki 5 lammilee Itoophiyaan, harki 55 ammoo mootummaan akka qabatu ture karoorri ture.

Baatilee muraasa dura dhaabbanni Global Partnership for Ethiopia jedhamuufi gurmuu kampaanota jahaa tahe hayyama Itoophiyaa keessatti tajaajila telekoomii kennuu argachuun isaa ni yaadatama.

Dursaa walta'insa Global Partnership for Ethiopia kan ta'e dhaabbanni telekomii Keeniyaa guddichi Safaricom jalqaba Itiyoo-telekom harka 40 bitachuuf fedhii agarsiisullee, dhaabbileen tajaajila telekomii Itoophiyaa keessatti kennuuf hayyama argatan keessaa tokko waan ta'eef bitachuuf fedhii akka hin qabne ibseera.

Gurmuun Global Partnership for Ethiopia kun kampaanota telekomii gurguddoo maqaa gaarii qaban kan qabate yommuu ta'u, isaanis Safaricom, Vodacom Group, Vodafone Group, Korporeeshinii Sumitomo, akkasumas CC Gruop jedhamu.

Itiyoo-telekom dhaabbilee misoomaa mootummaa galii guddaa argamsiisan keessaa tokko ta'ullee, kampaanota biyya biroo damee sana keessa jiran waliin walbira qabuun yoo ilaalamu gadi aanaadha jedhu xiinxaltoonni sektera kanaa.

Itoophiyaan Itiyoo-telekom dabalatee dhaabbileen misoomaa mootummaa biroo keessaa gahee gurguruuf kan murteessiteef adda durummaan liqaa guddaa irra jiru kaffaluuf akka ta'e xiinxaltoonni ni ubbatu.

Dabalataanis, walga'insi tajaajila telekomii akka dabaluufi si'ataa ta'u gochuuf akka ta'e ni himama.

Itiyoo-telekoomiin alatti dhaabbanni mootummaan gariin abbootii qabeenyaa dhuunfaaf dabarsuuf karoora akka qabu ibse tokko Daandii Qilleensaa Itoophiyaati.