Itiyoo-telekoom sababa waraanaan baatii 6 darbanitti birrii biiliyoona 3.67 dhabuu hime

Madda suuraa, Ethio Telecom
Itiyoo–telekoom sababa waraana kaaba Itoophiyaatti taasifamuun baatii 6 darbanitti birrii biiliyoona 3.67 dhabuu hime.
Kanaanis karoorri galii dhaabbatichi qabatee ture guutummaan akka hin milkoofneefi ji’oota jaha darban keessatti galii argama jedhamee karoorfame keessaa 86.4 qofti milkaa’uu, gabaasa raawwii hojii walakkaa waggaa 2014 irratti ibseera.
Akka gabaasa raawwii hojii, Adoolessa, 2013 A.L.I hanga Mudde 2014 A.L.I jiru, yeroon waraanaa dheerachuu fi Naannoo Tigraay irraa gara Affaarii fi Amaaraatti ce’uun ji’oota jahan darban keessatti, buufataalee moobaayilii 3473 irratti danqaan tajaajilaa uumameera jedhameera.
Naannolee waraanaan miidhamaniifi amma qaqqabuun danda’ametti tajaajila kana jalqabsiisuuf birriin miiliyoona 328.9 baasii taasifamuu Itiyoo-telekoom beeksiseera.
Onkololeessa 24/2013 A.L.I erga waraanni kaaba Itophiyaatti jalqabeen as Tigraayitti tajaajilli telekoominikeeshinii kamiyyuu hin jiru.
Itiyoo-telekoom Tigraay dabalatee aanaalee garagaraa keessatti sababa rakkoo nageenyaan tajaajila kennuu akka hin dandeenyeefi bu’uurri misoomaa telekoomii naannolee kana jiru haala akkamii irra akka jiru baruu akka hin dandeenye himeera.
Haalli nageenyaa yeroo fooyya’us suphaa fi haaromsi barbaachisaa tahe akka adeemsifamu beeksiseera.
Kaampaanichi walakkaa waggaatti galii waliigalaa birrii biiliyoona 28 kan argate yoo tahu, kunis waqtii wal-fakkaataa waggaa bajataa darbeen yoo wal-bira qabamu guddina 6.7 agarsiiseera.
Bu’aan kuni haala rakkisaa biyyattiin keessa turteen gaarii kan jedhamu tahuu dhaabbatichi ibseera.
Maamilootni Itiyoo-telekoom miiliyoona 60.8 gahuu isaan kan ibse dhaabbatichi karoora isaas haala olaanaa taheen milkeessuu himeera.
Maamilooti fayyadama telekoomii akka guddisanii fi muuxannoo isaanii fooyyessuuf, hojii neetwoorkii babal’isuu, qulqullina tajaajilaa fooyyeessuufi oomishaalee fi tajaajiloota haaraa 23 fi kan durii 19 immoo fooyyeessee dhiyeessuu himeera.
Dhaabbatichi humna babal’ina neetwoorkii fi qulqullina tajaajilaa fooyyeessuuf piroojektiiwwan dandeessisan hojii irra oolchaa jiraachuu eeruun, ji’oota jahan darban keessatti tajaajila 4G, ELT irratti hojii babal’isuu raawwachuun magaaloti 136 akka fayyadaman gochuu ibseera.
Kana malees tajaajila maallaqa mobaayilii tele-birr yeroo gabaabaa keessatti maamiloota miiliyoona 13 horachuufi hammi bittaa, gurgurtaas biiliyoona 5.1 gahuusaa beeksisaniiru. Haala hamma yoonaa jiruun ejantoonni 46,000 ol fi daldaltoota 11,000 ol hirmaachuu isaanii beeksiseera.
Haa tahu malee, waraana biyyattii keessa adeemaa jiruun danqaaleen baayyee isa mudachuus himeera.
Kanneen keessaa tajaajilli addaan cituufi bu’uuraaleen misoomaa barbadaa’uu, akka karoorfametti hojii raawwachuu dhiisuu, akkasumas tajaajila addaan cite fufsiisuun rakkisaa tahuu, sararawwan faayibarii fi koopparii hatamuu, waliin dhahuu telekoomii, dhiyeessi aanniisaa boodatti hafuu fi adda cituu fa’i eereera.
Kana malees Kooviid-19, rakkoo dhiyeessi lafa teelekoomiif tahu, naannolee irratti beenyaa akka malee gaafatamuu, haala kanaanis herregni baankii dhaabbatichi akka dhorkamuun fa’i isa mudachuu ibseera.
Itiyoo-telekoom waggoota baayyeef biyyattiitti qofaa tajaajila telekoom kennaa kan ture yoo tahu, waggoota dhiyoon asitti garuu mootummaan daldala kana banaa taasisuun dhaabbati biyya alaa Safaariikoom hojii kanarratti bobba’uuf eeyyama argateera.














