Waraana Tigraay: Tigraayiitti doktaroonni illeen deeggarsa nyaataa kadhataa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo Tigraay kan waraanaan miidhamte keessatti narsoonnii fi doktaroonni ofiisaaniitiif waan nyaatan argachuuf nyaata kadhachaa jiraachu oggeessi wallaansaa tokko BBCtti hime.
Oggeessoonni wallaansaa kunneen baatiiwwan saddeetan darbaniif mindaa waan hin arganneef maatii isaanii deeggaruuf malawwan biraa barbaadachuuf isaan dirqisiiseera, jedha.
Seenaan dooktarootaa kunis kan dhagahame, erga wayita UN Tigraay keessatti namoonni baayyeen ''beelaan cimaadhaan'' miidhamu danda'u jechuun gabaasaa baaseetti.
Dhaabbatichis namoonni miiliyoona 2.2 ''hanqiina nyaataa cimaadhaan garmalee rakkataa jiru'' jedheera.
Wallakkaan dubartoota ulfaafi kanneen harma hoosiisan hanqiina nyaataa gahaatiin dararamaa jiraachuu UNtti Dhaabbanni Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP)n qorannoon isaatiin adda baasu hime.
Walumaagalatti, naannoo Tigraayiifi naannoolee Amaaraafi Affaar kan waraanni baatiiwwaniif keessatti gaggeeffameetti, namoonni miiliyoona sagal deeggarsa nyaataa akka barbaadan dhaabbatichi himeera.
Waraanaa raayyaa ittisa Itoophiyaafi hidhattoota Tigraay jidduutti Sadaasa 2020 eegaleen namoonni kumaatamaan lakkaa'aman lubbusaanii dhabaniiru.
Yeroo hedduu daandii gara Tigraay geessuu waan sababii waraanaatiin cufamuuf, meeshaalee bu'uuraa fi dhiyeessitii wallaansaa dhiyyeessuun baayyee rakkisaa taasiseera.
Baankiiwwan waan cufamaniif namoonni haalli itti maalaqa argachuun baasii isaaniin itti kanfalatan hinnjiru.
Dooktaroonniifi narsoonis rakkina kana irraa bilisa ta'u hin dandeenye.
Haala naannicha keessa jiru ilaalchiisuun Doktarri namaasaa dhokschuun Hospitaala Haaydar kan magaalaa Maqalee keessaa irraa BBCtti dubbate tokko, baatiiwwan torba dabaniif dooktarootaafi narsoonni yoo deeggarsa nyaataa barbaacha hiiriiran arguun waan barame ta;eera jedhe.
Daa'imman hanqiina nyaataatiin du'aa jiru
Hakiimoonni erga Caamsaa bara darbeetii kaasee kanfalii hin arganne.
"Baayyeensaanii amma soorata guyyaatti nyaatanii hir'isaniiru. Gatiin nyaataa, ashaakiltiifi miidhaanii waan baayyee ol ka'eef bitachuuf kan yaadamu miti. Muraasni nyaataa kadhachuu eegalaniiru,'' jedha dooktarri BBC dubbise kun.
Akkasumas hanqiinni dhiyeessitii qorichaa wallaansa akka miidhe dubbateera. Kanaan kan ka'ee meeshaalee wallaansaa kaan miicuun irra deebiin fayyadamaa jiraachu kaasu.
Akkasumas mucaan baatii sadii kan kanaan dura BBC jalqaba baatiin kanaa waa'ee barreessee ture, Suraafeel Ma'aarig du'usaa doktarri kun dubbateera. Erga ulfaatiinni isaa dabaluu eegaleen booda gara manaa akka galu taasifamulleen, garuu mana nyanni gahaan waan hin jirreefu Amajjii 13 irratti du'e jedhan.
Naannoo Tigraayit erga waraan eegalee kaasee maloonni komunikeeshinii waan adda citaniif odeeffannoo kana qaama walabaa irraa mirkanneeffachu hin qdandeenye.
Torban kana keessa Koreen Fannoo Diimaa Addunyaa erga Flbaanaatii as yeroo jalqabaatiif waan deeggarsa wallaansaa gara Maqaleetti geesseef deegarsi muraasni ni jira.
Erga wallakkeessa Sadaasaattii as konkolaataan midhaan gargaarsa fe'e Tigraay hin gallee, UN garuu naannichatti beela ittisuuf guyyaatti konkolaataa 100 seenuu barbaachisa jechuunsaa ni yaadatama.
UN baatiiwwan jahan ittaananiif kaaba Itoophiyaatti hojiisaa gaggeessuuf deeggarsa doolaara miiliyoona 337 gaafataa jira.
Waraanni Tigray Sadaasa 2020 erga ministirri mummee Abiy ahimad humnootii naannichaa irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf ajajaniin booda eegale. Kunis haleellaa buufata raayyaa ittisa biyyaa kan kaabaatti buufate irratti humnootii finciltootaatiin raawaatameef deebii kennudha jedhee ture.
Waraanichi erga waliigaltee dhabuun motummaa MM Abiy fi hoggantoota TPLF jidduutti baatiiwwaniif umameen booda ture.
Baatiiwwan muraasaa keessa ammoo, waraanni fedraalaa finciltoota to'annoosaanii babalifataa turan akka boodeetti deebii'an taasiseera.
Mariin nagaa akka gaggeeffamu abdii muraasni ni jira.
Ergamaan addaa gaanfa Afriikaa US dhiheenya kana muudamee, Deeviid Saateerifiild dhiheenya gara Finfinneetti kan imalan yoo ta'u, Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaafi araarsaan Gamtaa Afriikaa, Oluseeguun Obaasaanjoos akkasuma hoggantoota Tigraay olaanoon wal arganiiru.












