Itoophiyaan Itiyoo-telekoom harka 40 gurguruuf

Beeksisa gamoo waajira Itiyoo-telkoom irratti mul'atu

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us

Itoophiyaan Itiyoo-telkoom harka 40 gurguruuf hirmaattota caali-baasii idil-addunyaaf banaa gochuu beeksiste.

Itiyoo-telkoom dhaabbileen misoomaa qabeenyummaan isaanii harka mootummaa jiran keessaa tokkodha.

Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa fuula tiwiitara isaarratti Wixata Waxabajji 14, 2021 akka beeksisetti dhaabbileen idil-addunyaa caal-baasiirratti hirmaatan sanada fedhii isaanii ibsu guyyoota 30 keessatti akka dhiyeeffatan waamicha dhiyesseera.

Mootummaan Itiyo-telekoom gam-tokkeen gara dhuunfaatti naanneessuuf karoorfachuun kun, hojii biyyattiin dhaabbileen maallaqaa addunyaa gara garaan deeggaramuun fooyya'insa diinadgee taasisuuf qabatte keessaa tokko akka ta'es ibsameera.

Ministeerri Maallaqaafi Ejensiin Bulchiinsa Dhaabbileen Misoomaa Mootummaa Itiyyoo-telekoom gariin gara dhuunfaatti naannessuuf hojiin hojjetamu xumuramuu isaa beeksisaniiru.

Dhaabbileen iil-addunyaa caali-baasii kanarratti hirmaataan sanada fedhii isaanii dhiyeessan hordofees karoora isaanii akka dheeressaniifis kan gaafataman ta'uu Ministeerichi beeksiseera.

Adeemsa kana gama gorsuutiin gorsaa gabaa adda duree ta'uun kan hojjetu ammoo dhaabbata Delooyit jedhamu akka ta'es ibsameera.

Biyyattiin waggoota sadiif gahee telekoomii gurguruuhaaf adeemsarra kan turte yoo ta'u, kan mootummaan ofiin dhuunfatee qabatee ture Itiyoo-telekom gaheen harki 40 abbootii qabeenyaa biyya alaatiif, harki 5 lammilee Itoophiyaan, harki 55 ammoo mootummaan akka qabatu ni eegama.

Dhiyeenya kana dhaabbanni Global Partnership for Ethiopia jedhamuufi gurmuu kampaanota jahaa kan tahe hayyama Itiyoo-telekoom mo'ate caali-baasii kana irratti hin hirmaatu.

Dursaa walta'insa Global Partnership for Ethiopia kan ta'e dhaabbanni telekomii Keeniyaa guddichi Safaricom fedhii gahee Itiyoo-telekom bitachuuf qaba agarsiisee kan ture ta'us, erga dhaabbileen tajaajila telekomii Itoophiyaa keessatti kennuuf hayyama argatan keessaa tokko ta'ee garuu gahee kana bitachuuf fedhii akka hin qabne ibseera.

Gurmuun Global Partnership for Ethiopia kun kampaanota telekomii gurguddoo maqaa gaarii qaban kan qabate yommuu ta'u, isaanis Safaricom, Vodacom Group, Vodafone Group, Korporeeshinii Sumitomo, akkasumas CC Gruop jedhamu.

Gurmuun kun tajaajila telekomii Itoophiyaa keessatti kennuuf jiru bara dhufu Amajji 2022 irraa kaasee jalqaba jedhameera.

Itoophiyaan waggoota lamaan dura damee telekomii abbootii qabeenyaa biyya alaatiif banaa akka gootu erga beeksifteen booda hirmaattota caali-baasii lamaaf dhiyeessiteetti. Kana hordofees haabbileen lama caali-baasichatti hirmaachuu isaaniis beeksisanii turan.

Bu'uuruma kanaan, gamtaa kampaanota gara garaa kan ta'e dhaabbanni Global Partnership for Ethiopia jedhamu dolaara 850 dhiyeessuun caali-baasicharratti kan filatame yoo ta'u, inni lammafaan ammoo osoo hin kennamiiniif hafeera.

Itiyoo-telekom dhaabbileen misoomaa mootummaa galiin isaa bo'a gaarii qabu jedhaman keessaa tokko ta'ullee, kampaanota 'qaxanaa' sana keessa jiran waliin walbira qabuun yoo ilaalamu gadi aanaadha jedhu xiinxaltoonni sektera kanaa.

Itoophiyaan Itiyoo-telekom dabalatee dhaabbileen misoomaa mootummaa biroo keessaa gahee gurguruuf kan murteessiteef adda durummaan idaa guddaa irra jiru kaffaluuf akka ta'e xiinxaltoonni ni ubbatu. Dabalataanis, walga'insi tajaajila telekomii akka dabaluufi si'ataa ta'u gochuuf akka ta'e ni eerama.