Hanqina sharafa alaafi gatiin birrii kufuun Itoophiyaa eessatti dhaabbata?

Madda suuraa, Getty Images
Kuusaan shaarafa alaa Itoophiyaa hir'achuutu himama.
Baankiin Addunyaa akka ibsetti, doolaraa fi warqii dabalatee walumatti kuufamni sharafa Itoophiyaan bara 2020 qabdu doolara Ameerikaa biliyoona saditti dhiyaata ture.
Kunis kan biyya ollaa waliin wal biratti yoo wal madaalchifamu, baruma 2020 kanatti, kuufamni shara alaa Keeniyaan qabdu doolaara biliyoon 8.3 ture. Bara darbe ammoo gara biliyoona 9.4tti guddate.
Keeniyaan suuqii 'gabaa gurraachaa' jedhamuun doolaarrii itti sharafamu qabdi.
Garuu suuqiiwwan mootummaa fi uummanni beekuufi kan ifatti gatii ittiin Doolaarri bitamuufi gurguramu bakka hundatti argamu.
Baankonni biyyattiis akkasuma tajaajila sharafa maallaqa biyyoota alaa haaluma gatii gabaatiin kennu.
Itoophiyaatti garuu namoonnii fi dhaabbileen doolaara bitachuu barbaadan mana baankiitti marmaaru.
Keessattuu daldaltoonni doolara hanga barbaadan baankootarraa argachuu yoo baatan gara gabaa gurraacha (black market)tti naannawu.
Gatiin doolarri baankitti ittiin sharafamuu fi gabaa seeraan alaarratti ittin sharafamu garaa garummaa guddaa qaba.
Tibbana doolarri tokko gabaa gurraacharratti birrii 90 oliitti akka gurguramu BBC’n odeeffateera.
Baankonni ammoo doolara Ameerikaa tokko birrii 53tti dhiyaatuun sharafu.
Hanqina doolaraa kana furuuf Itoophiyaan waggoota muraasa keessatti yeroo lamaa oliif gatii Birrii gadi hir’iste.
Haata’u malee, tarkaanfiin kunis kan milkaa’e hin fakkaatu.
Ta'us dhaabbileen faayinaansii addunyaa ammalleen gatiin birrii akka gadi hir’atu barbaadu. Kun maaliif laata?
Itoophiyaafi Doolara
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Teediroos Makonnin Itoophiyaatti dhaabbata Itarnaashinaal Giroowuz Sentar jedhamutti ogeessa dinagdeeti.
'‘Duraan bara faranjootaa 2005/06 Itoophiyaan mala interbank foreign exchange jedhamutti gargaaramaa turte,’’ jedha Teediroos.
Malli kun baankonni doolara baayyee qaban baankota hanqina doolaraa qabanitti sirna ittiin gurgurani.
Mala kana Baankii Biyyoolessaatu to’ata. Mala kana keessatti gatiin Doolaraa waliigaltee baankootaa fi Baankii Biyyaalessaatiin murtaa’a ture.
'‘Seerichi gatiin doolaraa akkaataa kanaan murtaa’a jedha. Gatiin isaa hanga barbaadame gadi ykn ol akka hin taane Baankii Biyyaalessaatu to’ata,’’ jedhe.
Haa ta’u malee sududaan Itoophiyaa hanqinni doolaraa mudachaa adeeme.
Bara 2010/11 baankonni doolaraa isaaniirraa hafu argachuu dhaban.
Baranas gatii dooolarri birrii waliin ittin sharafamu kan tilmaame baasu Baankii Biyyoolessati.
Baankii Biyyoolessa guyyaa guyyattii hangamiin akka sharafamu baankotaaf ibsa.
Haata’u malee, gatii doolarri baankootatti itti gurguramu isa sirrii bakka hin bu’u.
Gatii doolarri birriitti wayita sharafamu isa sirriitti kan dhiyaatu isa gabaa seeran alaati jedhu xiinxaltoonni.
Xiinxaltoonni akkamas gatiin doolara gatii ammarra gadi xiqqachuu qaba jedhu.
Dhaabbileen Faayinaansii addunyaa gatiin doolaraa ol guddatee, gatiin birrii ammoo akka xiqqaatu gorsu.
'‘Devalue gochuun jechuun maallaqa biyya tokkoo kan biyya biraa waliin wayita wal cina madaalamu gatiisaa gadi buusudha,’’ jedhu ogeessi heerregaa Xilahuun Girmaa.
UK'tti ogeessi herreegaafi miseensa Waldaa ogeeyyii herreegaa kan ta’an Obbo Xilahuun, ''Birriin wayita gara doolaraatti sharafamu hangam ta’a jedhame madaalametu gatiin isaa hir’ata,’’ jedhan.
Itoophiyaan waggoota dhiyoo keessatti gatii birriin wayita doolara wajjin wal bira madaalamu hir’iste-Innis bara 2010 fi 2017 ture.
Haata’uu malee, gatii birrii laaffisuun jijjirama maali fide isa jedhurratti ogeeyyiin dinagdee walfalmu.
Al-ergii ol guddisuu
Ogeeyyiin dinagdee akka jedhanitti, gatiin doolaraa akka dabaluuf sababni tokko daldalli al-ergii fi biyya alaatii galu wal madaaluu dadhabuudha.
Itoophiyaan oomishni alaa gachitu kan alatti ergitu caala.
Itoophiyaan peetiroliyeemii, dawaa, konkolaataa, xaa’oo fa’aa dabaltee oomishalee danuu biyya alaatii galchiti.
Biyyaa alaatti kan ergitummoo buna, abaaboo, uffata fi waantota gogaarra oomishamani.
Dhaabbani guddina dinagdee biyyootaa xiinxalu Istaatistar jedhamu akka jedhutti, bara 2022 garaagarummaa alergii fi alaa –gachii Itoophiyaa doolara biliyoona 12 ta’a jedhe.
Obbo Xilahuun daldalli alergii fi kan alaa bitamu wal madaalu dhabuun fedha doolara barbaadu ni hir’isa jedhanii yaadu.
Gatiin doolaraas dabaluun sababa ijoo ta’uus itti dabalanii eeran.
'‘Doolara fedhuun kan dabaleef oomisha hedduu biyya alaatii waan galchinuuf'' jedhu.
Garaagarummaa jiru kana xiqqaachuu akka qabu gorsan.
Itoophiyaan al-ergii ishee dabaluun, oomishalee biyya alaatii galchitu muraasa kan biyya keessatiin bakka buusu akka qabdu gorsan.

Madda suuraa, Getty Images
Gatii birrii laaffisuu ykn ‘Devaluation’
Ogeessi dinagdee Obbo Teediroos gatiin birriin wayita doolara waliin sharafamu qabaatu xiqqaachuun sirrii miti jedhani ogeeyyii falman keessaa tokko.
Kanaan duras gatii birrii gadii buusuun akka hin milkoofne eeran Obbo Teediroos.
IMF dabalatee dhaabbileen faayinaansii addunyaa biroon garuu biyyattiin birrii humna dhabsiisuu/laaffisuu akka qabdu gorsu.
Gatiin birriin gadi xiqqaachuu akka qabu namoonni falman ammoo, gatiin doolarri qabaatu kan gabaa seeraan alaattii sharafamutti dhiyaata.
Ogeeyyiin dinagdee BBC'n dubbisee lameen yaada kana hin fudhatan/hin tumsan .
Biyyoonni Arabaa yeroo fedhiin bittaa doolaraa ol ka’u kuusaa isaanii keessaa gabaattii baasu ykn sharafa baheefitti geeddaru, Itoophiyaan kana gochuuf humna hin qabdu jedhu obbo Teediroos.
Namoonni doolara kan bitaa jiraniif sababa lamaafi; tokkoffaa meeshaalee biyya alaatii galchuuf yoo ta’u, kaan ammoo maallaqa doolaraan olkaawwachuuf.
Kanaafuu ''gatii birrii xiqqeessuun ykn laaffisuun namoonnii qabeenyasaanii Dolaaraan olkawwatan akka bitan, gatiin meeshaalee biyya alaati galfaman immoo akka dabalu taasisa,’’ jedhan Obbo Teedroos.
Obbo Xilahuunis kanatti waliigalu. Gatiin doolaraa daballaan , gatiin boba’aafi oomishaalee biyyoota alaatii galfaman biroo ni dabala.
Obbo Xilahuun, gatii birriin wayita doolara wajjin sharafamu qabu garmalee gadi xiqqeessuun qaala’insa jireenyaa ittuu akka hammessuu eeraniiru.
Kanaafuu filannoon jiru sharafa maallaqa argachuuf oomisha biyya alaatti ergamu guddisuun, oomisha biyya alaatii galfamu oomisha biyya keessaatiin bakka buusuu yaalu ta'uu ogeeyyiin kan gorsan.












