Baankiin Addunyaa walumaa gala Itoophiyaaf dolaara bil. 16.6 laate

Baankii Addunyaa

Madda suuraa, Getty Images

Baankiin Addunyaa sagantaa kaffaltii liqaa achi butanii kaffaluu, deeggarsaa fi liqaa yeroo dheeraaf kan oolu waliigalaan dolaara biliyoona 16 caalu Itoophiyaaf akka kennu beeksise.

Boordiin baankichaa yeroo ammaa liqiifi deeggarsa dolaara biiliyoona 1.5 ta'u Itoophiyaaf kennuuf raggaasisuu isaa beeksiseera.

Kana keessaa dolaarri biiliyoona tokko deeggarsa yeroo ta'u dolaarri miiliyoona 500 immoo liqiidha.

Maallaqi kuni Itoophiyaan riiformii dinagdee biyya keessaa jalqabde akka jabeessitee itti fuftuuf kan kennamedha.

Baajata mootummaa Itoophiyaa deeggaruuf kan oolu ammoo waggoota sadan dhufaniif wagga waggaan dolaara biliyoona lama lama akka kennu ibse.

Kana jechuun Itoophiyaan deeggarsa baajataaf kan oolu waggoota sadan dhufan keessatti dolaara biliyoona jaha argatti jechuudha.

Waliigalaan Itoophiyaan waggoota dheeraatti kan deebi'u dolaara biliyoona 16.6 tahu karaa Baankii Adunyaa argatti.

Daarikteroonni Boordii Hojii Raawwachistuu Baankichaa Adooleessaa 30, 2024 ''imaammata hojiirra oolmaa guddina waaraa fi qaamolee hunda hammate'' jedhu Itoophiyaan labsite deeggaruun raggaasisu beeksise.

Dhaabbatichi akka jedhutti, imaammatichi dinagdee qaamolee hunda hirmaachise, keessattuu dameen dhuunfaa guddina dinagdee keessatti qoodasaanii akka gumaachan jabeessuuf gargaara jedhe.

Kun ammoo damee faayinaansii biyyattii akka cimsu ibse.

Dhaabbatichi deeggarsi kennu filannoowwaan daldalaa akka bal’su, iftoomina qabeenya biyyattiirratti akka jajjabeessuu, akkasuma yeroo jijjiramni gama dinagdee kun hojiirraa olfamutti namoonni harka qal’eeyyiin akka hin miidhamne gargaara jedhe.

Biyyoota akka Itoophiyaa, Ertiraa,Sudaa fi Sudaan Kibbaatti Daarektara Baankii Addunyaa kan ta'an Maariyaam Saalim, biyyattiin jijjirama gama dingadee hordoftu kana sirnaan yoo hojiirra oolchite guddachuuf humna guutuu qabdurra gahuu akka dandeessu akeekan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbatichi kaleessaa akka ibsetti, tumsi kun damee dhuunfaa gargaaruun wal gitinsa dhabuu dinagdee sadarkaa biyyaa(macroeconomic) keessatti mul’atu xiqqeesuuf akkasuma carraa daldalaa bal’isuuf gargaara.

Mootummaan Itoophiyaa imaammata dindagee biyyattii fooyyessuu Adoolessa 28, 2024 ifoomse.

Murteen mootummaa kun dhimma ijoo yeroo dheeraaf Itoophiyaa fi jaarmiyaalee maallaqaa waldhabsiisaa ture irratti jijjiirama fide.

Imaammata diinagdee fooyya’ee ba’e kana keessatti gatii sharafa alaa fi maallaqi Itoophiyaa ittiin wal jijjiiran akkaataa gabaarra jiruun sirreessuun fedhii fi dhiyeessii sharafa alaa jiru walsimsiisuuf gargaara jedhe Sagantaan Imaammata Fooyya’iinsa Diinagdee waajjirri Ministira Muummee.

Akkaata kanaan sharafni maallaqaa biyya alaa haala gabaarratti akka hundaa’u murteeffame.

Itooophiyaatti waggoota dheraaf mootummaan gatii sharafa alaa irratti to’annoo gaggeessuuf guddoo yaale, garuu gatiin sharafa alaa daldala idilee fi ta’e al-idilee keessatti garaagarummaa guddaa agarsiiseera.

Gatiin sharafa alaa gabaa al-idileerra jiruu kan karaa idilee dacha oliin caaleera.

Sababa Kanaan gatiin doolaara tokkoo baankiitti hanga birrii 60 ga’eera. Gabaa al-idileerratti ammoo doolaarri Ameerikaa tokko birrii 110 ol ta’ee tureera.