Hojjettoota mootummaa miindaa gadaanaa argataniif daballii %300 taasifne - MM Abiy

Madda suuraa, EBC
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad imaammata dinagdee haaraa hojiirra oolchan ilaalchisuun ibsa bal’aa yeroo kennan haaromsi kun barbaachisaa waan taheef malee ''hadhaa’aadha'' jedhan.
Sababa haaromsa kanaan kutaan hawaasaa miidhamu jira kan jedhan MM Abiy kana wal madaalsisuuf mootummaan hojjettoota mootummaa miindaa gadaanaa argataniif daballii miindaa akka taasise himan.
Haaromsa hiyyeessa miidhu hin hordofnu jennee qaamolee adda addaa waliin waan marii gochaa turreef bu’aa gaarii arganneerra jedhan MM Abiy.
''Haaromsa kana kan adda godhu, harka qalleeyyii irratti waan xiyyeeffatuufidha.
''Haaromsa kanatti callisnee hin galle. Hayyoota addunyaa hedduu waliin irratti mari’anneerra. Haa tahu malee, haaromsi kun namoota ulee guddaan rukutu qaba.
''Warra kontirobaandii hojjetan miidha. Gatiin doolaaraa gabaa gurraachaa fi baankii yeroo wal fakkaatu garatti daldala kana gaggeessan hin qaban,'' jedhan.
Dhimmoota ijoo ogeeyyiin dinagdee BBC'n dubbise kaasan keessaa tokko imaammati dinagdee MM Abiy hojiirra oolchan hawaasa galii gadaanaa qabu ni miidha jedhanii turan.
Bulchaan Itoophiyaa itti dabaluun ''miidhamaan tokko hojjetaa mootummaati. Hojjetaan mootummaa miindaa ji’aa 1500 argatu jira.
''Haaromsi kun baay’ee waan isaan miidhuu danda’uuf hojjettoota mootummaa miindaa gadaanaa argataniif daballii miindaa taasifneerra.
''Hojjetaa mootummaa miindaa xiqqaa argatuuf miindaa argataa turan irratti %300 daballe. Kun argamee hin beeku. Warra miindaa ji’aa Birrii 25,000 ol argatan ammoo yeroof nuuf turaa,'' jenne jedhan.
Kanaaf baajata dabalataa Birrii biliyoona 90 akka isaan gaafates himaniiru.
Daballiin miindaa kuni yoom akka eegale yookiin yoom akka eegalu bulchaan Itoophiyaa waan ifatti dubbatan hin qaban.
Haaromsi biyyoota kaanii harka qalleeyyii irratti kan xiyyeefate miti kan jedhan ministirri muummee, kan keenya garuu rakkoo harka qalleeyyii qooddachuun isa jijjiiruu irratti waan xiyyeeffateef dinqisiifannaa hedduu argate jedhan.
Ameerikaa, Baankii Addunyaa, IMF fi kaanis haaromsa Itoophiyaa kana simachuu ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu jedhan MM Abiy, haaromsi kun bu’aa guddaa waan qabuuf murteessine malee rakkoos qaba jedhan.
''Yeroo filannoof waggaa tokkoo fi walakkaan hafutti murtee akkasii murteessuun ulfaataadha.
''Akka qoricha koosootti kan hadhaawudha. Rakkoo jiru furuuf osooma hadhaawuu liqimsuun dirqama taha.
''Kana kan murteesitu yoo dhalootaaf yadda tahedha malee filannoon osoo dhiyaachaa jiruu murtoo akkanaa fudhachuun ulfaata'' jedhan.
'‘Boruma ka’anii kan Birrii fi warqee itti hammaarrannu miti‘‘ jedhan. Isaan keessaa qaala’insi jireenyaa tokko tahuu akka dandahu himan.
Kana to’achuuf mootummaan qophii tahuu himuun dhaabbilee lafumaa ka’uun daballii sharafa alaa dhagahuun gatii dabalan saamsuudha jedhan.
Dabalataan mootummaan deeggarsa bittaa boba’aaf taasisuu akka itti fufu himan.
Itoophiyaan bittaa boba’aaf kan oolu Birrii Biliyoona 100 akka baastu ibsaniiru. Kana dura garuu mootummaan baasii xiqqeessuuf jecha deeggarsa boba'aa jala jalaan dhiisaa ture.
'Adeemsi amma itti jirtan sirrii miti'
MM Abiy waa’ee rifoormii kanaa yoo dubbatan nuyi ‘’humna bittaa Birrii Itoophiyaa gadi hin kuffiisne. Gabaa wal fakkaataa keessa galchine malee’’ jedhan.
Haaromsa dinagdee Itoophiyaan raggaasifteen gatiin sharafa doolaaraa fedhii gabaan akka murtaa’u erga tahee guyyoota muraasa keessatti sharafni doolaaraa baankileen hojiirra oolchaa jiraniin doolaarri tokko Birrii 55 irraa ka’uun Birrii 85 oliin hanga sharafamuutti gaheera.
MM Abiy tarkaanfii sharafa irratti baankileen fudhachaa jiran sirrii akka hin taane himuun hojii dabalataa akka gaafatus himan.
''Gabaa ilaalaa murteessaa yeroo jennu Doolaara tokko Birrii 50, 70 godhaa hin jenne nuti. Adeemsi amma itti jirtan garuu sirrii natti hin fakkaatu.
''Garaagarummaa gabaa gurraacha gidduu jiru xiqqeessaadha kan jenne.
''Garaagarummaan gabaa gurraachaa fi baankota gidduu jiru haa xiqqaatu jenne malee yeroo baankonni 70 galchan gabaa gurraacha irraa 130 gala taanaan gatii hin qabu.
''Kun hojii dabalataa barbaada. Gabaa gurraacha kan xiqqeessu hojii dabalataa hojjechuu qabna,'' jedhan.
Dabalataan rifoormiin Itophiyaan hojiirra oolchite Baankii Daldala Itoophiyaa kufaatii irraa oolchuuf kan yaadame tahuus himan.
Haaromsa kana yeroo hojjennu Baankii Daldalaa Itoophiyaa oolchuu qabna jennee hojjechaa turre.
Baankiin Daldala Itoophiyaa dhaabbata baay’ee murteessaadha. Yoo haaromsa kana hojiirra hin oolchine Baankiin Daladala Itoophiyaa ni kufa.
Waggoota baay’eef Baankiin Daldala Itoophiyaa hojii pirojektotaaf kan oolu imaammata bu’aa %27 jedhuun boondii gurguraa ture.
Pirojektonni hojjetamuu jalqaban ammoo hin xumuramne waan taheef Baankii Daldala Itoophiyaaf deebisanii kaffaluu hin dandeenye. Boondii gurguraa ture ammoo hin kaffalu taanaan kufuu isaati.
Kanaaf dhaabbilee liqaa kennan Baankii Daldalaa fi IMF yeroo mariyannu Baankii Daldala Itoophiyaa deeggaruuf kan oolu Doolaara miliyoona 700 fi isaa ol yoo kennitan malee haaromsicha hin fudhannu jechaa turre jedhan.
Baankiin Daldala Itoophiyaa sababa imaammata mootummaa dadhabaatiin yoo kufe haaromsi kun bu’aa hin qabu.
Dhaabbata kufaatiirraa ooluu qabudha. Yoo diigame garuu baankonni dhuunfaa humna xiqqaa waan qabaniif amanamummaan isaanirratti gatamu ni hir’ata.
Isin dhiisii baankiin mootummaayyuu kufeera jedhamee kan isin amanu hin jiru. Baankii Daldalaa oolchuun isiniinis [Baankota dhuunfaa] oolchuudha jedhan.
Itoophiyaan rifoormii kana hojiirra oolchuu isheerraa kan ka’e dhaabbileen liqaa kennan akka Baankii Adunyaa fi IMF liqaa yeroo dheeraa, deeggarsaa fi liqaa irra jiru kaffaluuf kan gargaaru waliigalaan Doolaara biliyoona 16 ol kennanniiru.












