MM Abiy hidhattoota WBO fi Faannoo waliin itti fufinsaan mari'ataa jirra jedhan

Madda suuraa, Abiy Ahmed/Twitter
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad hidhattoota Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa sosso'an waliin mootummaan marii itti fufinsaan gaggeessaa jira jechuun dubbatan.
Bulchaan Itoophiyaa kan kana jedhan riifoormii imaammata diinagdee biyyattiin torban kana hojiirra oolchuu eegalteerratti ibsa yeroo kennanitti.
MM Abiy riiformiin diinagdee ifa ta‘e akka hojiirra oolu nagaafi tasgabbiin baay’ee barbaachisaadha jedhaniiru.
‘’Nagaafi tasgabbiin yoo dhufuu baate invastimantiin hin dhufu, turistiin hamma feenun hin dabalu… nagaafi tasgabbiin dirqamaan ni barbaachisa,’’ jedhaniiru.
Mootummaan gatii birrii cabsuun sharafi alaa fedhii gabaan akka murtaa’u yeroo ifa godhu ogeeyyiin BBC'n dubbise nageenyi jiraate malee jijjiirama fiduun akka rakkisu himanii turan.
Itoophiyaan waraana Kaaba biyyattii turerraa bayyanataa jirtus Naannoo Oromiyaafi Amaaraatti walitti bu’iinsi itti fufuun nageenya biyyaa akkasumas jiruufi jireenya hawaasichaa qoraa jira.
Marii waa'ee imaammata hojiirra oolu eegale kanarratti yeroo dubbatan ture mootummaan federaalaa hidhattoota Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa sosso’an waliin itti fufinsaan marii gaggeessaa akka jiru kan dubbatan.
‘’Hanga yoonaa hin ibsine. Har’a akka beektan humnoota Naannoo Amaaraa keessa sosso’an waliin marii erga eegalle oollee bulleerra,‘‘ jedhaniiru.
MM Abiy hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo Naannoo Oromiyaa keessa sosso’aa jiru waliinis garaagarte jiru mariin furuuf mootummaan carraaqqii gochaa akka jiru dubbatan.
‘’Haaluma wal fakkaatun humnoonni Shanee tokko miti. Gareewwan muraasa waliin marii itti fufinsan gochaa jirra,’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mariin hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhu waliin taasifamus ta’e kan Faannoo waliin taasifamu akka ija hin godhanne waan sababa jedhanis ibsani.
‘’Gareewwan baay’ee maqaa tokkoon waamaman jiraachuu isaaniiti,’’ jechuun dubbatan.
Humnootni Naannoo Amaaraa keessa sosso’an garaagara ta’u isaaniifi tokko ta’u dhabuun isaanii yaalii mariif danqaa akka uume MM Abiy dubbatani.
‘‘Humnichi tokko waan hin taanef isa kana waliin yoo haasofnu isa kaan waliin wal hin gallu. Mariif akka mijatu tokko akka ta’an yaaliin olaanaa taasifamaa ture.
‘‘Ta’us marii gochaa jirra. Humnootni Naannoo Amaaraa keessa sosso’aniifi walii faallaa jiran keessaa gareewwan marii eegalan jiru,’’ jedhan.
‘’Garee tokkicha waliin waliigaluun jijjiirama baay’ee fiduu dhabuu danda’a,’’ erga jedhan booda mootummaan federaalaa carraaqqii marii hidhattoota [WBO] kana waliin taasisu akka itti fufu himan.
Dabalataan, Naannoo Tigraayitti walitti bu’iinsi irra deebiin akka hin eegalle mariin itti fufe gaggeeffamaa akka ture dubbatan.
Akka Ministirri Muummee Abiy ibsanitti, ji’oota lamaafi sadan darban xuxxuqqaan yoo xiqqaate shanii gadi hin taane mootummaa federaalaa walitti bu'iinsatti geessu humnoota Tigraayin raawwatameera.
‘’Gara hin taanetti waan geessuf hin barbaachisu jennee irra deddeebiin mari’anne (humnoota Tigraay waliin) akka dhimmichi sirrattu taasisneerra,’’ jedhan.
Baatiiwwan sadan darban walitti bu’iinsa akka hin seenne mariin si’a kudhanii ol taasifamu dubbatani.












