Deeggarsi maallaqaa Itoophiyaan tibbana argatte maalirra oola?

Ministirri Maallaqaa paarlaamaatti akka ibsanitti hojjettoota mootummaa jireenyi itti qaala'e hirphuuf dabalatee hojiirra oola

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Maallaqaa paarlaamaatti akka ibsanitti hojjettoota mootummaa jireenyi itti qaala'e hirphuuf dabalatee hojiirra oola

Manni Maree Itoophiyaa yaa'ii arifachiisaa har'a ALI Adoolessa 24, 2016 taa'en deeggarsaafi liqaa tibbana Itoophiyaan dhaabbilee maallaqaarraa argatte raggaasiseera.

Baankiin Addunyaa doolaara biliyoona tokko bifa gargaarsaan akkasumas doolaara miliyoona 500 immoo liqaa yeroo dheeraa dhala xiqqaa qabu Itoophiyaaf akka kennu beeksisee ture.

Baankichi ‘rifoormiifii guddina biyyattii deeggaruuf’ deeggarsa kana taasisuu kan himan Ministirri Faayinaansii Ahimad Shidee, deeggarsa kana argachuuf hojiin bal’aan hojjetamaa turuu miseensota mana marichaaf himaniiru.

Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaas deeggarsafii liqaa Baankii Addunyaa kana ganama har’aa raggaasisuun gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti kan erge yemmuu ta’u, deeggarsi kun faayidaawwan garagaraa akka qabus ibsa baaseen himeera.

Deeggarsichi ‘hojiilee rifoormii diinagdee mootummaan eegale raawwachiisuuf keessattuu gama hojii uumuu, qaala’insa gatii to’achuu, hanqina sharafa alaa furuuf, sirreeffama caaseeffamaa taasisuuf akkasumas bajata mootummaa federaalaa kan bara 2017 deeggaruuf faayidaarra kan oolu akka ta’e’ Manni Maree Ministirootaa beeksiseera.

Deeggarsaafii liqaa Baankii Addunyaa kanas Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa sagalee caalmaan kan raggaasise yemmuu ta’u, miseensi mana marichaa tokko waliigalticha mormaniiru, miseensi tokkommoo sagalee kennuurraa of qusataniiru.

Yaaddoo miseensa Paarlaamaa

Akkaataa itti fayyadama maallaqa deeggarsaafii liqaan argame akkasumas murtee mootummaan Itoophiyaa gatiin sharafa alaa fedhii gabaan akka murtaa’u murteesse ilaalchisee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Ahimad Shideef gaaffilee dhiyeessaniiru.

Yaaddoowwan ka’an keessaa tokko immoo qaala’iinsa gatii gadi bu’uu dandeettii waa bituu maallaqa Itoophiyaan walqabatee uumamuu danda’udha.

“Rifoormiin kun ji’oota yookiin waggoota jalqabaarratti dhiibbaa kan fidu ta’uunsaa ni beekama. Fulduraaf garuu qaala’iinsa gatii to’achuufillee kanaan alatti filannoo biraa hinqabnu” jedhaniiru.

Maallaqni tibbana argame maaliif oola?

Rifoormiin diinagdee biyya keessaa maddeefii biyyattiin waggoota darbanitti hojiirra oolchitee guddina itti fufsiisuufii gatii tasgabbeessuufii damee dhuunfaa gama guddisuutiin bu’aa galmeesisuu Obbo Ahimad Shidee himu.

Haa ta’u malee, waraanni Kaaba biyyattiiti mudate, dhiibbaan alaafii dhimmoonni idil addunyaa biroo dhiibbaa geesisuus eeraniiru.

Maallaqni tibbana dhaabbilee idil addunyaa garagaraarraa argames rifoormii diinagdee biyyattiin hojiirra oolachaa jirtu raawwachiisuuf hojiirra akka oolu Obbo Ahimad himan.

Maallaqni doolaara biliyoona 3.4 Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa /IMF/ irraa argame keessaa dhibbeentaan 30 bajataaf kan oolu akka ta’efi kunis Mana Marichaan erga ragga’ee booda faayidaarra kan oolu akka ta’e himaniiru.

Haaluma kanaan maallaqichi hojettoota mootummaaf bifa daballii mindaan akkasumas baasii omishaalee akka boba’a, zayita, xaa’oofii qorichaa qooddachuuf faayidaarra akka oolus himaniiru.