Qajeelfama haaraan bittaafi gurgurtaa sharafa alaa akkamitti gaggeeffama?

Nootii maallaqaa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Itoophiyaa imaammata maayikiroo ikonomii fooyyessuu Adoolessa 28, 2024 ifa godheera. Trakaanfii fudhatae kanaan gatiin sharafa alaa akkaataa gabaatin akka murta'u ibseera.

Mootummaan fooyya'iinsa kana gochuu beeksisuu hordofee Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 29 irraa kaasee kan hojiirra oole sirna bulchiinsa sharafa alaa irratti jijjiirama gochuu beeksise.

Akkaataa qajeelfama haaraa kanaan gatiin sharafa alaa akka kanaan dura mootummaan kan murteessu osoo hin taane sirna gabaa waliigaltee baankileefi maamiltoota gidduutti godhamuun ta'a.

Bulchaan Baankii Biyyaaleessaa Itoophiyaa Obbo Maammoo Miratuu ibsa kennaniin hojiin Baankii Biyyaalessaa "gabaa tasgabbeessurratti kan xiyyeeffate ta'a" jedhan.

Qajeelfamni haaran Baankiin Biyyaalessaa baase kun qaamolee sharafa alaa bituufi gurguruu irratti hirmaatan akkasumas adeemsi isaan hordofan maal ta'uu akka qabu tarreessa.

Bittaa gurgurtaa sharafa alaa kana keessatti baankiwwan gahee olaanaa akka taphataniifi baankileen alatti biirowwan dhuunfaa bittafi gurgurtaa sharafa alaa akka banaman qajeelfamni haaraa bahe kun ni ibsa.

Biirolen dhuunfaa bittaafi gurgurtaa sharafaa akkamitti banamu?

Akkaata qajeelfama haaraa kanaan, Baankin Biyyaalessaa bifa lamaan biirowwan dhuunfaa sharafa alaa hundeessuu danda'a. Inni jalqabaa kan baankiwwan hojiirra jiran hundeessaniidha.

Baankiwwan biiroo bittaafi gurgurtaa sharafa alaa bakkuma hojiitti cinaatti banuu kan danda'an yoo ta'u, bakka biraattis banuu danda'u.

Baankonni biiroo bittaafi gurgurtaa sharafa alaa bakka hojii ykn dallaa baankichaa keessatti kan banan yoo ta'e biirichi maqaa baankii sanaa qabaachuu qaba. Dalla baankichaan alatti yoo baname biirichi maqaa ofiisaa qabaachuu akka qabuu qajeelfamni haaraa bahe kun ni ibsa.

Malli lammaffaan biiron dhuunfaa bittaafi gurgurtaa sharafa alaa ittiin banamuu danda'u biiroo dhuunfaa baankii wajjin hidhata hin qabne ta'ee Baankii Biyyaalessaarraa hayyama argachuu qaba.

Biiroleen dhuunfaa bittaafi gurgurtaa sharafa alaa kun hojiinsaanii sharafa alaa bituufi gurguruun alatti hojiiwwan biroo baankiwwan hojjachuu danda'an irratti hin hirmaatan.

Lammiilen Itoophiyaa biyya keessas ta'ee biyya alaa jiraatan, lammiilen biyya biraa hayyama baafatanii biiroo sharafa alaa dhuunfan banachuu danda'u akka qajeelfamni kun jedhutti.

Biiroo sharafa alaa kan dhuunfaa banuuf garuu kaappitaala birrii miliyeena 15 qabaachuu akka qabuufi wabiif ammoo birrii miliyeena 30 heerrega baankii cufaa ta'een baankii kamiyyuu keessa kaa'uu qabu.

Qajeelfamichi akka jedhutti biiroon sharafa alaa baname waggaa lamaaf erga hojjatee booda maallaqni kuufamaa herreega cufaan kaa'amee ture gadi lakkifamaaf.

Jijjiiran sharafa alaa akkamiin murtaa'a?

Qaajeelfamni Baankii Biyyaaleessa akka jedhutti baankiwwaniifi biiroleen dhuunfaa bittaafi gurgurtaa sharafa alaa maamiltootasaaniifi waliin walii galuun akkasumas baankileefi gabaarratti hundaa'un bittaafi gurgurtaa sharafa alaa gaggeessu.

Haa ta'u garuu baankiwwan sharafa alaa meeqan bitaafi gurguraa akka oolan dhuma guyyaatti Baankii Biyyaalessaaf gabaasa gochuu qabu.

Baankii Biyyaalessaa gamasaan gabaasaalee guyyaa guyyaan fudhaturratti hundaa'un guyyaa ittaanu sharafni alaa meeqan bitamee yoo gurgurame gaarii akka ta'u yaada dhiyeessa.

Hagi bittaafi gurgurtaa Baankin Biyyaalessaa guyyaa guyyaan dhiyeessu akka filannootti itti fayyadamuuf malee dirqama kan Baankin Biyyaaleessaa baasen bitanii gurguruun irraa hin eegamu.

Sharafa alaa argachuu kan danda'an eenyu fa'i?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkaataa qajeelfama kanaa sharafa alaa argachuuf kan hayyamamuuf lammiilee Itoophiyaa gara biyya alaa deeman ykn lammiilee biyya biraa Itoophiyaa keessa jiraataniidha.

Bifa kanaan kanneen sharafa alaa argachuu barbaadan sababa maalif gara biyya alaa akka deeman, viizafi tikeettii balalii akka ragaatti dhiyeessuu qabu.

Ragaan isaan dhiyeeffatan dhugaa ta'uun erga mirkanaa'ee booda hanga dolaara Ameerikaa ykn sharafa biyya biraa callaan hanga 5,000 ykn sanaan kan wal-gitu deebit kaardidhaan kennamaaf.

Namoonni herreega baankii sharafa alaa qaban ammoo hanga dolaara Ameerikaa 10,000 argachuu akka danda'an ibsameera.

Kanneen biroo sharafa alaa argachuu danda'an ammoo daldaltoota yoo ta'an, biirowwan dhuunfaa bittaafi gurgurtaa sharafa alaa daldaltoota hojii daldalaaf gara biyya alaa deemaniif hayyama daldalaa, paaspoortiifi tikeettii balalii fa'aa ilaalun sharafa alaa kennuufii akka danda'an qajeelfamni Baankii Biyyaalessaa ni ibsa.

Akkasumas biirowwan tajaajila sharafa alaa kennan kun dhaabbilee daldalaa, dhaabbilee tola ooltummaa, dhaabbilee amantaa, agarsiisawwan daldalaa, turizimiifi aadaa akkasumas qopheessitoota ispoortitti sharafa alaa gurguruu ni danda'u.