Daballii sharafa alaa irratti lammiileen Itoophiyaa maal jedhu?

Birrii fi doolaara

Murteen mootummaan Itoophiyaa sharafni maallaqa alaa fedhii gabaarratti akka hundaa'uuf murteesse jiraattotaaf yaaddoofii abdii uumera.

Jiraattonni naannoo Oromiyaa BBC’n haasofsiise, labsii mootummaa hordofee omishaalee tokko tokkorratti gamanumaa daballiin gatii mul’achuu himaniiru.

Kana malees murteen mootummaa lammiilee galii gadi aanaa qaban kan miidhu ta’uusaatiin mootummaan tarkaanfii lammiilee kunneen dandamachiisu akka fudhatu gaafataniiru.

Murtee dhimma sharafa alaa miidiyaarraa akka dhagahan kan himan jiraataan Godina Wallagga Bahaa maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, “Qaala’insa jireenyaa kana dura jirullee hawaasni dandamachuu dadhabuun mootummaan karaa qaala’iinsi kun xiqqaachuu danda’ufi hawaasni dandamachuu danda’u ni uuma jedhee eeggataa jira” jedhan.

“Kanaan dura odeeffannoo xiqqaan zayitarrattifaa hanga qarshii 500 yeroo itti dabalantu ture” kan jedhan jiraataan kun, hir’achuun dandeettii waa bituu birrii tibbana uumames daballii gatii omishaaleef sababa akka ta’u dubbataniiru.

Nannoo isaaniitti gatiin omishaalee guyyoota muraasa darban keessa dabaluu kan himan Godina Baaleetti jiraattuun Magaalaa Roobee Aadde Masarat Fayyisaa, “zayitni abbaa liitira shanii qarshii duraan birrii 900’n bitamu amma birrii 1,180 ta’eera. Daakuunis baay’ee dabaleera; kiiloon birrii 85-90 ture amma birrii 100 gaheera” jedhan.

Gama biraatiin “Tooftaa mootummaan fide akka waan gaariittin fudhadha” kan jedhan jiraataan Aanaa Yaaballoo Obbo Goollicha Dooyyoo, “miidhamnullee yeroo gabaabaaf miidhamuu dandeenya. Achiin duuba akkuma taane taanee yoo keessaa baane biyya keenyaaf abdii qaba natti fakkaata,” jedhan.

“Tarkaanficha akka waan guddaattin fudhadhe”

Jiraataan Magaalaa Yaaballoo kan ta’an Obbo Goollicha Dooyyoo hojjetaa mootummaafii abbaa ijoollee lamaaati.

Galii mindaa isaanfi haati warraasaanii argataniin jiruusaanii akka gaggeessan kan himan jiraataan kun, “Diinagdeen biyya keenyaa sababa waraanaafi sababoota birootiin kufaatii hamaa keessa akka ture ni beekna. Ammammoo Itoophiyaan tarkaanfii kanatti seenuun akka waan guddaa tokkottin fudhadhe” jedhan.

Diinagdee biyyattii miidhame gama dandamachiisuutiin tarkaanfii haaraa kanarraatti abdii kaayyatanis gadi bu’uun gatii birrii yaadoofii sodaa akka itti uumes Obbo Goollicha himu.

“Qaala’insi gabaa durumaan haalaan olka’ee waan jiruuf sanarratti amma gatiin birrii hagas gadi bu’uunsaa keessattuu nuyi hojjettoota mootummaa akkamiin akka jiraachuu dandeenyu hinbeeku” jedhan.

Murteen mootummaa Itoophiyaa erga dhagahamee booda omishaalee tokko tokkorratti daballiin gatii mul’achuu kan himan jiraataan kun, “daldaltoonni omisha dhoksuu eegalaniiru. Namoonni maallaqa qaban tokko tokkommoo omisha bitachaa jiru” jedhan.

Bittaa simintoof gabaa bahanii akka turan BBC’tti kan himan Obbo Goollicha, simintoon kuntaalli tokko birrii 1,800’titti gurguramaa ture murtee labsame booda battalatti birrii 100 dabaluun birrii 1,900’tti gurguramuu akka eegales himaniiru.

“Daldaltoonni namummaan itti dhagahamuu qaba”

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yaaddoo qaala’insa gabaa murtee sharafa maallaqa alaa hordofee uumamuu danda’u furuuf mootummaafii kutaaleen hawaasaa garagaraa gaheesaanii bahachuu akka qaban jirattonni BBC’n haasofsiise himu.

“Sharafa Doolaaraa dabaluun guddina biyyaaf yaadamee ta’uu danda’a. Garuummoo hawaasni duukaa fayyadamuu qaba” kan jedhan jiraataan Godina Wallagga Bahaa BBC’n haasofsiise, “Kanarratti hordoffiin mootummaa baay’ee guddaa ta’uu qaba. Hordoffii taasisuun gabaa tasgabbeessuun irraa eegama” jedhaniiru.

“Mootummaan labsii ni baasa, yeroo marayyuu haalli mijaayee akka deemu barbaada” kan jedhan Aadde Masarat Fayyisaa immoo, caasaaleen mootummaa sadarkaa gadii tarkaanfiin gabaa tasgabbeessuu mootummaan fudhatu haalaan hojiirra akka ooluuf hojjechuu qabu jedhu.

Daldaltoonni daballii gatii sababa qabeessa hintaane gochuurra akka ofqusatan kan gaafatan jiraataan Godina Wallaggaa immoo, “Daldaltoonni jiruu hawaasummaa ilaalcha keessa galchuu qabu. Fakkeenyaaf shaqaxa sharafni osoo hindabalamin gale waliin qabsiisanii karaa hintaaneen fayyadamuuf yaaluurra namummaan itti dhagahamuu qaba” jedhaniiru.