Itoophiyaafi IMF dhiyeessii liqaa yeroo dheeraarratti waliigaltee jalqabaarra gahan

IMF

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbaata Maallaqaa Addunyaa(IMF) fi mootummaa Itoophaa dhiyeessii liqii yeroo dheeraa irratti waliigalteen sadarkaa jalqaba raawwatamuun ibsame.

IMF ibsa baaseen waggoota afur keessatti liqaan doolaara biiliyoona 3.4 ta'u dhiyeessii liqii yeroo dheera(Extended Credit Facility) gochuu ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa waliin waliigaltee jalqabaarra gahamuu beeksise.

Waliigalteen kun boordii hooggansa olaanoon erga ilaalamee booda Itoophiyaan liqii doolaara miliyoona 345 akka argattu ibsame.

''Sirna sharafa alaa gabaarratti hundaa'e fi rifoormiin imaammata diinagdee jijjiirama gaarii agarsiisaa jira'' jedheera ibsi IMF.

Itoophiyaan sirna sharafa alaashee kan gabaa bu'ureffate akka ta'u Adoolessa darbe murteessuun hojiitti hiikte.

Amma dura dhimma liqaa dhiyeessuurratti mootummaa Itoophiyaa waliin Finfinneetti mariin torbanootaaf gaggeefamaa bahe bu'aa malee xumurame ture.

Mariin kun kan gaggeefame Itoophiyaan riifoormii sirna diinagdee akka ta'utti hojiirra oolchuuf maallaqni dhaabbaticharraa akka gadhiifamuuf gaafachuushee hordofeeti.

Ibsi IMF jimaata bahe Itoophiyaan jijjiiramoota milkaahoo gochuunshee, diingdeen waliigalaa(maakroo Ikoonomii) akka tasgabbaa'u kan godhu, dhiyeessii sharafa alaa amansiisaa kan godhuufi guddina diinagdee waaraaf kan gargaaruudha'' jedheera.

Adoolessa darbe Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa'ii ariifachiisaa gaggeesseen wixinee waliigaltee liqii mirkaneessee ture.

Yeroo san liqiin argame isa kam akka ta'e ifa godhamuu baatus, IMF Itoophiyaaf liqii yeroo dheeraan doolaara biiliyoona 3.4 akka kennu gabaafamee ture.

Ibsi dhaabbatichaa Jimaata bahe ammoo jila Alvaaroo Pireeziin durfamuun waliin godhamee booda waliigalteen kun kan sadarkaa jalqabaa raawwatamuu beeksiseera.

Qondaalli kun ''hojjettootni IMFf mootummaa Itoophiyaa gidduu waliigalteen gahame boordii hooggansaan torbanoota dhufan keessatti ni ilaalama'' jedhaniiru.

Boordichi waliigaltee kana erga ilaalee booda marroo jalqabaan doolaarri miliyoona 345 ta'u Itoophiyaaf akka gadhiifamu himan.

Itoophiyaan rakkoo diinagdeeshee furuuf liqaa dolaara biiliyoona 3.5 barbaaddi.

Liqaan dolaara biiliyoona 28 ta’u ammoo irra jira akka gabaasaaleen agarsiisanitti.

Waliigalteen jalqabaa kun diinagdee biyyattii guddisuuf fi rifoormiiwwan hojiirra oolaa jiran gargaara jedhu qondaalli IMF.