Bajata ALI 2018f qabame keessatti deeggarsi Oromiyaa biliyoona 108 gahe, Finfinneef hin qabamne

Magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Mayor Office of Addis Ababa

Baajata waliigalaa mootummaa federaalaa bara itti aanuuf qabame keessatti haala hin baratamneen deeggarsi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee osoo hin dabalamiin dhiyaateera.

Isa naannoleef ramadamu keessaa ammoo kan Oromiyaa biiliyoona 108 gaheera.

Baajatni mootummaan federaalaa bara itti aanuuf naannolee fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaaf ramadame kan bara kanaatiin wal bira qabamee yoo ilaalamu caalmaa birrii biiliyoona 92 qaba.

Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa, walgahii idilee isaa Kibxata, Waxabajjii 10/2025 gaggeesseen, Baajata Mootummaa Federaalaa bara 2018 bal'inaan akka ilaalamu koree dhaabbii karoora, Baajata fi Faayinaansiitiif dabarseera.

Baajata bara dhufuuf ramadame keessaa walakkaa ol kan ta'u birriin tiriiliyoona 1.18 kan ta'u baasiiwwan idileef ramadame. Kana keessaa ammoo harki hedduun liqaa kaffaluuf qabame.

Baajatni baasiiwwan kaappitaalaaf ramadame birrii biiliyoona 415.23 dha.

Maallaqni kun kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu caalmaa birrii biiliyoona 62 kan qabu ta'us, qoodni maallaqa baasii kaappitaalaaf ramadame baajata waliigalaa keessatti bara dhufu keessattis akkuma waggoota shanan darbanii gadi aanaadha.

Baajata bara 2018 keessaa qoodni guddaan inni sadaffaan deeggarsa baajata mootummaan federaalaa naannoleef taasisu yoo ta'u, deeggarsi baajataa naannoleef qabame birrii biiliyoona 314.75.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara kana naannoleef bajatni deeggarsaaf ramadame birrii biiliyoona 222.69 ture. Birqabaan yoo ilaalamu kan bara dhuftuu caalmaa birrii biiliyoona 92 qaba.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti haasawa taasisaniin bara kana daballiin mindaa hojjettootaaf godhameen walqabatee naannoleef maallaqni dabalataa wayita barbaachise maallaqicha kan dhiyeesse mootummaa federaalaati jedhaniiru.

Deeggarsi baajataa naannoleef ramadame fooyya'iinsa miindaatiin baasii dabalataa naannoleen barbaadan shallaguun, baajata bara darbe ramadame walitti ida'uun, "akka ka'umsaatti fudhachuun" akka ta'e ibsaniiru.

Ramaddii baajata deeggarsaa kanaan maallaqa guddaa kan argate naannoo Oromiyaati. Birrii biiliyoona 108.46 ta'utu ramadameef.

Mootummaa federaalaarraa deeggarsi naannichi bara dhufuuf argate kan bara kanaatiin wal bira qabamee yoo ilaalamu birrii biiliyoona 33.61 caalmaa qaba.

Daballiin deeggarsa bajataa Oromiyaa kan bara dhufuurratti godhame qofti deeggarsa waliigalaa naannoo Somaalee kan bara dhuftu ni caala. Deeggarsi bajataa naannoo Somaaleef qabame biliyoona 31.41 dha.

Naannoon Somaalee deeggarsa mootummaa federaalaa argachuun sadarkaa sadaffaarra argama.

Naannoon Amaaraa sadarkaa 2ffaarra jira. Bajata bara dhufuuf ramadameef irratti daballiin birrii biiliyoona 21 mul'ateera. Naannichi bara 2018tti deeggarsa baajata mootummaa federaalaa irraa birrii biiliyoona 67.98 ni argata.

Naannoon Kibba Itoophiyaa deeggarsa argatuun sadarkaa 4ffaarra jira. Birrii biiliyoona 22 ramadameef, Naannoon Tigraayiif ammoo birrii biiliyoona 18.97.

Wixineen labsii baajata bara 2018 fi sanadoonni deeggarsa biroo mootummaan federaalaa paarlaamaaf dhiheesse deeggarsa baajataa naannoolee biyyattii 12 fi bulchiinsa magaalaa Dire Dhawaa qofa tarreessa.

Bajata bara dhufuu keessatti magaalaa Finfinneef deeggarsi qabame hin jiru. Bara kana bajatni mootummaan federaalaa bulchiinsa magaalichaaf ramade birrii biliyoona 5.4 qofa ture.

Bajatni waggaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bara baraan haalaan guddachaa kan ture yoo ta'u, maallaqa dabalataa Ebla darbe raggaasifame dabalatee bara kana bajatnisaa birrii biiliyoona 241.8 ga'eera.

Bulchiinsi magaalichaa naannolee biroo irraa adda ta'ee waggoota darban karoora baajata isaa yeroo raggaasisu maallaqa deeggarsa mootummaa federaalaa madda galii isaa keessatti hin hammanne.

Maddoonni galii ijoo bulchiinsi magaalattii karoora baajata isaa keessatti ifa godhe gibira, galii gibiraan ala, galii bulchiinsa magaalaa, fi fandii daandiiti.

Maallaqni gargaarsaa fi liqii biyya alaa irraa argamus bulchiinsa magaalichaaf madda galii kan birooti.

Bajata bara darbe gadhiifame ilaalchisee waggaa lama dura deeggarsa magaalaa Finfinnee argachuu malee irratti gaaffiin dhiyaatee ture.

Yeros Kantiibaa Adaanech Abeebee ''mootummaan Federaalaa deeggarsa kennuu danda'uus bulchiinsi magaalichaa baasiisaa ofiin danda'uuf rakkoon isa mudate hin jiru jechuun'' deebisanii ture.

Bulchiinsi magaalichaa karoora piroojektii adda addaa deeggarsaa fi liqii mootummaa federaalaaf qopheessun akka mijeessuu eeruun, pirojektoonni kallattiin baajataan hin deeggaramnee fi mootummaan federaalaa Finfinnee keessatti ijaarus ilaalcha keessa galuu akka qaban jabeessanii dubbataniiru.

Aadde Adaanechi bara sana gaaffiin dhimma deeggarsa bajataa wajjiin walqabatee dhiyaateef dantaa siyaasaaf ooleera jechuun qeeqanii ture.

Mootummaan federaalaa bara dhuftuuf bulchiinsa Magaalaa Finfinneef deeggarsa kan hin ramadne ta'uu ilaalchisee hogganaan biiroo faayinaansii magaalichaa Obbo Abdulqaadir Redwaaniif gaaffii kan dhiyeesse ta'us aanga'aan kun ''ibsa baajataa waan hin argineef'' yaada kennuu akka hin dandeenye dubbataniiru.

Guddina diinagdee eegamu

Ministirri Faayinaansii Obbo Ahimad Shiidee mana maree bakka bu'oota uummataaf yaada kennaniin bara dhuftu diinagdeen biyyattii guddina dhibbeentaa 8.9 akka galmeessu himaniiru.

Tilmaamni guddinaa bara bajataa dhufuuf qabame dhibbeentaa 8.4 ture.

Obbo Ahimad ji'oota 11 darban al ergiirraa biyyattiin galii doolaara biliyoona 7.2 argachuu ibsaniiru. Kunis isa bara darbeerra caalmaa dhibbeentaa 118.2 qaba jedhaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad ammoo tibba kana ibsa miidiyaaleef kennaniin al-ergiin bunaafi warqee dabaluu ibsaniiru.

Dhaabbatni Fandii Maallaqaa Idila Addunyaa Muddee darbe tilmaama kaahee tureen al-ergiin omishaalee doolaara biliyoona 4.59, tajaajilli ammoo biliyoona 7.97 akka argamsiisu ibsee ture.