Itoophiyaa keessa guddina osoo hin taane 'Miracle' tu jira- MM Abiy Ahimd

Madda suuraa, PM Office
Ministirri Muummee Abiy Ahmad yeroo ammaa kana dinagdee Itoophiyaa keessatti wanti mul'ataa jiru "guddina osoo hin taane 'Miracle' [raajii] dha" jechuun dubbatan.
MM Abiy kana kan jedhan gaaffiifii deebii walitti aansuun marsaa afuriif televizhinii biyyaaleessaa Itoophiyaa Birodikasting Koroporeeshin irratti taasisaniin ture.
MM Abiy gaaffiifi deebii Kaamisa Waxabajji 05, 2025 galgala tamsa'erratti waa'ee dinagdeefi gaaffii miindaa hojjetootaa kaasanii dubbataniiru.
Ministirri Muummee Abiy gaaffiiwwan miindaa dhiyeenya kana ogeeyyiin fayyaafi barsiisonni kaasan "legitimate" [sirriidha] kan jedhan yoo ta'u, "hakiimonni, barsiisonni, loltoonni, poolisoonni, ministiroonni, ministirri muummee hundi keenya gaaffii miindaa ni qabna," jedhaniiru.
Ogeeyyiin fayyaa biyyattii keessa jiran gaaffii miindaa, faayidaalee fi kanneen biroo kaasuun hojii dhaabuu mormii gaggeessuun isaanii ni yaadatama. Kanaan wal qabatee tajaajilli dhaabbileen fayyaa baayyee keessatti kennaman hanga ammaatti danqaan mudachaa jiraachuun isaa ni beekama.
Ogeessonni kunneen gaaffiiwwan qabaniif mootummaarraa deebii sirrii hin arganne jechuun ammallee mariin taasifamee furmaanni akka barbaadamu gaafachaa jiru.
Ministirri Muummee Abiy guddina Itoophiyaa keessa jiru kaasuun yeroo dubbatanitti "guddachaa jirra qala'insa gatii akka dhaabatu gochuudhaaf hojjechaa jirra," jedhaniiru.
Dinadgee waggoota torba darban keessa weerara Koronaa, akkasumas waraana Kaaba Itoophiyaatti ture osoo jiruu jijjirama guddaa galmeessaa dhufeera jedhan "Miracle" [raajii] jechuun ibsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Itoophiyaa keessa kan jiru jijjiirama osoo hin taane [raajiidha]. Saffisaafi qulqullina nuti fiduudhaaf yaadneen olidha jijjiiramni dhufe," kan jedhan MM Abiy, kan eegsisuudhaaf yoo hin danda'amne "rakkoo hamaa fiduu danda'a" jechuun akeekkachiisaniiru.
"Dhugaa dubbachuuf ummanni Itoophiyaa iji isaa akka banamu, qalbiin isaa akka banamuuf carraa gaarii argate, ifa isaaf bahe hubachuudhaan akka dhimma itti bahu hubachuusa ol aanaatiinan yaada kana kaasaa jira," jedhan.
MM gaaffiifi deebii taasisan kanarratti, dinadgee "Miracle" jedhan kanaaf agarsiiftuu kan eeran yoo ta'u, A L I bara 1984 hanga bara 1998 gidduu waggoota jiran 15 omishaaleen gara alaatti ergamanirraa galiin argame dolaara biliyoona 7.5 qofa ture jedhaniiru.
"Bara kana waggaa tokko keessatti daldala alatti erguurraa dolaara biliyoona 8 argatti Itoophiyaan. Biyyi waggaa tokko keessati dolaara biliyoona 8 argattu waggoota 15 guutuu maal hojjechaa jirti jedhanii gaafachuu barbaachisa," jechuun dubbatan.
Barri kun yeroo jalqabetti "bara Itoophiyaan itti dandamattudha jedheen ture" kan jedhan MM Abiy Ahimad, "Barri kun bara dandamannaa cimaadha.
Bara kana waggaa afur, shan, kudhan yoo dabaltee Itoophiyaaf ni gaha. Gidiraan ishee dhumate," jechuun dubbataniiru.
MM Abiy biyyattiin waggoota 15 darban omisha bunaa gabaa biyya alaatiif dhiyeessitee galiin argatte dolaara biliyoona 3.5 akka tureefi "bara kana waggaa tokko keessatti dolaara 2.5 kan ta'utti gurgurteeti.
Maal jechuudha? Waggaa lama keessatti dolaara biliyoona shanitti yoo gurgurte, kan waggoota 15 keessatti gurgurte baayyee caala jechuudha," jedhan.
Haaluma wal fakkaatuun waggoota 15 keessatti galii gugurtaa warqiirraa agame dorgomsiisuun dolaarri miliyoona 508 alatti erguurraa argamee akka tureefi "bara akana ammoo dolaara biliyoona 3.2 argatteetti," jechuun guddia ajaa'ibaa galmaa'e eeraniiru.
"Guddina kana fakkaatu galmeessaa haaluma wal fakkaatuun 'inflation' 30 gara 13.5 tti gadi bu'eera" jedhan.
Bara darbe sharafni alaa akka gabaa jiruun murtaa'u erga taasifameen booda humni waa bituu maallaqa biyyattii baayyisee kan laafe yoo ta'u, kun ammoo gabaarratti gatiin omishaa akka baayyee dabalu taasisuun isaa himamaa tureera.
Murtee kanaan booda shrafni dolaara tokkoo birrii Itoophiyaa 54 kan ture, yeroo ammaa kana gabaa idileetiin gara 130tti kan guddate yoo ta'u, gabaa maddeen jiru keessatti ammoo 150 ol qaqqabuutu himama.
Haaluma wal fakkaatuun mootummaan diggomaa boba'aa irratti godhu kaasuu isaatiin wal qabatee gatiin geejjibaa, shaqaxaafi tajaajilawwanii baayyee waan dabaleef qaala'insi jireenyaa akka isaan yaaddesse lammileen dubbachaa jiru.
MM Abiy waa'ee gaaffii qala'insa jireenyaafi miindaa ka'aa jiru yeroo ibsan, qaala'insa jireenyaa Itoophiyaa keessatti mul'achaa jiruun wal qabatee "haalli jiruu keenyaa bitaanis mirgaanis tuqameera," erga jedhaniin booda "sababa kanaan namoonni qoraman ni jiru". Kanneen rakkatan ni jiru," jedhan.
Gaaffii daballii mindaa ogeeyyin fayyaa yeroo dhiyoodhaa as gaafataa jiran ilaalchisee gaffinsaanii dhugaafi fudhatama kan qabu ta'uu kaasanii, garuummoo "[kansaanii] adda miti. Baay'ee keenya kan tuquudha," jedhan.
Gaaffii mindaa kana furuuf "tasgabbaa, hubachuufi yaaduu barbaachisa" kan jedhan MM Abiy, gaaffii daballii mindaa kana kaayyoo siyaasaaf kanneen itti fayyadamuu barbaadan mul'achuu kaasan.
Oggeeyyin fayyaa gaaffii daballii mindaafi fayidaalee garaa garaa gaafataa turan, gaaffinsaanii siyaasa kamiinuu hidhata akka hin qabne ibsaa turanis, Muummicha Ministiiraa dabalatee qondaalonni siyaasaa biroon gaaffin ogeeyyii fayyaa kanneen kaayyoo biraa qabaniif oolaa jiraachuu dubbatu.
Gaaffii kaasaa turaniin wal-qabatee torbanoota darban keessaa ogeeyyin fayyaa hedduun to'annoo jala ooluun gabaasamaa ture. Poolisiin federaalaa gamasaan, ogeeyyii fayyaa qaamolee nageenya booressan waliin hojjatan jedhe 50 ta'an to'annoo jala oolchuu beeksisee ture.
MM Abiy ammoo bara kana mootummaan birrii biliyeena 91 daballii mindaaf oolchuu kaasun, waggaatti sanaa ol dabaluu akka hin dandeenye ibsan.
"Mindaan Itoophiyaa gahaa miti. Mindaan kiyyas gahaa miti. Bara kana hojjataa federaalaf mindaan kaffalamu birrii biliyeena 450 caalera," jechuun galii argamurraa walakkaan mindaanf akka oolu himan.
Gaaffii daballii mindaa kana mootummaan wacaan akka hin deebisne kan dubbatan MM Abiy," karaa tasgabbii qabuun humna keenya yaada keessa galchuudhan deebii kennaa deemuu nu barbaachisa," jechuun mariifi bifa gama hundaa fayyaduun qofa furmaata akka argatu himan.












