Loltoonni Ertiraa bulchiinsa qabatan 'isaantu beeka' - Amb. Diinaa Muftii

Madda suuraa, MFA
Mootummaan Ertiraa waraanasaa bulchiinsota Itoophiyaa walabaa keessaa akka baasu hawaasni idila addunyaa dhiibbaa akka godhu waamicha kan dhiyeessan Ambaasaddar Diinaa Muftii bulchiinsota qabatan ''isaaniyyuu beeku'' jechuun BBCtti dubbatan.
Ambaasaaddar Diinaan marsariitii Horn Review jedhamu irratti mootummaan Ertiraa loltoota isaa bulchiinsota Itoophiyaa irraa akka baasu barreessuu isaanii hordofee loltoonni Ertiraa iddoowwan kam fa'i keessa akka argaman yeroo gaafatamanidha deebii kana kan kennan.
Ambaasaaddarichi ''kana tokko tokkoon himuun baayyee rakkisaa dha. Waan ture dha, kana isaan beeku jedhanii darbuu wayya,'' maqaa bulchiinsota kanaa otoo hin dubbatanii hafan.
Yeroo waraanni Tigraay waggaa lamaaf adeemsifame raayyaa ittisaa wajjin kan hiriire ture waraanni Ertiraa hirmaannaasaa ilaalchisee dhaabonni mirga namoomaa yeroo garagaraatti gabaasa baasaa turan.
Yeroos dubbii himaa ministeera hajaa alaa kan turan Diinaa Muftii dabalatee qondaaloti mootummaa kaan loltoonni Ertiraaa waraana keessatti hirmaataniiru jedhamu ''bu'uura kan hin qabne'' jechuun haalaa turan.
Sadarkaa mootummaatti loltoonni Ertiraa Itoophiyaa keessa hin jiran isa jedhamaa ture ''yeroo booda daangaa ce'anii galaniiru?'' jechuun gaaffii dhiyaateef Ambaasaaddar Diinaan deebii kennaniiru.
''Wal-dhiibuun jira. Waan tureedha. Galuufi bahuun waanuma jiruudha. Kanas sadarkaadhuma kanatti ilaalutu wayya,'' jedhaniiru.
Maqaa iddoowwan qabaman jedhamanii eeruuf ''istaatiksii'' akkas jedhee himu hin qabu jechuun maqaa eeruu irraa of qusataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Loltoonni Ertiraa yeroo waraana Tigraayi dhiittaa mirgaa raawwachuu isaanii gabaasaaleen idil-addunyaa garagaraa himaa turan.
Ertiraan loltootashee naannoo Tigraayi keessaa akka baastuf hawaasi idiladdunyaa irra deddeebiin gaafachaa turan.
Ministirri Mummee Abiy Ahimad kanaan dura bakka buutota Tigraayi waliin haasaa taasisaniin waraanni Ertiraa bakka seeraan isaaf kenname irratti akka argamuufi isaan ala iddoon qabate yoo jiraate koreen qulqulleessu akka dhaabbatee jiru himanii turan.
Marsariitiin dhimma Gaanfa Afrikaa irratti xiinxala akka kennu himu Horn Affairs barreefama baaseen ambaasaaddarichi ''loltoonni Ertiraa bulchiinsota walabaa'' Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan gaafachuun dabalataan mootummaan Ertiraa deeggarsa hidhattootaaf taasisu eeraniiru.
Barreeffama isaanii kanaan pireezidantiin Ertiraa hidhattoota mormitoota mootummaa Itoophiyaa tahaniif deeggarsa kennurraa akka of qusatu hawaasni idil addunyaa dhiibbaa akka godhu gaafataniiru.
Hidhattoonni mootummaa Ertiraan deeggaraman jedhaman garuu maqaa otoo hin dhahiin ''isaanuu beeku'' jechuun deebii gabaabaa kennuun biyyoota lameeniifuu nagaatu barbaachisa jedhan.
''Biyyoota lamaaniifuu nagaa, wal-kabajuufi waliin jiraachuutu barbaachisa. Tahus kanaan ala waanti tahu wal-dhiibuu, wal-loluu, wal-waraanuun hin baasu. Afrikaa Bahaatti nagaa buusuun biyyoota lamaaniifi uummata isaaniif faayidaa qaba,'' jedhaniiru.
Ambaasaaddarichi dabaluun mootummaan Ertiraa ''bulchiinsota Itoophiyaa walabaa hamma dhumaatti to'atee itti fufuu hin danda'u,'' jechuun barreeffama isaanii irratti ibsaniiru.
Haalli kuni ''eenyufiyuu hin fayyadu'' jechuun waan godhamuu qaburrattis deebii kennaniiru.
''Amma kan barbaachisu hunduu tasgabbaa'ee karaa nagaan yoo hin taane humnaan, waraanaan, dhiibbaafi wal-dhiibuun waanti tahu hin baasu. Biyyaafi uummata lameeniif hin fayyadu,'' jechuun barbaachisummaa nagaa himan.
Qondaaloti Ertiraa fi Itoophiyaa yeroo dhihoon asitti jecha walitti darbachuun muddamni jabaachaa dhufuu agarsiisa.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Ayishaa Mahammad pireezidantiin Ertiraa ayyaana walabummaa biyyattii irratti Itoophiyaa eeruun booda, kanneen ''afaan guutanii biyya jedhanii waamuuf nama rakkisu hundi haala kanaan Itoophiyaatti dubbachuuf yaaluun waan baratame akka ta'e ni beekna,'' jechuun dubbataniiru.
Kanaaf haala deebii fakkaatuun ergaa kan qoodan Ministarri Beeksisaa Ertiraa Yamaan Gaabiramasqal ''yeroo ammaa kanatti deeggartonni Biltsiginnaa/maqaa xureessitoonni Ertiraa qeequtti fuula garagalchaniiru,'' jedhaniiru.
Pireezidant Isaayyaas ''humnoonni alaa karaa bakka buutota isaanii Biltsiginnaa waggaa shanan darbaniif uummata Itoophiyaa waraanni labsan hangam abdii akka kutatan kan agarsiisu dha,'' jechuun dubbataniiru.
Ambaasaaddar Diinaan biyyoota lamaan kana gidduutti yaaddoon waraanaa jiraa yaada jedhuuf deebi kallattii otoo hin kennin ''duchaadhumatti waraanni hin barbaachisu,'' jedhan.
''Waggootaaf argineerra. Kanaan booda waraannii naannoo kanaaf barbaachisaa miti, hin mancaasa.
Olollis tahe waraannii hin barbaachisu,'' jechuun booda biyyoota lamaaniif kan barbaachisu nagaa dha.
Garaagarummaan yoo jiraate marii gochuu qabna, waraannii kanaan duras nun fayyadne,'' jedhaniiru.












