'Iddoowwan muraasaan ala Itoophiyaatti walitti bu'insi miidhaa qaqqabsiisaa jiru hin jiru'

Obbo Mahaammad Idiriis

Madda suuraa, Ministry of Peace

Naannoo Amaaraafi Oromiyaa iddoowwan ''muraasaan'' ala Itoophiyaa keessatti walitti bu'inisi miidhaa ''namoomaas tahe qabeenyaa geessisaa jiru hin jiru,'' jechuun Minsitirri Nagaa Obbo Mahaammad Idiriis himan.

Ministirichi af-gaaffii miidiyaa Faanaa waliin taasisaniin hallii nageenyaa biyyattii fooyya'aa jiraachuufi ''haala qabatamaa'' wal-bira qabuun hubachiisaniiru.

Obbo Mahaammad waraana waggaa lama dura Tigraayitti dhiiga dhangalaase kaasuun ''tarkaanfii hubannoodhaan taasifame'' jechuun waliigaltee Piriitooriyaan goolabamuu himan.

Naannoo Amaaraatti lola hidhattootaan taasifamu ilaalchisee waggaa lamaan dura naannoleen baayyee to'annoo hidhattoota jala akka turan kaasanii ''nageenyi akka malee boora'ee'' ture jechuun himan.

Naannicha keessatti hojiiwwan mootummaan raawwateen akkasumas ''hubannoo jabaa hawaasni qabuun'' haalli jireenyaa geeddaramuu himuun ''guyyaa dhaa guyyaatti haalli fooyya'aa jira,'' jedhan.

Aanaalee 256 naannichi qabu keessaa to'annoo mootummaa keessa kan hin jirre aanaalee lama qofa tahu Obbo Mahaammad himan, yeroo ammaa kana magaalawwan ijoo naannichaa saddeet ''nagaa qabu,'' jedhan.

''...mootummaan guutummaatti keessa hin jiru, gariin garuu keessa jira aanaaleen jennu lama qofaa dha,'' jedhan.

Gandoota naannichi qabu kuma afur keessaa harka 80 ol caasaan mootummaa gara hojiitti deebi'eera kan jedhan ministirichi, ''tajaajila bu'uuraa'' kennaa jiraachuus eeraniiru.

Dabaluunis, ''kanneen hafan dhiibbaa mootummaan ala jiru ykn to'annoo humna biraa jala jiru osoo hin taane qaqqabamuu dhabuu irraan kan ka'e to'annoo hidhattootaa jala jiraachuu himan.

Haa tahu malee waggoota lamaan darban iddoowwwan naannichaa garagaraa keessatti akka socho'an kan himan hidhattoonni Faannoo magaalawwan ijoon alatti iddoowwan baayyeen to'annoo isaanii jala jiraachuu himu.

Ministirr nagaa Obbo Mahaammad ''naannicha keessa fedhiisaa kan raawwatu mootummaan ala humni hidhataa kallattiin haleellaa raawwatuufi ittisu magaala to'atee nan bulcha humni jedhu hin jiru,'' jechuun guyyaa dhaa guyyaatti ''yakkamtoonni sochii dhorkan garuu hin jiran jechuu miti,'' jedhaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hogganooti Faannoo ministirichi maqaan hin waamne biyya ollaattii ''kan mumul'atan'' malee hangas mara dhiibbaa kan uuman miti,'' jechuun humni morkataa hin jiru jedhaniiru.

''Mootummaan dhaabbii jabeeffatee, tajaajila hawaasaaf malu kennuun nagaafi tasagabbii haalattii eegasisuu danda'u irra gahaa jira,'' jechuun mootummaan naannichatti shoora olaanaa akka qabu himan.

Minisitircihi kana haa dubbataniyyuu malee jiraattonni waggaa lamaa as magaalawaan baayyee keessa sochiin idilee akka durii akka hin taane dubbatu.

Dhimma nageenyaa Oromiyaa ilaalchisee yeroo dubbtanis WBO kan mootummaan Shanee jechuun waamuun wal-qabatee ''murtoo siyaasaa fudhatameen, naannicha keessatti ''mootummaan jabaateera,'' jedhaniiru.

Haa tahu malee ''iddoowwan muraasa'' keessa haalli rakkisaa jiraachuu himaniiru.

Keesumaa lixa,kibbaafi gidduugala Oromiyaatti hidhattoota WBO'n haleellaawwan raawwatan namoota nagaafi qondaalota mootummaa irratti miidhaan gahaa ture jedhan.

Obbo Mahaammad Indiriis naannolee Amaaraafi Oromiyaan ala kutaalee biyyattii biraattii nagaan jiraachuu kan himan yoo tahu ''walitti bu'insi miidhaan namoomaas tahe qabeenyaa qaqqabsiisaa jiru hin jiru,'' jedhan.

Miidiyaaleen hawaasaa ''sodaa uumuuf'' karoorsuun haala qabatamaa jiruun alatti waan xixiqqoo mudatu mara harabeessanii dhiyeessuu jedhan.

Kanaafis namoonni biyya alaatii dhufan ''amalli guyyaa jalqabaa agarsiisaniifi kan torbee tokko booda agarsiisan akkaan gargari,'' jechuun akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Humnooti hidhatanii socho'an gaaffiin kaasan mariidhaan qofa akka hiikaman kan himan Obbo Mahaammad sochii isaanis ''kan barteefi boodatti hafaa,'' jedhaniiru.

Humnooti siyaasaa galma isaanii kara nagaa bakkaan gahuu barbaadan dirree banaa dha jedhan.

Hidhattoota naannolee gurguddoo biyyattii keessatti socho'an waliin marii gochuuf qophii akka tahe kan himu mootummaan, humnoota nageenyaa naannicha keessatti bobbaaseera.

Naannolee kunneentti lola adeemsifamuun jiraattonni sochii isaanii guyyuu irratti dhiibbaa uumuun dabalataan lubbuu namaa darbeefi qabeenya manca'eef mootummaafi hidhattoota akka himatan Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dabalatee kaanis gabaasa baasaa turaniiru.