Caasaa naannolee jijjiiruurraa hanga mootummaa Gonfoo ijaaruutti- Ajandaawwan Marii Biyyaalessaa

Aanga'oota mariitti jiran

Madda suuraa, EBC

Komishiin marii Biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota lamaan darban kutaalee biyyattii adda addaa keessatti ajandaawwan uummatni gaafatu, dhimmoota mari biyyaalessaa keessatti hammatamuu qaban irratti hojii ajandaawwan adda baasuu hojjechaa jira.

Hojiin dhimmoota ijoo adda baasuu kuni Tigraayiin alatti Naannolee biyyattiin qabdu hunda keessatti adeemsifamaa tureera.

Tibbana ammoo qooda fudhattoonni sadarkaa Federaalaa ajandaawwan ijoo marii biyyaalessaa keessatti hammatamuu qaban adda baasuu irratti guyyootaaf Magaala Finfinneetti adeemsifamaa ture.

Mari'attoonni sadarkaa Federaalaatti hojii ajandaawwan adda baasuu kanarratti hirmaatan abbootii amantaa, namoota bebbeekamoo fi dhiibbaa uumtota, namoota siyaasaa dabalatee kutaalee torbatti qoodamuun mari'achaa turan.

Xumura marii kanarrattis ajandaawwan mari'attoonni sadarkaa Federaalaa marii biyyaalessaa keessatti irratti mari'atamuu qaba jedhan cuunfuudhaan qabxiilee ijoo torba jalatti kurfeessuun komishinichaaf dhiheessan.

Ajandaawwan Ijoon mari'attoonni sadarkaa Federaalaa dhiheeffatan maal faa'i?

Gaazexeessituu Muniiraa Abdulmannaan namoota sadarkaa federaalaatti hojii ajandaa adda baasuu kanarratti hirmaatan keessaa tokko yoo taatu, xumura marii kanarratti ijoo cuunfaa ajandaa mari'attoonni gaafatanii kurfeessuun komishinichaaf gabaasa kan dhiheessitedha.

Muniiraan ajandaalee ijoo mari'attoonni sadarkaa federaalaa gaafatan kana ilaalchisuun gaaffiif deebii BBC waliin taasisteen qabxiin duraa mari'attoonni gaafatan dhimma heera mootummaa fooyyessuuti jetti.

"Mari'attoonni heera mootummaa ilaalchisee gaaffilee hedduu kaasanii mari'atan. Keewwatawwan keessaa haqamuu qaban, dhimmoota itti dabalamuu qaba jedhan kaasaniiru. Keewwatawwan kamirratti mari'atamuu qaba kan jedhu ammoo komishinichi adda baasee booda akka irratti mari'atamu kan godhu taha" jechuun ibsiti.

Dhimmi ijoon biraa fi mari'attoonni yeroo dheeraa fudhachuun irratti dubbatan dhimma ijaarsa mootummaa fi caaseffama naannolee kan ilaaludha.

"Mari'attoonni sirna federaalizimii amma hordofamaa jiru kuni jijjiiramuu qaba jedhanii kaasan jiru. Federaalizimiin sabummaa irratti xiyyeefate kun akka jijjiiramu kan gaafatan turaniiru" jechuun kaafti.

"Naannoleen caaseffamni isaanii afaan dubbataniin osoo hin taane teessuma lafaatiin ta'uu qaba kan jedhan turaniiru. Kan federaalizimiin amma jiru kun akka itti fufu barbaadanis jiru," jetti.

Marii ajandaa adda baasuu sadarkaa federaalaatti adeemsifame kanarratti "sirni federaalizimiin wanti jedhamu kun guutummaan hafee sirni mootii gonfoo akka ta'u kanneen gaafatan iyyuu turaniiru" jechuudhaan dabaluun dubbatte.

Hariiroon mootummaa federaalaa fi naannolee gidduu jiraachuu qabus ajandaa mari'attoonni kunneen qabatan kan biraati.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan federaalaa naannolee irratti aangoon qabaatu hangam ta'uu akka qabu, hariiroon mootummaa federaalaa fi naannolee gidduu jiraatu akkam ta'uu qaba kan jedhus sadarkaa biyyaatti irratti akka mari'atamuuf kaafame.

Ajandaa ijoon sa'aatii dheeraa fudhachuun irratti dubbatame dhimma alaabaa fi mallattoowwan ibsituu biyyaalessaa akka ta'e himti Muniiraan.

"Alaabaarraa kaasee hanga mallattoolee addunyaarratti Itoophiyaan ittiin bakka buutuu akkasumas mooggaasa daandiiwwanii irratti bal'inaan kaafamee dubbatame. Alaabaa biyyaa kana qalama isaarraa kaasee kan hin barbaanne jiru."

"Fallaa kanaammoo kanumti amma jiru akka itti fufu kan barbaadanis turaniiru. Loogoowwan biyyaa fi muuziyeemiiwwan keessati bakka bu'iinsa haqa qabeessa ta'uu qaburratti kaafamee dubbatame" jetti.

Mari'attoonni sadrakaa federaalaa kuni dhimmootni kun marii sadarkaa biyyaa irratti irratti mari'atamee furamuu qaba jechuun kan dhiheessan yoo ta'u, komishinichi ammoo fuula duratti qaamolee dhimmi ilaalu mariisisuun gara yaada furmaataatti adeema.

Dhimmi hariiroo idil-addunyaa Itoophiyaan biyyoota ollaa fi kaan waliin qabdu, dhimmi ulaa galaanaa fi afaanotaas ijoo ajandaa mari'attootaa ture.

"Qaxanaa keessa jirru kana keessatti afaanonni afaan biyyaalessaa ta'uu qabu jedhan kaafamaniiru. Fakkeenyaaf Afaan Arabaa afaan biyyaalessaa keessatti hammatamee mannen barnootaattis barsiifamuu qaba kan jedhan turaniiru" jechuun falmiin dhimma afaanii irratti ka'aa ture ibsiti.

"Kaan Ammoo hariiroo biyyoota waliin qabnuuf Afaan Ingliffaa gahaadha inumaa afaan Amaaraa daran guddisuu qabna kan jedhan turaniiru. Ejjennoowwan adda addaatu ka'e" jetti Muniiraan falmii ture yoo ibsitu.

Dhimmi ulaa galaanaa garuu dhimma mari'attoonni hundi ejjennoo fi yaada walfakkaataa irratti callaqiisiisan ta'uus eeran.

Dhimmootni dinagdee, hawaasummaa fi amantaalee ilaallatus qabxii ijoo mari'attoonni kun akka ajandaatti komishinichaaf dhiheeffatan keessaayi.

"Ajandaa bal'aan hundumarra kana ture. Dhimmi qama miidhamtootaa isa tokko. Paarlaamaa keessatti bakka bu'iinsa akka argatan, fayyadamummaa dinagdee akka argatan ka'eera" jechuun kaafti.

"Dhimmi ijoon biraa dhimma amantaadhaan walqabatu. Amantaan hundi ija tokkoon akka ilaalamu. Amantaawwan durirraa biyya keessa turan garuu labsiidhaan hin hundoofne beekamtii akka argatan gaafatameera" jedhan.

Amantaan Waaqeffannaas labsii fi pirootokooliidhaan akkuma amantaawwan birootti walqixxummaan beekamtii akka argatuu fi kaalandara keessatti akka hammatamuufis mari'attoonni kaasaniiru.

Qooda fudhattoonni marii biyyaalessaa sadarkaa federaalaatti marii guyyootaaf adeemsisan kanarratti dhimmoota filannoo, mootummaa Paarlaamaawaa gara pirezedaantawaatti jijjiiruu, dhaabbilee sivikii siyaasarraa wallaba ta'an ijaaruu irratti xiyyeeffatan hedduus kaasaniiru.

Komishiniin marii biyaalessaa Itoophiyaa dhimmoota biyyattii keessatti madda rakkoo fi walitti bu'iinsaa ta'an mariidhaan furuuf waggootaan dura labsiidhaan kan hundaa'e.

Komishinichi yeroo ammaa naannolee hundarraa ajandaawwan hawaasni akka biyyaatti irratti naaf haa mari'atamu jedhu kan sassaabe yoo ta'u, itti aansuudhaan gara Naannoo Tigraay irraa ajandaawwan marii sassaabutti akka cehu ibsee ture.