Filannoo Ameerikaa: Mo’amuu isaanii akka amanan michuun beekamaa Tiraamp isaan gorse

Kiriis Kiristii (mirga) michuu Tiraam yeroo dheeraati

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kiriis Kiristii (mirga) michuu Tiraam yeroo dheeraati

Michuun Donaald Tiraamp beekamaan filannoodhaan mo’amuu isaanii fudhachuu diduufi bu’aa filannoo boodatti deebisuuf isa yaalan akka dhaaban gorsan.

Bulchaan Niiw Jeersii duraanii Kiriis Kiriistii garee seeraa pirezidaantichaa ‘qaanii biyyaalessaa’ jedhanii waaman.

Pirezidant Tiraamp bu’aa filannoo fudhachuu diduun, filannoon akka hatame ragaa malee himachaa jiru.

Rippaablikaanoti baayyeen adeemsa seeraa isaanii deeggaranillee muraasni garuu bu’aa filannoo akka fudhatan gaafachaa jiru.

Gaafa Sanbataa Peensilvaaniyaatti abbaan murtii himannaa isaanii sagaleen karaa poostaa kenname sirrii miti jedhu jalaa kuffisaniiru.

Abbaan murtii Maatiiw Biraan falmii seeraa ragaan hin deeggaramneetu dhiyaatee ture jedhan.

Sana booda inumaayyuu, filatamaan warra Demookiraatii Joo Baayidan Pensilvaaniyaatti sagalee 80,000 akka dursan mirkanaa’e.

Haa tahu malee gareen duulaa Donaald Tiraamp ol iyyachuuf jiru.

Baayidan Tiraampiin sagalee 306 fi 232 mo’ataniiru. Kunimmoo sagalee lakkoofsa mo’achuuf barbaachisu 270 irra baayyee kan caalu dha.

Kiriis maal jedhan

Miidiyaa ABC jedhamurratti Sambattan darbe ’’dhugaa dubbachuuf gareen seeraa pireezidantichaa qaanii biyyaalessaa tahaa jiru,’’ jedhan.

Deeggartoonni Tiraamp ‘’alatti waa’ee filannoon hatamuu haasa'u, garuu yeroo dhaddachatti dhiyaatan waa’ee hannaa hin falman,'' jedhan.

‘’Ani deeggaraa pireezidantichaan ture. Isas filadheera garuu filannoon hundi bu’aa qaba, waan tahee jiru akka hin taanetti yaaduun itti fufuu hin dandeenyu,’’ jedhan.

Bara 2016tti bulchitoota kaadhimummaa Tiraamp deeggaran keessaa isaan jalqabaa turan.

Kana malees falmii pirezidantichi Baayidan waliin yeroo jalqabaaf taasisaniifis kan qopheessan nama kana.

Abbaa seeraa garee Tiraamp kan bakka bu’an Sidnii Paaweel ibsa gaafa Kamisaa kennaniin ragaa tokkoyyuu otoo hin dhiyeessiin sirni filannoo elektiroonikii sagalee baayyee kan Baayidanitti geeddareera, kan mo’achuu danda’es ‘maallaqa koministiini' jedhan.

Gareen duulaa Tiraamp gaafa Sanbataa ibsa baaseen ‘’Aadde Sidnii Paaweel adeemsa seeraa kana kan gochaa jirtu karaa ofii isheetiin malee unuun bakka buutee miti'' jedhan.

Haa tahu malee, jalqaba baatii kanaarratti miseensa garee kanaa akka taate Tiraamp Tiwiitarii isaaniirratti barreessanii turan.

Dilbatarras Rippaablikaanoti biroo bu’aa filannoo kanaa akka fudhatan gorsaa turan.

Bulchaan kutaa biyyaa Meeriilaand Laarii Hogaan yaaliin bu’aa filannoo duubatti deebisuuf taasifamu,’’biyya keenya biyya boodatti haftuu faakkeessuufi,’’ jedhan.

Tiwiitarii irrattis, ‘’Tiraamp goolfii haasa’uu dhiisanii bu’aa filannoo kanaa fudhachuu qabu,’’ jedhaniiru.

Bakka bu’aan naannoo Mishigaan Fireed Aptan sagalee kennitoonni naannoo isaanii Baayidan filachuun filannoo isaanii agarsiisaniiru jedhan.

Pirezidantichi bu’aa filannoo hin fudhatiiniif malee yeroon sirna aangoo wal-harkaa fuudhuu amm jalqaba ture jedhan.