Ittoon shiroo sadarkaan qophaa'eefii alatti ergamuuf

Kaampaaniin biyya alaa nyaataa qopheessu ittoo shiroo Itoophiyaa keessatti sadarkaa warshaatti qopheessuudhaaf fedhii agarsiisuu hordofee, sadarkaa waxii shiroo baasuun barbaachisuu Insitityuutiin Sadarkaalee Itoophoyaa ibse.
Insitiiyuutichis ittoo shirootiin alattis ‘‘oomishaalee biyya keessatti oomishamaniifi’’ biyyoota alaatti ergaman adda addaatiif, nageenya nyaataa fi maalummaa oomishichaa akkasumas qabiyyee beeksiisuudhaaf sadarkaa baasaa jiraachuu BBCtti himeera.
Oomishaaleen sadarkaalee addunyaa bu’uura taasifachuun, qabiyyeesaanii qorachuu sadarkaan baafameefis shiroo, barbarree, bassoo fi daadhii hammata.
Oomishaaleen nyaataa bara darbe keessa sadarkaan baheef kan to’annoon ‘‘hayyama irratti hundaa’ee’’ kan irratti taasifamu yoo ta’u, sadarkaaleensaanii dirqiisiisoo akka hin taane inistitiyuutichi BBCtti himeera.
Sadarkaan shiroo kan kutaalee sadi qabu ta’uu kan dubbatan Institiyutichatti hojii raawwachiisaa dursaan Qophii Sadarkaalee, Obbo Yilmaa Mangistuu, qabiyyee soorataasaafi jiidhasaa, yeroo saamsamuutti tuxuqaa qabuu akkasumas ibsa saamsa isaarratti maalummaafi yeroo itti faayyiidaarra oolfamu kan hammatuudha jedhan.
Haalli jireenya hawaasaa jijjiramaa kan jiru waan ta’eef shiroo qopheessuurra bitachuun waan barameef, sadarkaa baasuufiin ‘‘murteessaa’’ akka ta’e himu itti gaafatamaan kun.
‘‘Qabiyyeen soorata ittoo beekamuu qaba. Maaltu keessasaa jira? Pirootiinii qabu? Haaluma walfakkaatuun wayita bilcheeffamu, yoo saamsamu ykn adeemsa oomishaarratti kan ittiin wantoota fayyaaf miidhaa ta’an itiin ittifnuudha’’ jechuun barbaachisummaa ittoo shirootiif sadarkaa baasuu himu Obbo Yilmaan.
Sadarkichi hamma soogidda isaa, yeroo fayiidaasaa, qabiyyeewwan tursiisuuf jedhamee itti fayyadamu dabalatee, wantoonni itticha keessatti dabalaman hundi kan nageenya nyaataa hordofan ta’uu kan mirkanneessuudha jedhan.
‘‘Saamsa isaarratti qabiyyeen nyaataasaa sirriitti beekamuu qabaata. Qaama oomishe, qabiyyeewwansaa, yeroo faayiidaarra itti oolfamu (expire date), kkfn ni ibsamu.’’

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kun kan ta’us, nageenyummaa fayyadamtootaa eeguu bira taree biyyattiin galtee itti dabaluudhaan (value added) gochuun oomishaalee gara biyya alaatti akka ergiituuf ni jajjabeessa jechuun waa’e sadarkaa dubbatu dursaan kun.
Itoophiyaa keessa sadakaan nyaataa dhabamuun ‘‘rakkiisaadha’’ kan jedhan Obbo Yilmaan, sadarkaan shiroo kunis dhaabbilee oomisha nyaataa irra hojjatan hawwachuuf akka qophaa’e dubbatan.
Sadarkaan ittoo shiroo gaaffii Korporeshinii Paarkiiwwan Indastiriitiin qophaa’aa jira jedhames, waxicha oomishuun gurguruuf kaampaanii Jaappaan irraa fedhiin jiraachuu ittigaafatamtichi BBCtti himaniiru.
‘‘…Kaampaaniin Jaappaan tokkoo fi Paarkiin indastirii keenya Bishooftuu irratti bakka oomishaa hundeessuudhaaf adeemsa irratti argamu. Kaampaanichi adda durummaadhaan ka’umsa kan taasifate waxii shiroo sadarkaansaa eegame oomishuudhaan, saamsee dhiyeessuudha. Fedhii kana guutuuf jechadha kan sadarkaan bahaa jirus’’ jechuun maaliif sadarkaan waxii shiroo dursi akka kennameef ian ibsan.
Sadarkichi inastirii nyaataa jijjiruudhaafis gumaacha olaanaa akka qabaatu amanameera.
Koren oggeessootaa Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qoricha Itoophiyaa, Insitiitiyuutii Fayyaa hawaasaa, qaamoolee to’annoo adda addaa fi dhaabbilee barnootaa akkasumas laaboraatoriiwwan irraa miseensoota hammate, wixinee sadarkaa kanaa qopheessee xumuruun himameera.
Wixineen sadarkaa kunis erga guyyoota 60f yaada ummataatiif banaa ta’een booda mana maree sadarkaaleetiif dhiyaachuun yoo raggaasifamu qaamoolee to’ataniid akka dhiyaatu himaniiru.
Dirqiisiisummaa sadarkaalee ilaalchisee kan gaafataman Obbo Yilmaan, insititiyuutichi ‘‘dirqisiisaa taasisuus dhiisuus haaluma labsii Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaataafi Qorichaatiin dirqisiisaa ta’a’’ jedhan.
Lammiilee Itoophiyaa hedduu biratti buddeen waliin dhiyaachuun itti nyaata mummee ta’un kan beekamu ittoon shiroo, sadarkaan bahaafii jiraachu erga himameen booda miidiyaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ta’eera.
Waggoota muraasaan as maneen nyaataa keessattuu nyaata ittoo shiroo qofa qopheessuun dhiyeessan biyyattii guutuu keessatti bal’inaan kan mul’atan yoo ta’u, gatiin nyaatichaas haalaan dabaluunsaa ni beekama.












