Itoophiyaan qajeelfama haala soorataa 'fayyaa-qabeessa' jedhamu ifa gochuuf

Madda suuraa, NURUPHOTO
Itoophiyaatti qajeelfamni haala soorataa(dietary guideline) yeroo ji’a tokkoof lama gidduutti akka uummataaf ifa taasifamu Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaatti, daariktarri Qorannoon Sirna Nyaataa Dr Maasrashaa Tasammaa BBCtti himaniiru.
Daariktarichi qajeelfamni haala sorannaa fayya-qabeessa jedhamu qophaayee gara xumuraatti gahuu ibsanii, Ministeera Fayyaa fi ministeerota biroon qophaa’e jedhan.
Dr Maasrashaan barbaachisummaa qajeelfamichaa yeroo ibsan,’’hawaasni keenyi maal soorachuun qaba?’’ jechuun namni barates hin barannes ni gaafata. Kanaaf, deebii waaraa tahe kennuuf,’’ kan qophaa’e tahuu himaniiru.
Qajeelfama kana qixeessuufis ‘qorannoon bal’aa akka adeemsifame ibsaniiru. Daa’imman waggaa lamaa qabee namoota jiraniif kan qophaa’e yoo tahu, nyaata gosa kamiifi akkaataa soorataa kamtu jireenyaa fayyaalessaaf gargaara kan jedhu hubachiisa jedhan.
Kana malees haala hawaasaa fi diinagdee, sonawwan aadaa biyyattii garaagaraa qalbifachuun qophaa’es jedhaniiru.
Qajeefamini akkaataa soorataa fayyaalessaa maali?
Akka hiikkaa Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Addunyaatti qajeelfamni soorannaa fayyaalessaa, biyyoota keessatti akkaataa nyaataafi jireenyaa fayyaalessa tahe uumuuf kan bahudha.
Qabiyyeen isaas sirna soorataa irratti hundaa’uun nyaata faayidaa qabu fi haala soorannaa lammiilee sadarkaan umrii garaagaraa irra jiraniif akka yaada gorsaatti dhiyeessuu dha. Kana malees qonnaa fi akkaataa nyaata itti bilcheessan tarreessa.
Gama biraan fayyaa keenya eeguudhaafi dhukkuboota yaaddessoo ittisuuf mala nyaataa qabiyyee garagaraan badhaadhan irratti yaada kenna.
Akka dhaabbanni kuni jedhutti biyyooti addunyaa 100 ol qajeelfama kana qabu.
Afrikaatti biyyoonni torba qajeelfama kana kan qaban yoo tahu ardiilee kaanirra gad-aanaa dha. Biyyoota Afrikaa keessaa Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Siisheels, Naayijeeriyaa, Beeniin, Naamibiyaa fi Seeraaliyoon qajeelfama akkaataa soorrannaa kana qabu.
Yeroo ji’a lamaa gaditti qajeelfama kana ifatti beeksisuuf kan beeksiste Itoophiyaa Afrikaatti biyya saddeettafaa akka taatu eegama.















