Covid-19: Vitaamin D akkamiin koronaavaayirasii ittisuuf gargaara?

Wanta daa'ini vitaaminii aduu fakkaatu yeroo fudhatu agarsiisu

Vaaytamiin Dn lafee, ilkaanifi maashaan akka jabaataafi fayyaalessa ta'u gochuuf gargaaruuun isaa ni beekama. Amma garuu saayintistoonni dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa cimsuurrattis ga’ee ijoo qaba jedhanii amanu – kanaaf, akka qaamni vaayirasiiwwan akka Covid-19 ofirraa ittisuu danda'u gargara.

Vaayitaamin D maalidha?

Vitaaminiin akka aduu fakkaatutti tarreeffamee

Madda suuraa, Getty Images

Vaaytaamin Dn yeroo gogaan keenya ifa aduu argatu waan uumamuuf “vaayitaaminii ifa aduu’ jedhamee beekama.

Erga meetaabolizimii keenya keessa seenee booda, qaamni keenya Kaalshiyeemiifi Fosfeeti akka funaannatuuf gargaara. Akka qorannoon jedhutti ammoo keemikaalonni kun ilkaan, maashaafi lafee fayyaa akka qabaannuuf nu gargaara.

Qorannoowwan Baayoomedikaalaa akka mul’isutti dhibeewwan lafee kan akka Rikeetsi, Osteyomalishiyaafi Osteyoporosis jedhaman hanqina vaayitaamin D irraa kan dhufanidha.

Yunvarsitii Kolleejii Koork, Ayerlaanditti qorataan vaayitaamin D, sirna nyaataafi fayyaa lafee Piroof Keevin Kaashmaan garuu bu’aan vaayitaamin D kanarra kan caaludha jedha.

“Waggootii digdaman darban keessatti, vaayitaamin Dn lafee keenya eeguu caalaa wantoota barbaachisaa biroo akka qabu qorannoowwan haaraan ba’aa jiru,” jedha.

“Vaayitaamin Dn sirna dhibee ittisuu qaamaa keenya to’achuuf ni gargaara.”

Vaayirasiwwan akka Covdid-19 ittisuuf vaayitamiin Dn ni gargaaraa?

Piroof Kaashmaan qorannoowwaan saayinsii olaanoo, "Miidhaa hanqinni vaayitamiin D fayyaa irratti uumuufi miidhaa Covid-19 qaama irratti uumu gidduu garaagaarummaan jiru xiqqaa akka ta’e,” ni mul’isu jedha.

Ta’us garuu kun, "Ittisaafi wallaansa Covid-19f ammatti," vaayitaminii kana fayyadamuu kan jedhurra ga’uu ragaan kun ga’aa miti jedhu.

“Ammatti ilaalchi jiru ragaan cimaa ta’e jiraachuu dhabuu isaadha; ta’us garuu yaaliwwaan gaggeeffamaa jiran jiru, Ragaaleen haaraas argamaa jiru. Covid-19 reefuu waggaa tokko waan ta’eef ragaa argachuuf yeroo ni fudhata.

Vaayitamin D eessaa arganna?

Akka Piroof Kaashmaan jedhutti madda vaayitaamin D isa guddaa kan ta’u ifa aduudha. Garuu hangi isaa kan hundaa’u cimina gogaakee irratti yoo ta’u, kun ammoo addunyaa irraa bakka ati jiraattufi waqtii irratti hundaa’uun ni gegeddarama.

Akka seera waliigalaatti. gara sabbata lafaatti yeroo siqxu, ifti aduu waan cimuuf, caalaatti vaayitaamin D ni argatta.

Ta’us garuu nannoolee akka Indiyaafi biyyootiin Afrikaa hedduun hanqina vaayitamin D qabaachuun kan dursanidha.

Kun maaliif?

“Sababa aadaa adda addaan ta’uu danda’a, uffannaa amantaas ta’e ykn namootni aduu guyyaa walakkaa irra jiru baqachuun mana keessa turanis ta’uu danda’a,” jedha Piroof Kaashman, faalamni qilleensaa ifa aduu haguuguufi magaalaa keessa jiraachuus akka sababa biraatti kaa’uun.

Sababni biraa halluu gogaa keenyaan wal qabachuu danda’a. Qorannoon European Journal of Clinical Nutrition maxxanfame akka agarsiisutti uummata Awuroppaa keessaa hanqina vaayitamin D kan qaban %12 dha.

Garuu, “yeroo saboota biyyootii Awurooppaa keessa jiran yemmuu ilaaltu lakkoofsi kun dachaa lamaan ykn sadiin dabala,” sababiin isaas melaaniin uumamaan ifa aduu waan ittisuufidha.

Vaayitaamin D akkamiin nyaata keenya keessatti arganna?

Wanti gaariin nyaatni akka qurxummii zayita qabanii, foon diimaa, hanqaaquufi nyaatni aannan irraa oomishaman madda vaayitamin D biraa ta’uu danda’u. Ta’us garuu namoota hedduuf, vaayitaamin D karaa nyaataa qofa argachuun ni cima.

“Nyaatni vaayitamin D qaban hedduun isaanii bineensarra kan dhufanidha. Biqiltoonni uumamaan vaayitaamin D hin qabani.

Kana jechuun, namootni biqiltoota qofaa nyaatan ykn nyaata foon qabu argachuuf maallaqa isaa hin qabne, hanqinaaf ni saaxilamu jechuudha,'' jedha Piroof Kaashman.

Gama biraan dhaabbileen fayyaa uummataa hedduun guyyaatti yoo xiqqaate vaayitamiin D maayikroogiraamii 10 argachuun gaarii akka ta’e ni gorsu.

Ta’us garuu maayikroogiraamii 100 ol yoo ta’e miidhaa uumuu danda’a. Yeroo dheeraaf vaayitamiin D humnaa ol soorachuun qaama keenya keessatti Kaalshiyeemiin akka heddummatu godha. Kunimmoo lafee keenya laaffisee kaleefi onnee keenya miidha.