Covid-19: Qajeelfamni Covid Itoophiyaatti har'a hojiirra oolu maal fa'i dhorke?

Madda suuraa, Alexander Sanchez
Itoophiyaa keessatti tatamsa'inni koronaavaayirasii haala yaaddeessaa irra gahusaatiin walqabatee, biyyattiin qajeelfamoota dhukkubicha to'achuuf dandeessisa jette baaftee jirti.
Qajeelfamni 30/2013 jedhame kunis har'a Bitooteessa 29, 2021 irraa kaasee hojiirra oolfama. Kanaanis namoonni qajeelfama kana cabsuun argaman irratti tarkaanfiiwwan seeraa akka fudhatamu ibsameera.
Gochoonni qajeelfama kana jalatti dhorkaman maal fa'i?
- Namni Covid-19n qabame tokko osoo vaayirasiin qabamuu beeku gara biyya keessaa galuu, hawaasa waliin waliitti makamuu ykn haala vaayirasichi namoota biraatti darbu danda'un namoota biraa waliin wal arguu ni dhorka.
- Harka wal fudhuufi tuttuqqaa qaamaa taasisuu ni dhorka.
- Namoota rakkina fayyaa qabaniifi daa'imman waggaa 6 gadiitiin alatti osoo maaskii hinkaawwatiin socho'uun dhorkaadha.
- Dhaabbilee kamuu keessatti hojjattoonni fageenya isaanii eeggachuu qabu. Tajaajilamtoonnis tajaajila kan argatan yoo maaskii kaawwatan qofaadha.
- Dhaabbileen barnootaa kamuu osoo qajeelfamoota fayyaa hinhordofiin tajaajila kennuu hindanda'an.
Dirqamootni kaa'aman kami?
- Namni Covid-19n qabameera jedhee shakku tokko qoratamuun vaayirasichi gara namoota biraatti akka hindabarreef of eeggannoo barbaachisu taasisuuf itti gaafatamummaa qaba.
- Namni dhukkubichaan qabameera jedhamee shakkamu jiraachusaa namni beeku kamuu dirqama qaama dhimmisaa ilaalatutti beeksisuu qaba.
- Qaamni tajaajila geejjibaa kennu kamuu namoota maasksii hinkaawwaneef tajaajila kennuu hinqabaatu.
- Dhaabbileen motummaafi dhuunfaa tatamsa'ina Covid-19 ittisuuf ittigaafatamummaa tarkaanfiiwwan of eeggannoo kabajuufi kabachiisuu qabu.
Of eeggannoowwan tibba kunuunsa mana keessaatti raawwatamu qaban
Qajeelfamichis wal'aanamaan mallattoo salphaa ykn Covid-19 irratti hinmul'anne tokko mana keessatti tajaajila wallaansa Covid akka argatu taasifama jedha.
Namni Covid-19 dhukkubsate ykn qabameera jedhamee shakkamu tokko adda baafamuun, kutaa qilleensi haala gaariin galu keessatti guyyoota 14'f turuu qaba.
Namni mana keessatti adda of baasee jiru tokkoos, yoo mallattoowwan Covid-19 itti cimaa dhufe battalumatti dhaabbata dhimmisaa ilaalatuutti bilbilaan gabaasa taasisuu qabaata.
Gama to'annoo fayyaa daangaarraa ilaalatuun
Imaltoota itti fufan (tiraanziitii)n alatti, imalaan umuriinsaa waggaa 10n ol ta'e kamiyyuu karaa buufata qilleensaatiin kan seenee yoo ta'e, biyya irraa dhufe irraa ragaa Covid irraa bilisa ta'uu mirkaneessu kan sa'aatii 120 ol hintaane qabaachuu barbaachisa.
Akkasumas namoonni baqannaa irraa deebi'an yoo biyya irraa dhufan irraa ragaa dhukkubicha irraa bilisa ta'usaanii mirkanneessu kan sa'aatii 120 hincaalle yoo qabaachuu baatan, saamudi fudhatamee hanga bu'aan qorannoosaanii dhufuutti teessoon isaanii galmaa'uun mana isaaniitti adda of baasuun turuu qabaatu.

Madda suuraa, Getty Images
Sirna awwaalchaa, reeffa gaggeessuufi sirna gaddaa ilaalchisee
Maatiin nama du'ee wayita reeffa dhaabbata fayyaa ykn biyya alaa irraa fudhataniitti, reeffa ykn saanduuqa reeffaa waliin tuttuqqaa kamuu akka hin taasifneef ittigaafatamummaa qabu.
Wayita duuti dhaabbata fayyaatiin alatti mudatuutti ammoo, haalli reeffa itti kafanamu fageenya tarkaanfii nama gaheessa tokkoo lama eeggachuun ta'uu qabaata.
Namoonni reeffa sirreessaniifi kafanan guwaantii harkaa, maaskii fuulaa, gaawoonii pilaastiikiin hojjatamee fi haaluma barbaachisuutti haguggii ijaa ykn manatsirii kaawwachuu qabu.
Maatiin nama du'ees siree inni ciisaa ture, meeshaalee ittiin fayyadamaa tureefi naannoo isaa turan, lafa manaafi meeshaalee kanneen biraa nama du'e sana waliin tuttuqqaa qaban hunda keemikaala farra vaayirasiitiin akka qullaa'u taasisuu qabu.
Namni lafa bo'ichaatti argamu kamuu maaskii kaawwachuufi tarkaanfiiwwan of eeggannoo taasisuuf dirqama qaba. Sirna awwaalchaa irrattis namoota 50 hincaalle qofaatu argamuu qaba.
Akkasumas namni tokko koronaavaayirasiin erga du'ee booda sa'aatii 24 keessatti akka awwaalamu taasisuun dirqama maatiiti.
Duuti kan mudate dhaabbilee fayyaa keessatti ykn reeffi biyya alaatii kan dhufe yoo ta'e, maatiin nama du'ee sanaa reeffa erga fudhatanii booda, gara manaatti osoo hingeessiin dirqama kallattiin gara iddoo awwaalchaatti geessuu qaba.
Namni boo'icha dhaqu kamuu maaskii kaawwachuu, osoo mana boo'ichaa hinseeniin duraafi erga bahanii booda harka saanii bishaaniifi saamunaan dhiqachuu ykn saanitaayizaraan qulleeffachuu qaba.
Haala sirna amantaafi ayyaanoota addabaabaayii itti kabajamu ilaalchisee
Namoonni qophiiwwan amantaa irratti hirmaatan maaskii afaaniifi funyaan haguugu kaawwachuuf dirqama qabu.
Qophiileen amantaa kamiyyuu waliirraa fageenya tarkaanfii nama beekaa tokkootiin gadi walitti maxxanuun gaggeeffamuu hinqabu. Baay'ina lakkoofsa namootaa eddoon sun qabachuu qabu harka tokko afraffaa kan hincaalleen gaggeeffamuu qabaata.
Kana malees qajeelfamni kun qophiileen addabaabaayii namoonni hedduun irratti hirmaatan osoo gaggeefamuu baatee ni gorsa. Qophicha gaggeessuun dirqama yoo ta'e ammoo, namoonni sirnicha irratti argamaniifi kanneen qopheessan hundi maaskii kaawwachuufi meetira lama waliirraa fagaachuun dirqama.
Baay'inni namoota qophii addabaabaayiitti gaggeeffamu irratti argamuu qabanis baay'ina eddoon sun qabachuu danda'u keessaa harka tokko afraffaa qofa ta'u mirkanneessuu qaba.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Tarkaanfiiwwan of eeggannoo tibba walgahiitti fudhatamuu qabaatan
Haala qajeelfama fayyaa hordofeen osoo hayyama dabalataa hinbarbaadiin hanga namoota 50 ta'uun walitti qabamuun ni danda'ama.
Yoo namoota 50 ol ta'un walitti qabamuun dirqama ta'e ammoo, bakka walgahichi itti gaggeeffamuuf yaadame xiyyeeffannaa keessa galchuun, baay'ina namootaa bakkichi qabatu keessaa harka tokko afur kan hincaalleef qofa hayyamni addaa Ministeera Nagaa fi caasaalee nageenyaa sadarkaan argaman irraa dursaan argachuu barbaachisa.
Qaamni walgahicha waameefi hirmaattoonnis qajeelfama fayyaa hodofuun dirqama.
Tarkaanfiiwwan of eeggannoo iddoowwan bashannanaatti
Kaaffeewwan, manneen dhugaatiifi resitoraantoonni minjaala tokkoorratti namoota sadiin ol keessummeessuun kan dhorkame yoo ta'u, minjaaloota jidduuttis fageenyi meetira lamaa jiraachuu qaba.
Bakkeewwan kanneenitis fayyadamtoonni wayita nyaataniifi dhuganiin alatti akkasumas keessumeessitoonni maaskii kaawwachuun dirqama.
Dhaabbileenis meeshaalee fayyadamtoonni ittiin dhimma bahan hunda keemikaala farra vaayirasitiin qulleessuuf dirqama qabu.
Dhaabbilee qaamooleen hawaasaa saaxilamoon keessatti argaman
Namoonni buufataale maanguddootaafi bayyanannaa keessatti argaman qaamaan gaaffachuu dhorkaadha.
Adeemsi namoota mana sirreessaatti argaman qaamaan dhaqanii gaaffachuu, gaafataafi sirreeffammaa jidduu qaamaan fageenyi tarkaanfii lamaa eeggachuu qabaata.
Sirreeffamaafi namni gaafatus maaskii kaawwachuu qabaatu, akkasumas gaafataan osoo dallaa mana sirreessaa hinseeniin duraafi erga baheen booda bishaaniifi saamunaan harkasaa akka dhiqatu akkasumas saanitaayizariin akka qulleeffatu taasifamuu qabaata.
Namni dhorkaafi dirqamawwan labsii qajeelfama kanaa keessatti kaa'aman darbe kamiyyuu haaluma seera yakkaa dhimmicha ilaalatuutiin itti gaafatamaa ni ta'a jedha qajeelfamni kun.













