Pirezidantonni bara aangoosaaniin booda mirgaa fi faayidaalee akkamii argatu?

Pirezidant Sahila Warqi Zawude Wiixata har'aa (Onkoloolessa 7, 2024) waaree booda Kora waloo Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa fi Mana Maree Federeeshinii irratti haasaa baniinsaa taasisuun ni eegalsiisu.
Pirezidanti Sahila Worqii kan muudaman waggaa ja'a dura. Heerri mootummaa biyyattii ''yeroon pirezidantiin tokko aangoorra turu waggaa ja'a. Namni tokko yeroo lama caalaa pirezidantii ta'uu hin danda'u,'' jedha.
Yeroon hojiisaanii xumuramuuf torban sadii gadi kan hafeef Pirezidant Sahila Worqi marsaa lammataaf itti gaafatamummaa kanarra akka hin turuu akka hin dandeenye maddeen BBCtti himaniiru.
Maddeen pirezidantii kanatti dhihoo jiran Sahila Worqi yeroon aangoosaanii erga obba'ee booda pirezidantummaan itti fufuu dhiisuu akka danda'an BBC'f mirkaneesseera.
Pirezantittiin dhuma torbee darbee X (duraan twitter kan ture) irratti ergaan maxxansan bitaa kan namatti galuudha.
Xumura ergaasaanii irratti ''akka gaddan'' fi ''bahaa fi galli'' akka harkaa bade, kanaaf ammoo deebiinsaa ''callisuu'' qofa akka ta'e ibsan.
Barreeffamasaanii gabaabduu kana wayita goolabanis filannoo callisuu kana ''waggaa tokkoof'' akka yaalan ibsaniiru.
Yeroon aangoosaanii xumuramee, isa booda marsaa lammataaf kan itti hin fufne yoo ta'e mirgootaa fi faayidaalee akkamii qabaatu laata?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aanga'oonni mootummaa fi dureewwan biyyaa, miseensonni mana maree, abbootiin murtii wayita aangoorraa ka'an mirgootaa fi faayidaalee argatan labsiin murteessu waggaa 16 dura ba'ee ture.
''Dureewwan biyyaa fi mootummaa, aanga'oonni olaanoo mootummaa, miseensonni mana maree fi abbootiin seeraa imaanaa uummataa baachuun biyyaa fi uummataaf kan hojjetan ta'uusaaniin wayita aangoorraa kaafaman jireenya gadadoof akka hin saaxilamneef, miidhaaf akka hin saaxilamneef eegumsaa fi dahoo ta'uufiin barbaachisaa ta'uu,'' seensa labsii kanaarratti eerameera.
Labsiin kun ministirri muummee fi pirezidantiin yoo aangoorraa kaafaman mirgoonni eegamuufii qabuu fi faayidaa argachuu qaban bal'inaan ibseera.
Bu'uura labsii kanaan pirezidantiin, ministirri muummee fi ministirri muummee itti aanaan yoo aangoorraa ka'e/kaate faayidaaleen argatan walfakkaataadha.
Haala kanaan pirezidantiin aangoorraa ka'e/kaate mindaan kaffalamaafii ture akkasumas durgoon ture erga aangoorraa ka'aniif adda hin citu.
Dabalataan yoo pirezidantii aangoorra jiruuf sirreeffamni mindaa fi durgoo taasifame, pirezidantiin aangoorraa ka'e kanarraas fayyadamaa ta'a jedha labsiin kun.
Labsiin kun pirezidantii aangorraa bu’an ''ofiisaaniifi maatiisaanii ittiin jiraachuuf kan oolu mindaa hojjattootaa dabalatee, mana jireenyaa kutaa ciisichaa afurii hanga shanii qabu ni kennamaaf'' jedha.
Pirezidantiin aangoorraa bu’aniifi maatiinsaanii, biyya keessaafi biyya alaatti baasii motummaatiin wallaansa ni argatu.
Tajaajillii wallaansaas haaluma jiruun dhaabbilee mootummaa fi dhunfaatti akka kennamu kan eeruu labsiichi, ''abbaan mirgaafi maatiinsaanii dhaabbata fayyaa biyya keessaatti ciisanii yoo wallaanaman, wallaansichi kan kennamu sadarkaa tokkoffaan ta’a,'' jechuun kaa’a.
Kana malees, pirezidantiin aangoorraa kaafaman, eegdoonni nageenyasaaniifi maatiisaanii tiksan ni ramadamuuf.
Gosti eegumsa ramadamuufi baayyiinni qaama eegumsa taasisuun kan murtaa’u ta'uu labsicharratti barraa’eera.
Ministirri Mummee erga gara aangootti dhufanii booda kan hundeeffame Riippablikaan Gaardiin pirezidantoota aangoorraa bu’an, ministira mummee fi ittaanaa ministira mummeetiif eegumsa taasisuu itti gaafatamummaa akka qabu danbii hundeeffamaa keessatti eerameera.
Haala pirotokoliin wal qabateen, pirezidantiin aangoorraa kaafaman, paaspoortii dippilomaatii, tajaajila VIP fi tajaajilawwan pirotokolii itti gaafatamummaa duraan qaban madaalu hunda biyya keessaa fi biyya alaatti akka argatan labsichi ni kaa’a.
Haaluma labsichaatti pirezidantiin duraanii ''konkolaattoonni sadarkaasaanii eeggattan sadi imalaaf mootummaadhaan,'' ni ramadamuuf.
Mindaan konkolaachisaa, baasiiwwan suphaafi boba’aa mootummaadhaan akka kanfalamu labsa labsiichi.
Pirezidantoonni bara aangoosaanitiin boada bilbilawwan idilee baasiinsaa mootummaadhaan kanfalamu lama mana jireenyaasaanii keessattiifi bilbila harkaa tokko ni qabaatu. Pirezidantiichi/ttiin bara aangoosaaniitiin boda kan tajaajila ummataa irratti hrimaatan yoo ta’e, magaala manni jireenyaasaanii keessatti argamu irratti tajaajilli biiroo akka kennamuuf labsicharra kaa’ameera.
Kana malees barreessituu ofiisaanitiin filataniifi ogeessa mindaa kanfalaniif tokko ni qabaatu. Haala labsichaatiin, kompitara, bilbila, intarneettii, poostaa fi kkf biiroof barbaachisu mootummaan ni guutamaaf.
Pirezidantiin bara aangoosaanii xumuran yoo du’aan boqatan, ‘‘duutiisaanii miidiyaadhaan ummata Itoophiyaatti himama’’ akkasumas ‘‘biyyattii guutuutti guyyaan gaddaa tokko ni labsama’’ jedha labsichi.
Fayyadamaan mirgoota kanneenii du’usaaniitti ‘‘tajaajiloonni mana jireenyaa, wallaansaa fi eegumsi nageenyaa maatiif kennamu adda hin citu’’ jedhan labsiin kun.
Pirezidantii Itophiyaa jalqabaa kan turan Dr Nagaasoo Gidaadaa erga aangosaanii fedhiisaanitiin gadhiisaniin booda, faayidaawwan isaaniif malu kan argatan waggaa afur qofaaf ture. Erga dhunfaadhaan dorgomuun miseensa miseensa mana marii ta’aniin booda faayidaansaanii adda cite ture.
Waggaa jahaan dura koreen Jidduugala OPDO duraanii, faayiidaawwan garaa garaa akka argataniif murteessuun isaa ni yaadatama. Dr Nagaasoon kanfaltiin sooramni waggootaaf ittiin jiraataa turan ji’aan birri 2,295dha.
Bara 1987 irraa kaasee waggoota torbaaf pirezidantii kan turan Dr Nagaasoon Ebla ALI bara 2011tti du’aan boqatan.
Isaaniitti aanuudhaan wagga lamaaf kan biyyattii pirezidantummaan tajaajilan Ajajaa Dhibbaa Girmaa Waldagoorgiis yoo ta’na, Dr Mulaatuu Tashoomaa pirezidantii sadaffaa riippablikichaa akka turan ni yaadatama.
Aangoo pirezidantummaa marsaa tokkooffaa xumuraa fi komii ibsataa kan jiran Saahila Warqi Zawudee akkuma jedhame aangoo kan itti hin fufne yoo ta’e, faayiidaawwan argamaan olitti eeraman kan eegamaniif ta'a.












