Pirezidantiin Itoophiyaa duraanii Saahilawarqi Zawudee maaliif 'callisuu' filatan?

Pirezidanti Saahila Warqi Zawude
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidanti Saahila Warqi Zawude

Paarlaamaan bara hojiisaa ALI 2017 akka eegalu beeksiisee guyyaan lama yoo hafuu, pirezidanti Saahila Warqi Zawudee ergaan miidiyaa hawaasaa isaaniirratti qoodan, guyyoota darbaniif ijoo dubbii ta'uun tureera.

Hanga ammaattis pirezidantiin tun maal akka mudateefi maaliif ergaa ifa hin taane sana dabarsuu akka barbaadan deebiin hin argamne.

Diippilomaatii gameettiin tun gara aangoo pirezidantiitti kan dhufan Ministirri Mummee Abiy Ahimad aangoo qabachuu hordee ture.

Yeroo sanatti MM murtee dubartoota hedduu gara aangootti fiduudhaan biyya keessaafi biyya alaarraa deeggarsa oolaanaa argamsiiseen ture pirezidanti Saahila Worqi gara aangootti kan dhufan.

Pirezidanti Saahila Worqi yeroo MM Abiyyiin pirezidantummaaf filatamaniitti Finfinneefi Naayiroobiitti ittigaafatamtuufi bakka buutuu, Dhaabbata Biyyoota Gamtomanii ta'udhaan dhaabbaticha keessatti, Barreessaa Olaanaatti aanuudhaan aangoo olaanaa kanneen qaban keessaa tokko turan.

Jijjiirama siyaasaa MM Abiy Ahimad waggaa jahaan dura gara aangootti fide keessatti ture Pirezidantii Saahila Worqi qofaa osoo hin taanee lammiilee Itoophiyaa addunyaa mara jira kan hawwate ta'usaatiin alatti hedduun gahee mataasaanii gumaachuuf hayyamamoo akka turan ni yaadatama.

Guraandhala dhufaa waggaa 75 kan ta'an Pirezidantii Saahila Worqi, seenaa Itoophiyaa keessatti dubartoota dippilomaatummaan muudaman keessaa kanneen jalqabaa yoo ta'an, ijoollee dubaraa lamas godhataniiru.

Erga Saahila Worqi aangoof filatamuunsaanii dhagahameen booda, hedduun damee dippilomaasii kan ittiin muxannoo waggoota hedduu qabaniin muudamu akka danda'an yoo tilmaaman, ministira dhimma alaa ta'u akka danda'anis yaanni ka'aa ture.

Kanaanis kan ka'e yoo pirezidantii ta'un muudamanitti, eddichi kan ittigaafatamummaa fi aangoo olaanaa hin qabneedha jechuun kan qeeqanis turan.

Kaan ammoo aangoo pirezidantummaatti fayyadamuun mallattoo biyyaa ta'udhaan dubartummaafi muxannoo qabaniin hojiiwwan bu'aa qabeessa hojjachuuf carraa qabaachu akka danda'an kaasaa turan.

Pirezidantiittii kan garaa hammeesse maaliidha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidanti Saahila Worqi Zawude Samabata Onkololeessa 5, 2024 ergaan toora X isaanii irratti himawwan sirba aartiistii beekamaa Mahimuddi Ahimad eeruudhaan barreessan hordoftoota miidiyaa hawaasaa ishee bitaa itti galee ture.

Ta'us ammoo pirezidantiin himni walaloo sirbichaa keessaa fudhachuun, yaanni barreessan, akka garaan hammeesse fi kanaafis deebiinsaanii ''calliisuu'' akka ta'e barreessan.

Dhuma barreeffama isaaniirrattis filannoo calliisuu ''waggaa tokkoof'' akka yaalan ibsaniiru.

Pirezidantiittiin garuu rakkoon akka calliisuu filatan ishee taasisee qaama kam irraa akka isaan mudatee fi maala akka ta'e ifatti kan jedhan hin jiru. Waajjiirri isaanitis waa'ee pirezidantiittiin toora dhunfaasaanii irratti barreessan kanaa omaa akka hin beekne ibseera.

BBCn jalqaba torban darbee keessa pirezidanti Saala Worqi aangoo gadhiisuuf yaadaa akka qaban odeeffannoo argatee, garuu yaaliin namoota itti dhiyaatan irraa qulleeffachuuf taasise hin milkaa'in hafeera. Haata'u malee barreeffamni qoodanis waa'ee aangoo gadhiisuu kan agarsiisuu hin qabu.

Pirezidantiittiin erga barreeffama sana qoodanii booda waanti mudate yoo jiraate jechuun namoonni lama gaafatamaniiru. Pirezidantiittiin waggoota darban dhimmoota raawwatan irratti keessattuu waraana biyyattii eddoowwan garaagaraatti gaggeeffamaniitti gammadoo akka hin taane akka beekan dubbachuun alatti qabatamaan kana jechuu akka hin dandeenye ibsan.

Namni Pirezidantii tanatti siqaniifi maqaansaanii akka hin eeramne barbaadan tokko akka jedhaniitti, haawaasawwan aangooftuun tun sirnoota garaa garaa irratti taasisaniin kan ka'e ergaawwan MM Abiy gamadoo akka hin taaneen karaa al-kallattii ta'een akka qaqabu beeka jedhan.

Kanaanis kan ka'e pirezidantiittiin gammadoo akka hin taanee fi Mana Maree bakka bu'oota ummataafi qophiilee waggaa muraasa irratti Ministira Mummee waliin wal arguurraa kan hafe akka MM fi akka Pirezidantiitti jidduusaaniitti walitti dhufeenyi cimaafi mariin akka hin jirre ibsan.

Pirezidanri Saahila Worqi ergaa gabaabaan amma qoodan kana ilaalchiisuun namni biraa yaada BBCf kennan, miidyaa hawaasaa ofiisheerrattu ofiin akka barreessitu akka beekan kaasuun, barreeffamichi kanuma ishee ta'u akka danda'u mirkanneessuuf ammoo tilmaamaan ala mirkannaan dubbachu akka hin dandeenye ibsan.

Tilmaamni jiru pirezidantiittin komiishee ifatti barreessuu kan barbaaddee walgahii waloo mana maree federeshinii fi mana maree bakka bu'oota ummataa har'a Onkoleessa 7, 2024 gaggeeffamu irratti haasaa taasiisaniin wal qabatee ta'u danda'a kan jedhuudha jedhan. Waggaa waggaan yeroo manneen marii hojii eegalan pirezidantiittiin haalaa waliigala biyyattii irrattii fi karoora mootummaa ilaalchisuun haasaa akka taasisan beekamaadha.

Akka madda BBCtti, haasawwan pirezidantiittiin waltajjiiwwan garaa garaa irratti taasisaniin MM Abiy dabalatee aanga'oonni siyaasaa olaannoo hedduun gammadoo akka hin turre kaasuudhaan, tarii haasaa Wiixata taasifamurratti waliigaltee dhabuun umamee ta'u mala jedhan.

Pirezidanti Saahila Worqi MM Abiy Ahimad waliin guyyaa itti paarlaamaatti mudaman

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidanti Saahila Worqi MM Abiy Ahimad waliin guyyaa itti paarlaamaatti mudaman

Dhumisaanii maal laata?

Waggoota jahan darban keessaa jijjirama Itoophiyaatti umammee hordofuun MM Abiyiin affeeramuun osoo paartii siyaasaa kamu waliin hidhata hin ummatiin oggeessoonni maqaa gaarii fi dandeettii qabaniin gara aangoo garaa garaatti dhufan, sababiiwwan garaa garaatiin waltajjii irraa fagaataa jiru.

Namoota aangoo ijoo jedhamurra turaniifi waggaa darbe keessaa ofiin aangoo gadhiisan keessaa walitti qabduu boordii filannoo Birtukaan Miidhaqsaa, pirezidantii mana murtii waliigalaa, Ma'aazaa Ashanaaffii akkasumas komishinara komishinii mirga namoomaa, Dr daani'el Baqalaa ni eeramu.

Pirezidanti Saahila Worqi kan namoota kanneen waliin gara aangootti dhufanis, itta aansee kanneen aangoo gadhiisan keessaa ta'u akka danda'an baroota darbe waliin kan hojjatan fi namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.

Waggoota darban keessa keessattuu yeroo waraanni gaggeeffamuufi haleellaawwan raawwatamaniitti gaddishee cimaa ta'u namoonni itti dhiyaatu BBCn dubbise ibsaniiru.

Keessattuu walitti dhufeenyi Ministira Mummee Abiy kan baniinsa manneen mariifi qophiilee waggaa qofa irratti wal argan waliin qaban hanga eegamu ta'u dhabuunsaa, pirezidantiittiin qofaatti adda bahuudhaan masaraa keessatti akka hafaniifi wantoota mootummaa keessatti raawwatamaniif orma taasisuun akka hin ollee maddi kun ni dubbatu.

Waraanni Tigraayiitti gaggeeffame keessattuu miidhaan dubartoota irraan gahe akka isaan gaddisisuu irra deddebiin akka dubbatan kan ibsan maddi BBC kun, isa waliinis walitti bu'insooti naannoo oromiyaafi Amaaraatti gaggeeffamuun baayyee akka siaan yaaddeessuufi atattamaan furmaata nagaa akka argatu akka barbaadan himan.

Pirezidanti Saahila Worqi yeroo tokko af-gaaffii TV EBC irratti kennaniin, wanti har'a hojjatan akka jireenya ogummaasaaniitti ijaaraniifi muuxannoo kuufatan akka jalaa hin diigneef akka of eeggatan dubbatan.

Yeroo baayyee waa'ee dubartootaafi ijoollee yoo dubbatan kan dhagahaman pirezidantiin tun, barriisaanii rakkiisaa ta'u kaasuun, seenaan yoo kaafamu, ''Itoophiyaan yoo rakkoo akkasii keessa dabartuutti pirezidantii dubartii qabdi turte jedhamee gamagamamunkoo hin hafu. Maal gochuun danda'a ture kan jedhu gaaffii gara biraati, Garuu kana udhachuun qaba'' jedhan.

Seenaan duubee Pirezianti Saahila Worqi ittiin gara aangootti dhufan hayyoota siyaasaa biyyattii dursaniin adda waan ta'eef, garaagarummaan sabummaa ummattoota biyyattii jidduu jiru akka laafattuufi akka biyya waloodhaa tokkoommaan dhaabbataniif taateewwan hedduurratti gorsaniiru.

Bara darbe baatii Guraadhnalaa keessa MM dabalatee aanga'oonni olaanoon biyyatti akkasumas dippilomaatoonni biyyoota garaagaraa kan irratti argaman, sirna godaambaan yaadannoo injifannoo Adawwa wayita eebbiifameetti, Itoophiyaanni Adawaatti duulan kan amantaafi sabaan filataman akka hin turre kan dubbatan pirezidantiittiin, ''biyya oolchuun garaagarummaa keenyaan oliidha'' jechuun ni yaadatama.

Sirna aanga'oonni naannoolee irratti hirmaatanii turan sanarratti, Pir. Saahila Worqi dursuun haasaa kan taasisan Kantiibaa Adaanachii fi MM Abiy yoo ta'an, kun namoota tokko tokko biratti gaaffiin pirotokolii akka ka'u taasisee ture.

Yeroo Pirezidantiittiin gara waltajjichaatti affeerramanittis kan MM Abiyiifi Kantiibaa Adaanachi jedhaniin ala jechuu akka hin dandeenye dubbachuun, biyyattii keessatti garaagarummaawwan umaman furuudhaaf qawwee kaasuu baramuu''...obboleessi obbooleessarratti ka'un biyya kan boonsu miti'' jechuun, ''garaagarummaa biyyattii keessa jiru haala tasgabbaa'een mariidhaan furuun'' barbaachisaa ta'u kaasa,

Rakkooleen biyyatii bakkeewwan garaa garaatti mudatan dhimmoota ijoo ishee yaaddeessan ta'u kan kaasan ammoo nama itti dhiyaattu kan biraati. Keessattuu waggoota darban muraasatti haaloon tasgabbaa'urra itti caalaa deemuun, dhuma marsaa aangosaanitiin booda pirezidantummaan itti fufuu dhiisuu akka danda'an dubbatu.

Keessattuu bara darbe taateewwab garaagaraarratti baatiin Onkololeessa 2024 kun kan dhumaasaanii akka ta'u namoota itti dhiyaaataniitti kaasaa turan. Dhugaattis aangoon pirezidaantummaa marsaa jalqabaa waggaa jahaa kan xumuru baatii Onkololeessaa kanadha.

Pirezidantummaadhaan mudamuun kan argatan caalaa eddoo dhaabbata UN keessaatti bu'aa argataa turan dhiisuun gara aangootti kan dhufan Saahila Worqi Zawudee, ''biyyakoo Itoophiyaa kanaan na geessee tajaajiluun olmaashee seebisuuf carraadha'' jechuun amanaa akka turan kan ibsan maddeen kunneen, hawiisaanii kana hangam akka milkeessaa garuu akka hin beekne kaasu.

Waggoota darban keessa hanga hojjachu barbaadan milkeessuu akka hin dandeenye gara biraatiin hubachuun ni danda'ama kan jedhan maddi kun, tarii amma ''garaan hammatee'' calliisuu kan filatanis kana caalaa itti fufuu waan hin dandeenyeef baatii Onkololeessaa eeggataa waan jiraniif ta'e jedhu.

Pirezidantii arfaffaa rippablikichaa

ADWUI aangoo qabatee erga caasaa federaalaa haaraafi heera mootummaa biyyaaf boceen booda, waggoota 30n turan keessa pirezidanti Riippablika Dimokiraatawa Federaalaa itoophiyaa, Saahila Worqiin dabalatee pirezidantoonni afur gara aangootti dhufaniiru.

Pirezidanti Saala Worqiin alatti pirezidantoonni sadan dhiiroota ta'un alatti, seenaan duubeesaanii karaa garaagaraatiin kan siyaasa biyyattii keessatti hirmaataa turaniidha.

Keessattuu Dr Nagaasoo Gidaadaa fi Dr Mulaatu tashoma miseensoota OPDO kan qaama paartii biyya bulchaa ture ADUI ta'ee turan. Pirezidantii Girmaa Waldagoorgisis ADUI'n alatti hoggansa paartii baayyee hin beekamne tura.

Pirezidanti Saahila Worqi garuu haala kanneen duraatiin adda ta'etiin dirree dippilomaasiitiin baroota dheeraaf hojjachuun alatti seenaa biyyattii keessatti dubartii jalqabaa pirezidantii ta'un kan mudamaniidha.

Aangoon pirezidantummaa biyyaa kun garuu mallattoo biyyummaatiin alatti, heera mootumaatiin aangoon murteewwan bu'aa guddaa qabu dabarsuuf dandeessisu hin kennamneef. Sababii kanaatiinis, Ambaasaadar Saahila Worqi pirezidanti ta'un muudamuunshee ogummaa dippilomaasiifi muxannooshee jalaa balleessaa jechuun kanneen gaabban muraasa hin turre.

Heera mootummaatiin itti gaafatamummaa ijoon pirezidantiif kenname, murteewwan qaamoolee mootummaa kaaniin kennameef beekkamtii kennuudha. Kanaanis seerootaafii waliigalteewwan mana maree bakka bu'oota ummataatiin raggaasiifaman gaazeexaan labsuu, ambaasaadarootaafi ergamtoota MM dhiyeessan muuduu akkasumas gulantaalee waraanaa olaanoo kennuudha.

Kana malees walgahii waloo mana maree federeshiniif mana maree bakka bu'oota ummataa haasaan banuu, ambaasadaroota biyyota alaa fi ergamtoota addaa irraa xalayaa muudamaasaanii fudhuu, niishalootaafi badhaasoota kennu akkasumas gaaffilee dhiifama seeraa dhiyaatan simachuu aangoo pirezidantii keessaa kanneen eergamaniidha.