Waldaan Makaane Yesuus Itoophiyaa hariiroo jaalalaa saala walfakkaataan walqabatee ibsi tibbana baaste maali?

Dr Yonaas Yigezuu, pireezdantii Waldaan Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa

Madda suuraa, The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus

Tibba kana Waldaan Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaane Yesuus Itoophiyaa waldaalee biyya alaa lama kan fuudha saala walfakkaataa gidduutti godhamu eebbisaniifi lubummaanis akka tajaajilan hayyaman waliin hariiroo tolfatte jedhu miidiyaa hawaasaa gubbaa bal'inaan qoodamaa jira.

Waldaan kun ibsa Kibxata darbe baasteen dhimma hariiroo saala walfakkaataa gidduutti godhamu ilaalchisee ejjennoon ishee barsiisa amantaasheen cubbuu ta'uu beeksifte.

Waldaalee biyya alaa dhimma kana seerawaa godhan waliinis hariiroon waggoota dura sababuma kanana adda citee ture akka hin haaromne ibsite.

Dhimma kana irratti BBCf yaada kan kennan pirezidantiin Waldaa Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa Rivereend Dr. Yonaas Yigezuu ''waldaalee yaada kana qaban waliin michummaa uummachuu hin dandeenyuu'' jedhan.

Waldaan Makaana Yesuus Itoophiyaa Waldaa Kiristiyaana Siwiidiniifi Waldaa Luteraanii biyya Ameerikaa waliin waggoota dheeraaf hariiroo qabaachaa turte.

Haata'u malee waggoota 10 dura murte jaalala saala walfakkaataa irratti murte dabarsan irraa ka'uun hariiroon baroota dheeraa kun akka adda citu murtaahuu Dr Yonaas himaniiru.

''Bara 1898 kaasee Siwiidinootni keessumaammoo Wallaggatti Boojjii kaasee Najjoo, boodammoo Ayira, Dambidoolloo, keessatti hojii hojjechaa turan nu wajjiniin. Booda ammoo warri Ameerikaas dhufaniiru.''

''Waldootni kun gara boodana kana seera mootummootni isaanii baasan jala dhaabachuu dadhabanii fuudha saala walfakkaataa gidduutti godhamuu eebbisuufi Lubummaattis waamuu jalqaban'' jedhu.

Hariiroon saalqunnamtii inni dhiiraafi dubara gidduu godhamu akkuma jirutti ta'ee saala walfakkaata gidduuttis yoo ta'e, namootni kana raawwatan fedhiin isaanii kun to'annoo isaanii ol ta'ee waan dhufeef akka nama kamiittuu tajaajila argachuufi kennuu qabu yaada jedhu qabachuu isaanii himan.

Waldaaleen Kiristiyaanaa kunniin baroota dheeraaf michummaa qabaatanis wayita ''warra saala walfakkaataa wal fuudhuu barbaadan eebbisan, gara lubummaattis waamuu eegalan, waggaa 10 dura waldaan keenya balaaleffattee jara kana waliin adda citte jedhu Dr Yonaas.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kun kanaan osoo jiruu Sinodosiiwwan 45 keessaa kanneen waldaalee Ameerikaa fi Siwidiin waliin hariiroo bara dheeraa qaban ''hanga isaan ilaalcha isaanii humnaan akka fudhannu nu hin dirqinetti hariiroon osoo itti fufee, warra karaarraa maqe kanas wangeelaan qaqqabna'' mariin jedhu akka ka'e dubbatu.

Mariin kun dogoggoraan hubatamee, dubbii miidiyaa haawaasaa ta'uus himan.

''Waldaan keenya Makaan Yesuus jara kana dura balaaleffattee turtee amma deebitee araraamuuf jetti kan jedhu oduu facaasan. Kan jecha jirru lakki araraamaa hin jiru, garuu akkamitti hojii misiyoonummaa biyyoota kana keessatti hojjenna jenne'' jedhu.

Waldaan Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itiyoophiyaa tokkummaa waldoolee yoo taatu, tokkommaa guguddaa 45 maqaa Sinodoosii jedhuun beekaman irraa ijaaramte.

Sinoodosiin kunniin ammaa walabummaa ofii qabaatanii ofiin bulu. Ammoo murteewwan waloo ni kabaju. Murtee hariiroo adda kutuu fudhataniis wliin hojjechuu haala danda'an irrattis yaada kaasaa jiru.

Dr Yonas ibsi isaanii kun kan bahe waldaan isaanii waldaalee biyya alaa fuudha saala walfakkaataa deeggaran, eebbisaaniifi tajajailaaf waaman lamaan waliin hariiroo adda cite akka hin haaromsine ifa gochuuf ta'uu dubbatan.

Ibsi fuula miidiyaa hawaasaa Waldichaa gubbaa bahe ''Waldattiin walitti dhufeenya saala Walfakaata gidduutti ta’u kam iyyuu cimsitee mormiti; akkasumas saala walfakaataa gidduutti walitti dhufeenyi godhamu Macaafa qulqulluun kan mormu cubbuu ija jabummaa ta’uu isaa waan amantuuf warra cubbuu kana raawwatanii wajjin walii hin galtu'' jedha.

Dabaluunis ''waldattiin warra gaa’ela saala walfakaataa gidduutti godhamu fudhatan gara tajaajilaatti waamuu fi hojii Lubummaatti waamuu in mormitis'' jedha.

Waldittiin Tajaajila Misiyoonummaa Addunyaa sochii jedhuun biyyoota addunyaa keessatti wangeela himuuf tattaaffii gootuun waldaalee lamaanis qaqqabuun daandii qajeelaatti deebisuun haala danda'amu irratti mariin godhamuu himan.

Miseensonni waldaale lamaan US fi Siwiidin dhalattoota Itoophiyaa of keessaa qaachuufi isaanirraas waamichi gargaarsaa dhuufu Dr Yonaas himaniiru.

Akka Dr Yonaas jedhanitti addatti waldaalee lamaan hariiroo jabaa waliin qabaachaa turan irratti dhimmi kun xiyyeefate malee biyyoota Awurooppaa kaan keessa dhimmi kun rakkoo uumuu himaniiru.

'Itoophiyaatti sochiin hariiroo saala walfakkaataa ifatti mul'achaa jira'

Dr Yohaannis Waldaalee Kiristaanaa US fi Siwiidin hariiroo adda kutan irraa amma dura kallattiin dhiibbaan ilaalcha hariiroo jaalalaa saala walfakkaataa deeggaruu akka hin mula'anne dubbataniiru.

Ammoo Itoophiyaa keessa ilaalchiifi sochiin kun bifa adda addaan tamsa'ee ifattiyyuu mul'achaa akka jiru himu.

''Akka mootummaattis haata'u akka waldaatti dhimma kana irratti mariytamee, ajandaa ta'ee hin jiru rakkinichi babal'ataa jira'' jedhu.

Mirga namoota hariiroo jaalalaa saala walfakkaataa kabajuu ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee idila addunyaa waliin waliigaltee rawwachuuf wayita jedhamee haasa'amaa tures, Itoophiyaaf yaada fayyadu miti jechuun xalayaa barreessuus himaniiru.

''Biyya keenya keessatti rakkinichi dhokataayyuu hin jiru baayyee akka kana duraa faffaca'eera.''

Waldaan isaanii sagantaa adda addaa bocuun ijoollee dhimma kanarraa eeguuf yeroo dheeraa dura barsiisuu akka jalqabes dubbatan.