Poop Firaansiis waloomuu saala walfakkaataaf deeggarsa qaban agarsiisan

Poop Firaansiis

Madda suuraa, Reuters

Hoogganaan Bataskaana Kaatoolikii Poop Firaansis fuudhiifi heerumni namoota saala walafakkaataa qaban gidduutti raawwatamu gaa'ilaan gaditti beekamtii 'civil Uniion' akka qabaatu hayyamamuu qaba jedhan.

Poop Firaansis yaada kana kan kennan fiilmii dookumentarii tokkorratti yoo ta'u, ejjennoo hariiroo jaalalaa namaoota saalaan walfakkaatan irratti qaban ifatti kan agarsiisedha jedhu namootni.

Fiilmii Roobii kaleessaa gadhiifamerratti ''namootni jaalala saala walfakkaatan qabaman maatii ijaarrachuuf mirga qabu,'' jedhan.

Isaanis ijoollee waaqayyooti, mirga maatii horachuu qabu. Namni kamiyyuu kana keessaa dhorkamuus sababa kanaattis rakkachuu hin qabu jedhan.

Maatiin horatan beekamtii seeraa akka qabaatu gochuun akka barbaachisus dubbatan.

Arkibiishooppii Boones Ayirees ta'anii yero jiranittis seeraan fuudha saala walfakkaataa mormaa turan, hariiroon saala walafakkaataa kun garuu seeraa wayii akka qabaatu deeggaraa turan. ammas kun akka milkaahu akka hojjetan himaniiru.

Filmiin Poop Firaansiis ilaalcha isaanii kana irratti ibsan-mata dureen isaa Francesco kan jedhu yo ta'u jiruufi jireenya isaaniirratti xiyyeefata.

Fiilmii san keessatti hogganaan waldaa Kaatolikii kun dhiiroonni jaalalaan waliin jiraatan lama ijoollee isaanii sadii waliin bataskaan dhaqanii akka hirmaatan yeroo jajjabeessan mul'atu.

Barreessaan seenaa Poop Firaansiis Austen Ivereigh yaada isaanii kanatti akka hin dinqamne himeera.

Gaa'ille namoota jaalala saala walfakkaataan qabamaniif akka hin hayyamamne garuu ammoo beekamtiifi deeggarsi seeraa gaa'ilaan alatti akka kennamuuf dubbachaa turanii jedha.

Barsiisa waldaa Kaatolikiitiin hariiroon jaalalaa saala wafakkaataa gidduutti godhamu ''safuu'' jedhamuun ibsama.

Hoogganaan kun kanaan dura namootni saalaan walfakkaatanii walfuudhan daa'aimman guddifachaan guddisuurratti mormii qaban ibsanii turan.

''Daa'imman adeemsa kanaan ni miidhamu...namni kamuu abbaa saalaan dhiira ta'eefi haadha saalaan dubartii taate qabaachuu qabu'' jedhanii amanu.

Saalqunnamtiin namoota saala wafakkaataa qaban giduutti godhamu cubbuudha jechuunis ejjennoo mana amantaa isaanii ibsanii turan.

Namni hariiroo jaalalaa saala walfakkaataa keessa jiru fedha qabaatee waaqa yoo barbaade dhufe ani isa ceephaa'uuf eenyudha? jechuunis dubbatanii turan.

Bara 2018'tti ammoo Manneen amantaa keessatti hariiroon jaalalaa saala walfakkaataa akka isaan yaaddessu dubbataniiru.