Keenyaa: Mana shubbisaa dhiironni akka hin seenne dhorkaman

Dubartoota mana shubbisa alkanii Istiriktii Silkii, yeroo suura ofee kaafataa jiran

Madda suuraa, Courtesy:The Nest Collective

Manni shubbisaa Keenyaa tokko dubartoonni yaaddoo tokko malee akka keessatti bohaaran haala mijaawaa ta'e qopheesseera jetti.

Magaalaa gudditti Naayiroobii keessatti bakka magaalaa keessaa xiqqoo ba'ee argamu tokkotti mooraa shubbisaa toltuudha jedhamte tokko kireeffataniidha akka dubartoonni osoo yaaddoo tokko hin qabaatiin bilisa ta'anii akka bashannananiif qophaa'e.

"Mana shubbisaa dhiironni keessa jiran yoo ta'e of gadhiistee bilisa hin taatu. Hiriyyoota kee waliin bashannanuudhaaf bakka bilisa taatu akkasii ni wayya," jechuun dubbatti shamarreen umuriin ishee ganna 26 Jeen.

"Hundumtuu yoo dubartoota qofaa ta'an garuu waan akka maatii waliin ba'anii bashannananiitt."

Mana shubbisaa kana seenuudhaaf sakatta'insi isaa baayyee cimaadha. Dhiironni mursaani isaaniif hayyamamuu danda'a.

Haatau malee, dhiironni akka seenaniif isaaniif hayyamamu kunneen dubartoota mana shubbisaa kana akka geessaniif warra dhufanidha malee akka gara keessaa seenaniif kan isaaniif hayyamamu miti. Isaan booda garuu dafanii deemuu qabu.

Dubartoonni Keenyaa mana shubbisaa keessatti amaloota dhiiroo barbaachisaa hin taane ni balaalleffatu
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni Keenyaa mana shubbisaa keessatti amaloota dhiiroo barbaachisaa hin taane ni balaalleffatu

Kan baakonii duubaan dhugaatii buusu, warri waardiyyaafi eegumsaa, DJ, tekinishaanonni sagalee, warra weellisaniifi shubbisa ho'isan, waltajjii gaggeessaniifi keessummeessan hunduu dubartootadha.

«Bakki sun mana shubbisaa dubartootaa qofaadha jedhamuu akkuman dhaga'eenan galmaa'ee miseensa ta'e jetti," Shaaniin.

Hiriyyoonni lamaan Jeeniifi Shaan ba'anii didiriifatanii bohaaruun isaan gammachiisa. Waa'ee 'mana shubbisaa dubartootaa qofaa' kan argan fuula tiwiitera irraadha.

Yaada kana kan maddisiise dubartoota hojii fiilmii, muuziqaafi faashinii irratti boba'an sadii turan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Femicide warra Keenyaa: 'Dubartoonni keenya gara jabinaan ajjeefamaa jiru'

Qophii "Istiriktilii Siliik" jedhuun kan yaada isaa maddisiisanii jalqaban dubartoota Hinjookii Nigumaa, Hinjeerii Gaatungoofi Akkaatii Kahisiyaanii kan jedhaman yommuu ta'an, hundi isaanii muuxannoo fillmii, muuziqaafi ogummaa artii warra qaban miseensota Neest Kollekshin ta'anidha.

Akka yaada kana maddisiisan kan isaan dirqisiise ammo Keenyaa keessatti rakkoo hamaa miidhaa qaamaafi qoor-qalbii akkasumas ajjeechaa dubartootarra ga'e akka ta'e warra hundeessan kana keessaa tokko kan taate Hinjookii Nigumaa ni ibsiti.

Hordoftoota amantaa Musliimaa kan ta'an Muniiraafi Kadijjaan maamiltoota mana shibbisaa kanadha. Hordoftoonni amantaa kamiiyyu gara mana shubbisaa kana yoo dhufan nuuf garuu kan hedduu nutti toledha jedhu.

Wantonni akkasii kun biyyoota akka Hindiifi Sawud Arabiyaa keessa jiraatanillee kan to'ataman garuu sirna abbaatiinidha jetti Hinjookii Nigumaa.

An illustration of women of all walks of life, including those in hijabs dancing on the dance floor
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoota hawaasa gara garaa keessaa

Bakki sun mana shubbisaa dubartoota qofaaf qophaa'edha jedhamullee garuu kan 'namoota warra saalaan walfakkaatoo waljaallataniif' kan qophaa'edha jechuun kan qeeqanis hin dhiban.

Agarsiisa dubartoota shubbisaanii
Ibsa waa'ee suuraa, Agarsiisa dubartoota shubbisaanii

Hinjookii Nigumaa ammo kanaaf deebii qabdi: "Nuti duartoota ilaalcha kamiyyu qaban ni fudhanna.

Dubartoonni jaalala warra saala walfakkaataa ta'anis dhufuu ni danda'u. Garuu dhorkaa tokkollee hin qabnu. Dubartiin kamiyyu dhufuu ni dandeessi."

Hinjookii Nigumaafi jaalleewan hojiishee 'Mana Shubbisaa Dubartoota Qofaa' Naayiroobii keessatti qofaa osoo hin taane guutummaa Afrikaa irratti baballisuudhaaf karoora qabu.

Maqaan dubartoota as keessatti ibsamanii isa sirrii miti.