Gareen dubartoota Keeniyaa doqdoqqee oofan namootni akka isaan dinqisiifatan dubbatu

Madda suuraa, Katie Cashman
Gareen dubartoota Keeniyaa doqdoqqee oofan Inked Sisterhood jedhaman namoota 'ajaa'ba' jechisiiaa jiru.

Madda suuraa, Katie Cashman
Gareen kuni magaala guddoo biyyattii Naayiroobiirraa ka'anii gara kibbaa magaala Looyitooktookitti km270 imalan. Daandii rakkisaa kophee bottii gogaa gurraacha irraa tolfame, kobbortaafi koofiyyaa balaa irraa isaan eegu mataatti keewwatanii imalu.
Jiraattonni magaala isaanii Taanzaaniyaa waliin daangaa qooddattuu, simannaan isaanii ho'aa yoo tahuu baateyyuu, namoota kaanirraa dinqisifannaa argatu.

Madda suuraa, Katie Cashman
Peeshans Mehaataa qonnaa bultuufi hoggantuu yoo taatu Inked Sisterhood waggaa lama dura jalqabde. Dubartoota doqdoqqee oofan aangeessuufi hariiroo akka qabaatan gochuun immoo akeekashee ture. Yaadichi iddoo dubartoonni doqdoqqee oofuu baranitti kan dhufe yoo tahu amma misensota 46 qaba.
Gareen dubartoota doqdoqqee oofanii kuni gareewwan yeroo gabaabaa keessatti babal'atan keessaa kuni isa tokko dha.

Madda suuraa, Katie Cashman
Sababii gababinaafi hoggansa dansaa tahee qabaachuusheen ''Giiftii ocholonii'' jedhamteetti, Mehetaan erga fiilmii Ameerikaa Nikitaa jedhamu kan taatoon ijoo uffannaa goggaarraa tolfame uffattee doqdoqqee oofaa hojjettu ilaaltee booda hojii kanaaf akka onnatte ni dubbatti.
Maqaan garee keenyaa seenaa isa doqdoqqeee oofnu kan himu dha jetti.

Madda suuraa, Katie Cashman
Doqdoqqeen afaan Iswaahiliin "piki pikis" jedhama Naayiroobii keessattis mala geejibaa baramaa dha. Tajaajjilli geejibaaa kunis "boda boda" jedhamuun beekama. Haa tahu malee shufeerootni kunneen of-eeggannoon hin oofanifi dubartoota ni qoccolufi komiin jedhu irratti ka'a.
Dubartoonni doqdoqqee qaban baaayyee hin tahiiniyyuu malee- bu'aa wayyaa isaanii gogaarraa tolfame keewwatanii daandii magaalattii dhiphaterra kaachuu garuu argaa jiru.

Madda suuraa, Katie Cashman
''Yeroo dheeraaf qoodni dubaraafi dhiiraa waan ifa tahe dha. Keesumaa doqdoqqeen immoo akka waan jabaataafi balaafamaa tahetti ilaalama'' jetti Beetinaa Bogonkoo
Ogeettii fayyaa konkolaataa Liifaan 250cc kan qabdu Diraagan immoo ''yeroo abbaan koo waan kana akkan oofuu danda'u natti himee, na eebbisee ''siinan boona naan jedhe,'' ka'umsa naaf tahe.

Madda suuraa, Katie Cashman
Hoop Maakwaalii hoggantuu piroojektii yoo taatu Naayiroobiin namooti iddoo garaagaraa irraa dhufan keessa haa jiraatniyyuu malee ''doqdoqqee oofuun ammas akka hojii dhiiraatti ilaalama.'' jetti.
''Balaa qabaachuunsaa, awwaara kaasaa deemuufi jabina barbaaduunsaa dubartoota baayyeef hawwataa mitis'' jetti

Madda suuraa, Katie Cashman
Hojii doqdoqqee oofuu otoo hin jalqabiin dura hojjettuu hawaasummaa kan turte Amaaniyaa Kuuchihoon guyyaatti sa'aa shanii hanga ja'aa daandiirra dabarsiti.
Waggaa sadiif erga itti yaaddeen booda hojichatti kan galte Heroo Kaarizmaan immoo ''yeroo qusattee, maatii kee waliin yeroo dabarsita. Waan namatti toluufi maallaqa qusatu dha. Konkolaataawwan tiraafikiin isaan dhaabe bira yeroon darbu 'bilisummaatu' natti dhagahama. Hawaasni keenyi doqdoqqee oofan immoo baayyee wal-tumsu, jetti

Madda suuraa, Katie Cashman
Gareen Inked Sisterhood jedhaman kun gareedhaan imaluuf baatii muraasa gidduutti wal-ga'u. Imalli isaanii itti aanu gara kaaba biyyatti km56 magaala guddoorraa fagaattu Kimeendeeti.
Dubartoota doqdoqqee oofan biroo waliin immoo Guyyaa Konkolaachisuu Addunyaaf baatii Caamsaa keessa wal-arganiiru. Gareen kuni garee kan warra dhiiraa waliin garuu hariiroo hin qaban.

Madda suuraa, Katie Cashman
Agii Dii Koostaa, ogeettii herregaa yoo taatu isa dhiiroti buufata boba'aa keessaa hojjetan ''amma dubartiin kuni mucaa godhachuu dandeessi'' ishee jedhan yaadatti.
Namoota kana qaanessuuf mucaa isheetti bilbilteef, amantee isaanii dubartiin doqdoqqee ooftu dhala hin godhattu jedhu hin geeddaramne.

Madda suuraa, Katie Cashman
Injeerii Imboogoo immoo ''waan yeroo konkolaataan deemu hin arginenan arga.'' jetti
''Qilleensi isaa sitti dhagahama, foolii, waan hunda ifatti ilaalaa waan deemtuuf sitti tola.

Madda suuraa, Katie Cashman

Madda suuraa, Katie Cashman
Ogeettiin seeraa Doriin Muraangaa immoo nama meeshaa jaallattu hin tahiiniyyuu malee: ''Doqdoqqee koo garuu nan jaaladha, maqaas isheef baasera, yeroo ka'uu diddus ittan haasa'a, jetti
Akka iddoo baqannaattis nan ilaala:''Yeroo doqdoqee ooftu xiyyeeffannoo kee mara waan hojjetturra gochuu qabda. Waan dhiphina jireeanyaa ni irraanfatta. Sii, doqdoqqee kee, daandii keefi qilleensatu si wajjin jira akka koo yoo taate immoo sirboota gaggaarii.'' jetti.

Madda suuraa, Katie Cashman
Dubartoota akka ishee doqdoqqee oofuu barbaadanis: '' Jireenyi eessatiyyuu badduu bahuu danda'a, kanaaf sodaa waan tokko irraayyuu si hambisuu hin qabu'' Barachuu feetaaa? Boodattii hin jedhiin. Qottee bultuun oofuu yoo baratte taanaan, atis ni dandeessa.

Madda suuraa, Katie Cashman
Gareen Inked Sisterhood dubartoonni akka isaanitti makamanii, miirri bilisummaa akka itti dhagamu affeeru.
Suuraan: Kan Keetii Kaashmaan, ogeettii suuraa Naayiroobii jiraattu dha.
















