Jiraattonnii fi qorattoonni waa'ee kirkira lafaa halkan Dilbataa mudaterratti waan jedhan

Kirkira lafaa Dilbata kaleessaa galagala Fulbaana 26, 2017 magaalaa Finfinneefi godinaalee naannoo Oromiyaa garagaraa keessatti uumame rifaatuu fi yaaddoo uumee akka ture himu jiraattoonni.
Jiraattoonni Magaalaa Finfinnee keessattuu gamoowwan keessa jiraatan manasaanii keessaa bahuun sa’aatiiwwaniif ala keessa taa'aa turan.
Taateen kun battalattis dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa biyyattii ta’ee adeeffannoowwan qoodamaa turaniiru.
'Haati warraakoo kan na dhiibde natti fakkaatee ture'
Wayita kirkirri lafaa kun mudatu mana isaanii keessa akka turan BBC’tti kan himan jiraataan magaalaa Finfinnee Obbo Maarqos Getaahun, “Haati warraakoo nacinaa waan turteef isheen kan na dhiibde natti fakkaatee ture” jechuun haala battala sana ture himan.
Booda garuu namni ollaa manasaanii tureefii biyya Yugaandaa jiraate kirkira lafaa akka ta’e itti himuu dubbatan.
Magaalaa Finfinnee naannoo Hospitaala Minilik kan jiraatan Obbo Maarqos, “galgala naannoo sa’aa 2:05 yookiin 2:10’tti maatii waliin teenyee osoo jirruu sochii wayii dhageenye. Sochiin kun yeroo baay’ee gabaabaaf ture. Sana boodas manaa gadi baheen maaltu akka uumame ilaaluuf yaale” jedhan.
Itti aansunis dhimma argan kana waan shakkaniif “kirkira lafaatii?” jechuun miidiyaa hawaasaarratti gaafii gaafachuu himan.
'Manni yoo nurratti diigame jennee yaaddofne'
Magaalaan Mataahaaraa iddoowwan kirkirri lafaa kaleessaa itti dhagahame keessaa tokko.
Jiraataan magaalichaa kan ta’e dargaggoo Naafyaad Mokonnin, miirri lafa keessaa ol dhiibu wayii akka itti dhagahame BBC’tti hime.
Meeshaaleen mana keessaas walitti bubbu’uun sagalee dhagesisuufi maatii keessa rifaatuun uumamuu dubbate.
“Namoonni baay’een manaa gadi yaa’anii haasa’aa turan. Namoonni baay’eenis miira rifaatuu keessa galanii turan.
Rifannee yoo irra deebi’ellee jennee haluma teenyee irratti laalaa turre. Tasammoo manni yoo nurratti diigame jennee yaaddofne” jedhe.
Gama biraatiin jiraataan Magaalaa Finfinnee Obbo Maarqos, “Manichi waan hollateef natti fakkaata diishiiwwan televiziyoonaa ani qabu lama hojjechuu dhaabaniiru, ammallee hojjechaa hinjiru” jedhan.
Dabaluunis “Beekumsa sochii xiqqaa booda sochiin guddaan ni uumama jedhu waanin qabuuf yaaddoo kirkirri lafaa kun deebi’ee uumamuu mala jedhu nan qaba ture. Kanaafis hanga sa’aa 4:30’tti mana keessa taa’ee eegaan ture” jedhan.
Taatee uumame ija qorataatiin
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirofeesar Attaalaay Ayyala Yunivarsiitii Finfinnee Inistitiyuutii Ji’oo Fiiziksii, Qorannoo Hawaafii Astironoomiitti qorataafii barsiisaa saayinsii kirkira lafaati. Daayrektara Ji’oloojii, Astironoomiifi Qorannoo Hawaati. Dhimma kirkira lafaarrattis qorannoowwan taasisuun beekamu.
Isaanis taateen kaleessaa sochii volkaanoowwan maqaa Fantaallee fi Doofan jedhan qaban gidduutti uumamaa jiruun kan uumame akka ta’efii uumamuu erga eegalees torbeewwan sadii ol lakkoofsisuu himan.
Sochiin kunis sochii wayita dhagaan baqe keessoo lafaatii ol dhiibee dhufu uumamu akka ta’e eeruun, “Dambalii sochii kanaatu lafa keessa deemuun bu’uura gamoowwanii tuqe” jedhan.
Sosochiin kun namoota lafa jiranirra kunneen gamoorra jiranitti caalmaan akka dhagahamus hayyuun kun himaniiru.
“Sochii kana yeroo dheeraaf osoo adda hinkutin meeshaa keenya Yunivarsiitii Finfinneetti argamu fayyadamuun galmeessaa jirra. Sochiin kaleessaa xiqqoo kan dabale waan ta’eef magaalota baay’ee keessatti dhagahame” jedhan.
Hoollannaan lafaa kaleessaa kunis rektar iskeeliin 4.9 ta’uu Pirofeesar Attaalaay himaniiru.
'Taateen akkanaa haaraa miti'
Kirkirri yookiin hoollannaan lafaa sochii lafa keessaatin uumamu kun Itoophiyaa keessatti taatee haaraa akka hintaane Pirofeesar Attaalaay himu.
Akka fakkeenyaattis bara 1896 kirkirri lafaa maashiniin galmaa’e inni olaanaan rektar iskeeliin 6.8 uumamee akka ture himan.
Isa boodas kirkirawwan lafaa rektar iskeeliin 6.3, 6.1 akkasumas 5 galmaa’an jiraachuu himan.
“Iddichi iddoo uummamni sulula qinxamaa itti adeemaa jirudha. Kuni taatee baroota baay’eef turefii gara fulduraafis kan itti fufudha. Kanaafis wanta nama rifachiisus, nama ajaa’ibsiisus miti” jedhan.
Haa ta’u malee hawaasni akka hin rifanneef hubannoon uumamuu akka qabu kan himan hayyichi, wayita hoollannaan lafaa uumamutti namoonni lafa jiran yaadda’uu akka hinqabne garuummoo kunneen gamoowwan keessa jiran osoo hin rifatin tarkanfilee eeggannoo fudhachuu akka qaban himan.
“Qulqullinni ijaarsa manichaa amansiisaa too ta’e naannoo utubaawwan manaa (kolanii fi biimii) akkasumas roga manneeniitti taa’aa gorsa jedhutu jira” jedhan.
Kanaan alattimmoo qulqullina ijaarsawwanii fooyyessuu fi liiftiiwwan fayyadamuu dhiisuun akka gorfamus himaniiru. Dabalataan yoo balaan uumamellee lubbuu namaa baraaruuf qophaa’ummaan jiraachuu akka qabu dhaamaniiru.
Gama biraatiin taatee kana dursanii beekuun akka danda’amu kan gaafanne Pirofeesar Attaalaay Ayyala, “Isa kana nuyii mitii biyyoonni badhaadhaniyyuu gochuu hindandeenye. Kanaafuu isa raaguun hin danda’amu. Garuu naannoowwan kamitti irra deddeebiin akka uumamu ni beekama” jedhaniiru.












